MM Abiy Ahmad: 'Raayyaan ittisa biyyaa ergama biyyasaa baraaruu ni ba'a'

Madda suuraa, EBC
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Raayyaan Ittisa Biyyaa kaaba biyyattiitti ergama biyya baraaruu isaa akka bahuuf ajaja kennuufii ibsan.
Ministirri Muummee ibsa TV biyyattii irratti dhiyaachuun kennaniin ''humna kana barbadeessuuf kan nuuf danda'ame hunda ni raawwanna" jechuun ifatti waraanni TPLF irratti labsamuu himaniiru.
Tarkaanfii fudhatamaa jiru kanaafis MM, Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayi (TPLF) kan bara 1990 kaasee aangoorra ture himataniiru.
Ministirri Muummee Abiy barreeffama halkan keessa fuula feesbuukii isaaniirratti maxxansaniin, ''TPLF kaampii raayyaa ittisa biyyaa kan Tigraayiitti argamu irratti haleellaa raawwateera. Saamichas raawwachuuf yaalii taasiseera,'' jedhaniiru.
''Haata'u malee, waraanni kun kan waggoota digdamaa oliif uummata Tigraay tiksaa tureedha'' jedhan.
Itti dabaluunis, TPLF raayyaa ittisaa haleeluufi saamuuf ka'eera. Gama Daalshaahiitinis waraanni banameera jechuun lolli ifatti eegalamuu mirkanneessan.
Taateen kunis erga muddamni mootummaa fadaraalaa fi aanga'oota naannoo Tigraay jidduu ture baatiiwwan muraasaa asi dabalaa dhuufuun wal qabatee kan mudateedha.
TPLF buulchiinsi Abiy 'Fulbaana darbee kaasee weerara COVID-19 akka sababaatti fudhachuun aangoorra turuuf yaalii gochaa jira' jechuun balaaleffata.
Gama biraatiin ammoo aanga'oonni mootummaa federaalaa yeroo baay'ee hokkora biyyatiitti bakkeewwan adda addaatti umaman duuba jira jechuun TPLF himatu.
Akka dhaabbata 'Netblocks' kan walabummaa intarneetii to'atu jedhutti, naannoo Tigraayiitti tajaajilli daataa intarneetii fi bilbilaa wallakkeessaa halkanii irraa kaasee cufamuu mul'iseera.
Akka ibsa Ministira Mummeetti ''sararri diimaan darbameera. Kanaafuu ummataa fi biyya baraaruuf jecha TPLF irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun dirqama ta'eera.''
Itti dabaluunis motummaan ummanni Tigraay akka hin miidhamneef yaaduun waraanni akka hin banamneef obsa dhumaa obseera kan jedhan MM, waraanni kan hafu ammoo fedhii qaama tokkoo qofaan miti jedhan.
Kanaafuu, raayyaan ittisa biyyaa komaandi poostiin hogganamaa ergama biyyasaa baraaruu akka bahuuf ajajni dabarfamee jira jedhan.
''Uummannis dhimmoota miira tasgabaa'een akka hordofuu, tutuqaawwan naannooleetti uumaman of eeggannoon akka eeguufi maddii raayyaa ittisa biyyaa akka hiriiruu'' jechuun waamicha dabarsaniiru.













