Imbaasiiwwan US fi UK muddamni Tigiraay keessa jiru atattamaan akka tasgabbaa'u gaafatan

Madda suuraa, Fuula Tiwiitara Imbaasiiwwan US fi UK
Imbaasiiwwan US fi UK magaalaa Finfinnee jiran mootummaan Federalaafi naannoon Tigiraay muddama gidduusaanii jiru atattamaan akka laaffisan gaafatan
Imbaasiiwwan Yunaayitid Isteet (US) fi Yunaayitid Kingidom (UK) Itoophiyaatti argaman ibsa gabaabaa fuula Tiwiitara isaaniirratti baasaniini kana kan jedhan.
Haalli yeroo ammaa Tigiraay keessa jiru atattamaan akka tasgabaa'uuf kan gaafate Imbaasiin US, gama lamaan irraayyu deebiin kennamu of eeggannoon taasifamuu qaba jedheera.
"Qaamoleen hunduu nagaafi tasgabbii lammilee nagaatiif dursa akka kennan cimsinee hubachiifna," jedha ibsi Imbaasii US baase.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Akkasumas, Imbaasiin UK Itoophiyaa jiru haalli yeroo ammaa Tigiraay keessa deemaa jiru atattamaan akka hin hammaanne taasifamuu qaba jedheera.
Dabalataanis, gara naannoo Tigiraayiifi Kaaba naannoo Amaaraa walitti bu'insi jiraachuun gabaafametti namoonni imalan of eeggannoo cimaa akka taasisan Imbaasiin UK akeekkachiiseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Muddamni mootummoota Federaalaa fi naannoo Tigraayi gidduu ji'ootaaf ture bifa biraa qabateera.
Halkan kaleessaa gara naannoo sa'aatii shanii irraa kaasee Maqalee fi magaalaa km11 fagaattee argamtu Kuwwihaatti sagaleen dhukaasaa cimaan dhaga'amaa akka ture riipportarri BBC achi jiru gabaasee ture.
MM Abiy humnooni nageenyaa dhaaba Naannoo Tigraay bulchutti hidhata qaban kaampii ajaja waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannicha jiruurratti 'haleellaa banan, saamuuf yaalii taasisan' jechuun galgaluma kaleessaa himaniiru.
Kana hordofees Raayyaan Ittisa Biyyaa kaaba biyyattiittii ergama biyya baraaruu isaa akka bahuuf ajaja kennuufii ibsan.
Manni Maree Ministeerotaa har'a wal gahii ariifachiisaa 21ffaa taasiseenimmoo nageenya biyyaa tiksuuf labsii yeroo muddamaa naannoo Tigiraay irratti labsuu ibse.
Kibxata halkan walakkaa irraa eegalee Tigraayitti bilbilliifi intarneetiin adda cituu rippoortarri BBC maqalee jiru gabaaseera.
Bilisummaa intarneetii irratti kan hojjatu dhaabbanni Neet Bilooksi jedhamus intarneetiin adda cituu ibseera.
Dabalataan Roobii ganamarraa eegalee ibsaan guutummaatti naannicha keessaa baduunis himameera.
Waajjiraaleen akka baankii fi Itiyoo-telekoom kan magaalaa maqalee keessa jiran cufamanii jiru.
Geejjibni gosa kamiis naannicha keessa akka hin jiraanne mootummaan naannoo Tigraay labsuu beeksiseera.
















