Waa'ee lola Tigraay hogganoonni addunyaa maal jedhan?

Humna addaa Tigraayi
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni humni addaa Tigraay uffannaa raayyaa ittisa biyyaa uffatanii

Ministirri Muummee Abiy Ahimad raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii waraanaa naannoo Tigraay irratti akka fudhatu ajaja dabarsuu isaanii hordofee aanga'oonni biyyoota adda addaa yaaddoo qaban ibsataa jiru.

Kibxata Sadaasa 03 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleeluu isaatiini MM Abiy tarkaanfiin akka fudhatamu kan ajajan.

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompewoo TPLF raayya ittisa biyyaa Tigraay keessa buufate haleeluun isaa daran nu yaaddesseera jedhan.

Nagaan boora'e akka bakkatti deebi'uu fi muddamni jiru akka tasgabbaa'u tarkaanfiin ariifachiisaan akka fudhatamu hubachiifna jedhan.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Dubbi himaan barreessaa olaanaa UN Isteefan Dujaarik ibsa baasaniin, barreessaan olaanaa UN lola naannoo Tigraay quba qabaachuu himanii hatattamaan muddamni tasgabbaa'ee, dhibdeen jiru karaa nagaa akka furamu waamicha dhiyeessaniiru jedhan.

Itoophiyaa keessa tasgabbiin jiraachuun nageenya naannoo gaanfa Afrikaaf gumaacha qabu ibsaniiru.

UN sochii riifoormii mootummaan Itoophiyaa biyyaa nagaa fi lammilee ishee hundaaf taatu uumuuf taasisu ni deeggaras jedhan.

Pireezidantii Itti aanaan Komiishinii Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel muddamni waraanaa Itoophiyaa keessa jiru nagaa biyyattii fi guutuu naannichaa balaa guddaaf kan saaxiludha jedhan.

Muddama kana xiqqeessuu fi furmaataa nagaa barbaaaduu irratti tarkaanfiin fudhatamuu qabas jedhan.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Itoophiyaatti ambaasaaddarri US duraanii fi dhimma siyaasaa Itoophiyaa irratti dubbachuun kan beekaman Hermaan Koohen, MM Abiy tarkaanfii waraanaatti seenuun isaan gaddisiisuu himu.

"MM Itoophiyaa badhaasa Noobeelii injifate Abiy, mariin heera mootummaa haaraa kan sirna federaalaa dhugaa ta'een saboota biyyattii hundaaf mirga ofiin of bulchuu olaanaa kennu qopheessuu dhiisee Tigray waliin waraanatti seenuun na mufachiiseera," jedhan dipiloomaatiin gameessi kun.

Ogeessi seeraa beekamaan lammii Keeniya Paatriik Lumuumbaa ammoo Afrikaan waraana mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi naannoo Tigraayitti ija banachuun daran onnee nama cabsa jedhe.

'Gamtaan Afrikaa jidduu seenuu qaba, nuti hundi keenyas kana balaaleffannee haa dubbannu' jechuun waamicha dhiyeessee jira.

Komiishiniin Gamtaa Afrikaa ibsa Kibxata baaseen muddamni akka xiqqaatu fi rakkoon jiru marii biyyaalessaan akka furamu yaamicha dhiyeessee ture.

Wa'ee lola kanaa amma dura maal beekna?

  • Lolli kan eegale Kibxata halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata raayyaa Ittisa biyyaa irratti haleellaa raawwachuu isaatiin ta'uu MM Abiy Ahimad himan.
  • Daangaa naannolee Amaaraa fi Tigraay irrattis humni addaa naannoo Tigraay haleellaa raawwachuuf yaalii taasisee ofirraa qolachuu naannoo Amaaraa himeera.
  • Naannoon Tigraay buufatawwan raayyaa ittisaa naannicha keessa jiran mara to'achuu fi Iziin Kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaa humna addaa naannichaa waliin dhaabbachuu hime.
  • Naannichi humna gahaa ittiin haleellaa irratti aggaamame ofirraa qolatu qabaachuus beeksiseera.
  • MM Abiy Ahimad Roobii galgala ibsa TV biyyaalessaa irratti kennaniin humni raayyaa ittisa biyya haleellaa isarratti baname ofirraa qolatee, deebisee haleeluutti cehuu dubbatan.
  • Raayyaan ittisa biyyaa humna addaa naannoo Amaaraa waliin ta'uun Lixa Tigraayitti humna addaa naannoo Tigraay waraanaa akka jiru aanga'oonni gama lamaanii beeksisanii jiru.
  • Tigraay irratti labsiin yeroo muddama ji'a jahaa kan labsame yoo ta'u bilbilli fi intarneetiin akkuma uggurametti jira.
  • Tajaajilli humna ibsaa badee ture deebi'eera. Tajaajilli geejjibaa kutaalee naannichaa wal qunnamsiisu adda citee tures Jimaata eegaleera.