Wanta Wallagga Lixaa aanaa Gullisootti ta'e aanga'aafi warra ijaan arganirraa

Wallagga Lixaa, Gullisoo
Ibsa waa'ee suuraa, Wallagga Lixaa, Gullisoo

Walagga Lixaa aanaa Gulliisoo ganda Gogolaa Qaanqaatti haleellaa qaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 32 hidhattootaan ajjeefamaniiru.

Poolisiin Oromiyaa lakkoofsi namoota haleellaa A L I Onkoloolessa 22, 2013 raawwatameen ajjeefaman 32 jedheera.

Akka namoota ijaan argine jedhan waabeffachuun Aministii Internaashinaal gabaasetti ammoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii yoo xiqqaate 54 ta'a.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas namoonni haleellaa qaqqabee tureen ajjeefaman 32 ta'uu eerus, akka odeeffannoo argachaan jira jedhuun garuu lakkoofsa jedhame kanaa ol ta'uu danda'a jedheera.

Ajjeechaan kun kan raawwatame lammilee nagaa sababa walga'ii jedhuun humnaan bakka tokkotti erga walitti qabaanii boodadha jechuun namoonni ijaan argan BBCtti himaniiru.

Warreen haleellaa raawwatan kunneen saba Amaaraa gandoota sadii keessa jiraatan irratti xiyyaafatan jedha ibsi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad ajjeechaa Wallagga Lixaatti raawwate kana ilaalchisuun Feesbuukii isaanii irratti ''haleellaa eenyummaa irratti xiyyeeffachuun lammiilee Itoophiyaa irratti fudhatamaa jiru na gaddisiiseera'' jechuun barreessan.

''Diinonni Itoophiyaa yookiin nuti bulchuu qabna ykn biyyi hin jiraattu'' jechuun ka'aniiru jechuun barreessan.

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudellee ‘ajjeechaan sukaneessaa dhagahe laphee na cabseera’ jechuun ibsan.

Barreeffama tiwiitara isaanii irratti barreessaniin lammiileen nagaa ‘maraannaa kaaniin’ sababni lubbuu itti dhabaniifi qabeenyi isaanii itti manca’u akkasumas bakka itti deeman dhabanii sababni rakkataniifi hin jiru jedhan.

Sabni fi amantiin galtee siyaasaaf yoo ooluufi lammiileen nagaa kanaan yoo rakkoo argan arguu ibsuuf jecha nama hanqata jedhan.

Biyyaafi ummataaf jennee ‘sararrii diimaa’ qaxxaamuramu hin qabne qaxxaamurameera. Rakkoo biyyatti dhufe furuuf hunduu qooda qaba jechuun akka qooda gumaachu gaafatan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ammo ajjeechaan kun loltoota 'ABO Shaneetiin' raawwatame jechuun tarkaanfii fudhachaa akka jiru ibseera.

Hidhattoota kana dura ABO jala turaniifi bosonatti hafan kan isaan ‘Waraana Bilisummaa Oromoo’ (WBO) jedhanii of waaman mootummaan ‘ABO – Shanee’ jechuun waama.

Namoonni bakka sana turanii ijaan argan maal jedhu?

Namni ijaan arge jechuun BBC’tti dubbate tokko walga'ii waamamerratti akka argamanii turaniifi haleellaa jalaa miliqanii yeroo ammaa magaalaa Diillaa akka jiran dubbatu.

Yeroo isaan qonnaan bulaa akka ta'an itti himanitti fudhachuu akka didan dubbata.

"Duras taanaan Komaand Postiin waan eegumsa nuuf taasisaa tureef malee hin teenyu ture. Isaan deemuuf jirraa qophaa'aa jedhanii osoo nutti hin himiin Sambata deeman. Qul'aa ta'uu keenya arguun galgala galan, meeshaa manaafi bilbila fudhatan. Dilbata 'warri Shanee' dhufanii balaa nurrraan gahan," jechuun dubbatu.

Namni kun reeffa 50 ol akka arge dubbatu. Manni gubachuu isaallee ni hima.

Yeroo ammaa kana magaalaa Diillaa keessa kaampii humni ittisaa keessa turetti bulchaan aanichaa walitti qabee akka teessiseefi wanta nyaatan akka hin qabne dubbataniiru.

Namni taatee sana ijaan argite bakka walga'iin waamame akka turte ibsiti. Haleellaa kanaan maatiifi firoota akka dhabde himti.

"Walga'ii jedhanii guddaafi xiqqaa waaman. Meeshaa galii godhaa jedhan. Maallaqa, sangaa ykn waan barbaaddan isiniif kennina meeshaan funaanamee deemeera jenneen," jechuun wanta uumame BBCtti himte.

Yeroo ammaa ijoolleeshee afur waliin magaalaa Diillaa akka jiran dubbatti. "Bishaaniifi midhaan hin jiru. Daa'imman erga dhangaa afaaniin qabanii guyyaa sadii," jechuun haala keessa jiran ibsiteetti.

Bulchaan aanaa Gullisoo maal jedhan?

Gaawaa Qaanqaa ganda baadiyyaa magaalaa teessoo Aanaa Gullisoo kan taate Gullisoo irraa kiiloomeetira 70 fagaattee argamtu jedhan bulchaan aanichaa Obbo Daagim Malaakuu.

Dhalattoonni saba Amaaraa bara 1977 irraa eegalee ganda sana qubatan jiraachuu fi uummata Oromoo waliin waggoota dheeraaf waliin jiraachaa akka turan himu.

Sababa rakkoo nageenyaa waggoota darban achi tureen humni waraanaa raayyaa ittisa biyyaa achi buufatee akka tures himu.

Ajjeechaan akka mootummaan jedhutti yoo xiqqaate lubbuu namoota 32 galaafate kun humni waraana mootummaa bakkicha gadi dhiisee bahuu hordofee kan raawwate ta'uu himu jiraattonni.

Humni Waraanaa mootummaa maaliif bakka sana gadhiisee akka bahe kan gaafanne Obbo Daagim yaada kennuurraa of qusataniiru.

Humni Waraanaa mootummaa naannicha gadi dhiisee bahuu hordofuun hidhattoonni mootummaan 'ABO-Shanee' ittiin jedhu gandicha to'achuu fi uummata walgahiif waamuu himu aanga'aan kun.

Walgahii kana caasaan mootummaa gandicha bulchu quba qabaachuu gaafatamanii, "caasaan gandaa warra ajjeechaaf barbaadaman waan ta'aniif achii baqatanii turan" jedhan.

Qaamni hidhate kun 'caasaa gandaa malee isinirraa dhimma hin qabnu' jedhee jiraattota walgahiif erga waamee booda ajjeechaa kana irratti raawwachuu himu.

Ajjeechaa kun meeshaa waraanaan raawwatamuu malee boombii ykn rasaasaan ta'uu adda baasanii hin himne.

Eeynummaa namoota ajjeefamanii ilaalchisee kan gaafanne Obbo Daagim, 'ajjeechaan kun saba tokkorratti kan xiyyeeffate miti' jedhu.

"Namni kan isaa keessaa fuudhe dubbachuu danda'a, garuu as keessa lamaan isaaniiyyu [Amaaraa fi Oromoo] wal keessa jiraatu. Ajjeechichi kan raawwate saba adda baasee miti."

Namoonni haleellaa kanaan buqqa'an magaalaa Diillaa jedhamtu naannoo sanatti argamtu buufatanii akka jiran kan himan aanga'aan kun qaamni nageenyaa mootummaa fi bulchiinsi aanaa bakka rakkoon uumametti argamuun uummata tasgabbeessaa mariisisaa jira jedhan.

"Warra du'an awwaalaa, kan madaa'an yaalchisaa, kaan ammoo tasgabeessanii gara qe'eetti deebisuuf hojiin hojjetamaa jira" jedhan.

"Qaamoleen nageenyaa, nageenya naannichaa mirkaneessuuf sochiitti jiru, gandaa gandatti iddoo humnoonni rakkoo nageenyaa uuman jiru jedhaman sakatta'anii qulqulleessanii nagaan akka jiraatu hojjechaa jiru."

Tarkaanfii humnoota gocha kanarratti raawwatame jiraachuu gaafannee hordofamaa jiraachuun alatti qaamni to'annaa jala ooles ta'e kan tarkaanfiin irratti fudhatame amma dura hin jiru jedhan.