Lola Tigraay: Tarkaanfiin waraanaa fudhatamaa jiru 'galma ifaa fi daanga'e qaba' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Reuters
Tarkaanfiin humni raayyaa ittisa biyyaa Kaaba Itoophiyaatti fudhataa jiru galma ifa, daanga'ee fi milkaa'uu danda'u qaba jedhan MM Abiy Ahimad.
Galmi isaa kunis olaantummaa seeraa fi sirna heera mootummaa kabachiisuu akkasumas mirga nagaan jiraachuu lammiilee Itoophiyaa tiksuudha jedhan barreeffama 'twitter' irratti barreessaniin.
Lammileen kunneen kan kutaa biyyattii kam keessayyuu jiraatan ta'uus eereera barreeffamni kun.
Kibxata Sadaasa 03 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleeluu isaatiini MM Abiy tarkaanfiin akka fudhatamu kan ajajan.
Ergasii humni addaa naannoo Amaaraa fi raayyaan ittisa biyyaa waliin ta'uun daangaa Tigraay gama Lixaan humna addaa naannoo Tigraay waliin wal lolaa jiraachuu aanga'oonni gama lamaanii mirkaneessaniiru.
Pireezidantiin Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el naannichi 'weerara nurratti aggaamame' qolachuuf humna gahaa qabaachuu dubbataniiru.
Mootummaan federaalaa fi kan naannoo Amaaraa ammoo tarkaanfii fudhatamaa jiruun milkaa'ina goonfachaa jiraachuu himan.
MM Abiy maal jedhan?
Hogganoonni biyyoota addunyaa waraanni akka dhaabbatuu fi furmaatni nagaa akka barbaadamu yaamicha dhiyeessanillee, MM Abiy tarkaanfiin cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Tarkaanfiin fudhatamu kunis galma ifa, daanga'ee fi milkaa'uu danda'u qaba jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Mootummaan federaalaa baatilee hedduuf garaagarummaa TPLF waliin qabu karaa nagaa, marii fi araaraan furuuf yaalii taasisaa turuu himan.
Yaaliin kun 'garee yakkamtoota fi of tuultota' TPLF yaada isaanii jijjiiruuf hayyamamtoota hin taaneen hin milkaa'iin hafeera jedhan.
Xumura irrattis TPLF rayyaa ittisa biyyaa Tigraay ture irratti haleellaa raawwate jedhan.
MM Abiy erga lolli kun eegalee as ajajoota waraanaa soorama baahanii turan afur gara raayyaa ittisaatti akka deebi'an waamicha taasisaniiru.
Itaamaazhoor Shuumii Itti aanaan waraana biyyattii jeneraal Birhaanuu Juulaa ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin loltoonni raayyaa ittisa biyyaa dabalataa garas geeffamaa akka jiran dubbataniiru.
Lolli eegalame kun osoo gara jiddugaleessa biyyaa hin dhufiin achumatti goolabama jedhan jeneraal Birhaanuun.
Lola amma duraatiin lubbuun namaa darbee fi miidhaan dhaqqabe ifatti hin baramne.
Wa'ee lola kanaa amma dura maal beekna?
- Lolli kan eegale Kibxata halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata raayyaa Ittisa biyyaa irratti haleellaa raawwachuu isaatiin ta'uu MM Abiy Ahimad himan.
- Daangaa naannolee Amaaraa fi Tigraay irrattis humni addaa naannoo Tigraay haleellaa raawwachuuf yaalii taasisee ofirraa qolachuu naannoo Amaaraa himeera.
- Naannoon Tigraay buufatawwan raayyaa ittisaa naannicha keessa jiran mara to'achuu fi Iziin Kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaa humna addaa naannichaa waliin dhaabbachuu hime.
- Naannichi humna gahaa ittiin haleellaa irratti aggaamame ofirraa qolatu qabaachuus beeksiseera.
- MM Abiy Ahimad Roobii galgala ibsa TV biyyaalessaa irratti kennaniin humni raayyaa ittisa biyya haleellaa isarratti baname ofirraa qolatee, deebisee haleeluutti cehuu dubbatan.
- Raayyaan ittisa biyyaa humna addaa naannoo Amaaraa waliin ta'uun Lixa Tigraayitti humna addaa naannoo Tigraay waraanaa akka jiru aanga'oonni gama lamaanii beeksisanii jiru.
- Tigraay irratti labsiin yeroo muddama ji'a jahaa kan labsame yoo ta'u bilbilli fi intarneetiin akkuma uggurametti jira.
- Tajaajilli humna ibsaa badee ture deebi'eera. Tajaajilli geejjibaa kutaalee naannichaa wal qunnamsiisu adda citee tures Jimaata eegaleera.














