Lola Tigraay: Lixa Tigraayitti waraanni adeemaa jiraachuu aanga'oonni himan

Magaalaa Maqalee
Ibsa waa'ee suuraa, Magaaaa Maqalee keessa sochiin namootaa fi daldalaa itti fufee jira

MM Abiy Ahimad waraanni raayyaa ittisa biyyaa naannoo Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhatu ajaja erga kennanii guyyaa lama guutuuf adeema.

Mootummaan Federaalaafi kan naannoo Amaaraa haleellaa humnoota Tigraay irratti fudhataniin milkaa'uu yoo beeksisan, mootummaan naannoo Tigraay ammoo haleellaa irratti aggamame qolachuuf humna gahaa qabaachuu ibseera.

Kibxata Sadaasa 03 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleeluu isaatiini MM Abiy tarkaanfiin akka fudhatamu kan ajajan.

Halkanuma sana naannoo daangaa Amaara fi Tigraay irratti humni addaa naannoo Tigraay haleellaa raawwachuuf yaalii taasisee ofirraa qolachuu naannoon Amaaraa himeera.

Ergasii as Roobii guyyaa guutuu wanta qabatamaan raawwate baruun hin danda'amne ture.

MM Abiy Ahimad Roobii galgala ibsa TV biyyaalessaa irratti kennaniin humni raayyaa ittisa biyya haleellaa isarratti baname ofirraa qolatee, deebisee haleeluutti cehuu dubbatan.

Humni raayyaa ittisaa haleellaa taasiseen milkaa'uu himanii tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhan.

Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xirunee lola Roobii halka walakkaa hanga Kamisa ganamaati taasifameen injifannoo argachuu dubbatan.

TVn biyyaalessaa akka qabaasetti lola lixa Tigraay daangaa naannoo Amaaraafi Tigraay iddoowwan Soroqaafi Qaraaqir jedhamanitti taasifameen humni addaa Tigraay dirqiin akka lolu taasifame hedduun harka kennachuu himan Obbo Tamasgeen.

Humni addaa naannoo Amaaraafi raayyaan ittisa biyyaa waliin ta'uun haleellaa humna addaa Tigraayiin irratti baname qolatee, deebisee haleeluun bakkeewwan hedduu qabachuu himan.

Naannoon Tigraay maal jedhe?

Pireezidantiin naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el ibsa Kamisa waaree booda TV naannichaa irratti kennaniin gama lixa Tigraayiin lolli adeemaa jiraachuu mirkaneessanii jiru.

Humni addaa naannoo Amaaraafi raayyaan ittisa biyyaa waliin ta'uun Roobii irraa eegalee humna addaa Tigraay waliin wal waraanaa akka jiran himan Dr Dabratsiyoon.

Akka pireezidantichi jedhanitti meeshaaleen waraanaa raayyaa ittisa biyyaa izii/ajaja Kaabaa harka ture guutummaatti jechuun sadarkaa danda'amuun humna naannoo Tigraayiin dhuunfatameera.

"Mootummaan federaalaa meeshaa waraanaa naannoo keenya keessa jiruun akka nu haleelu hin hayyamnu," jedhan Dr Dabratsiyoon.

Humnoonni Tigraay buufata raayyaa ittisaa Tigraay jiru to'atanii mul'atu
Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni Tigraay buufata raayyaa ittisaa Tigraay jiru to'atanii mul'atu

"Meeshaa waraanaa gahaa qabna turre, amma dabalata arganeerra. Hidhannoodhaan yoo caalle malee, isaanii gadi miti," jedhan.

Naannichi humnoota fagoofi dhiyoorraa waraana irratti labse barbadeessuuf gahumsa akka qabus Dr Dabratsiyoon dubbataniiru.

Lolli kun 'lola uummata Tigraay irratti Abiy Ahimadiifi pireezidantii Eertiraa Isaayyas Afawarqiin baname,' jechuun Eertiraan qooda keessaa qabaachuus eeraniiru.

Loltoonni raayyaa ittisa biyyaa Tigraay keessa turan keessaa muraasni hidhannoo isaanii waliin daangaa qaxxaamuranii gara Eertiraa akka seenanis dubbataniiru.

Mootummaan isaanii rakkoo uumameef karaa nagaa furmaata siyaasaa soquuf qophiidha jedhan.

Magaalaan guddoo naannichaa keessa Roobii fi Kamisa sochiin namootaa fi daldalaa itti fufuu rippoortarri BBC achi jiru Girmaay Gabruu gabaaseera.

Naannicha keessa balaliin xiyyaaraa kamiyyuu dhorkamus Kamisa waaree booda sa'aatii sagal irratti jeettiin waraanaa qilleensa Maqalee irratti mul'achuu gabaasaan BBC kun himeera.

Tigraay irratti labsiin yeroo muddama ji'a jahaa mana maree ministirootaan labsame Kamisa paarlaamaan raggaasifamee jira.

Tajaajilli bilbilaa, intarneetii, ibsaa fi geejjiba magaalota wal qunnamsiisu akka uggurametti jira.