Yuunvarsiitiwwan waamicha barattootaa yeroo hin beekamneef dabarsan

Dabre Maarqos

Madda suuraa, Facebook

Dhaabbileen barnoota ol-aanoo mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigiraay gidduutti sababa wal dhabdeen uumameef simannaa barattootaa yeroo hin beekamneef dheeressan.

Yeroo hin beekamneef simannaa barattootaa tursiisuuf yuunvarsiitiiiwaan murteessan keessaa yuunvarsiitii Amboo, Baahirdaar, Dabre Maarqos fi Yuunvarsiitiin Waraabee keessatti argamu.

Yuunvarsiitiin Bahirdaar barattpootni bara kana eebbifaman Onkoloolessa 27 fi 28 akka mooraa seenan waamicha taasisuu yaadachiisuun ''haala qabatamaa amma jiruun barattootni waamicha isiniif taasifne beeksisa haaraan hanga isin waamnutti bakkuma jirtan akka turtan isin hubachiisna'' jedhera.

Yuunvarsiitiin Amboos haaluma wal fakkaatuun Onkoloolessa 25 fi 26 bara 2013tti waamus '' haala qbatamaa amma jiruun rakkoon geejibaa mudachaa jiraachuu hubanneerra'' Kanaaf bakkuma jirtan akka turtan'' jechuun beeksise.

Barattootni gara yuunvarsiitiitti dhufan yoo achi gahan akka simatu garuu dabaluun ibseera.

Yuunvarsiitiin Waraabees Onkoloolessa 30 barattoota akka simatu ibsee ture. Guyyaan galmee yeroo hin beekamneef akka darbee jirus beeksiseera.

Yuunvarsiitiin Dabre Maarqos haala qabatamaa nageenya biyyaa eeruun nageenya keessaniif bakkuma jirtanitti turaa jedheera.