'Biyya tasgabbeessuuf mariin qaamolee siyaasaa hunda hirmaachise gaggeefamuu qaba'-Gamtaa Afrikaa

Gamtaan Afrikaa Itoophiyaa keessatti walitti bu'insa tasgabeessuuf mariin qaamoleen siyaasaa hunda hamate gara waliigaltee biyyaaleessaatti geessuu gaggeeffamuu qaba jedhe.
Durata'aan Gamtaan Afrikaa Moosaa Faakii Mahaamaat lammileen nagaa ajjeefamuu cimsanii akka balalleffatan ibsuun, mootummaan gareewwan haleellaa sana qaqqabsiisan itti gaafatamaa akka taasisuuf hubachiisaniiru.
Walitti bu'insi hawaasa keessatti uumamu dabalaa dhufuu eeruun, qaamoleen hunduu dubbii walitti bu'insa hammeessanirraa akka of qusachuu qaban gaafataniiru durata'aan kun.
Kana ta'uu baannaan garuu tasgabbii dhabuun Itoophiyaarra darbee naannawaafillee daafaa ta'a kan jedhan durata'aan kun, Gamtaan Afrikaa biyyattii keessatti tasgabbiin akka jiraatuuf tumsa akka taasisu ibsaniiru.
Komiishiniin Poolisii Oromiyaa lakkoofsi namoota haleellaa kanaan lubbuun isaanii darbe 32 ta'uu himeera.
Kanneen ajjeefaman keessaa dhiirri 23, dubartoonni ammoo 9 ta'uu hime komiishinichi. Kunneen kan battalatti lubbuu dhaban yoo ta'an namoonni biroo 10 ammoo madaa'uu himeera.
Ajjeechaa kanaan wal-qabatee abbootiin warraa 200 ta'an qe'ee fi qabeenya isaaniirra buqqa'uus itti dabaluun himeera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) lakkoofsi namoota ajjeefamanii hanga ammaatti mirkanaa’e 32 ta’us, ragaa argadhe jedheen ammoo lakkoofsichi kana caaluu akka malu himeera Komishinichi.
Amnastii Intarnaashinaal maal jedhe?
Haleellaa Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Gaawaa Qaanqaa keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 54 ajjeefamuu adda baafadheera jedha dhaabbati mirga namoomaa Amnastii Intarnaashinaal.
Haleellaa kanaan qaamolee hidhatanii bosona keessa socho'an kan waraana Adda Bilisummaa Oromoo(WBO) ofiin jedhan kan shakku dhaabbati kun kanneen haleellaa kanaan dhuman ammoo dhalattoota saba Amaaraa ta'uu eere.
Haleellaan kun erga Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawa sana buufatee ture ba'ee guyyaa tokko booda(Sadaasa 1, 2020) raawwate jedhe.
Raayyaan Ittisa Biyyaa tasa achi baafamuu fi maaliif akka baafaman ibsi ga'aan akka hin jirres eereera Amnastiin.
Akka dhaabbati kun namoota ijaan argan irraa odeeffadheera jedhutti dhiironni, dubartoonni fi daa'imman kanneen ajjeefaman keessatti argamu.
Dhaabbatichatti Daarektara Damee Bahaa fi Kibba Afriikaa kan ta'an Deprose Muchena, ''haleellaa suukanneessaan kun haleellaawwan saboota irratti xiyyeeffachuun biyyattii keessatti tibbana raawwatamaa jiran keessaa isa hamaadha" jedhan.
"Taateen kun akkuma raayyaan ittisa biyyaa, maaliif akka kaafame osoo hin ibsamin, achii kaafamanii raawwachuunsaa gaaffii deebii barbaaduudha'' jedhan.
''Aanga'oonni Itoophiyaa waan mudate sirriitti qoratanii, kanneen badii raawwatan adabbii madaalawaan adabuu qabus'' jedhan.
Amnastii Intarnaashinaal namoota haleellaa kana jalaa miliqanii bosona keessa dhokatanii jiran quunnamee dubbiseera jedha.
Qaamoleen haleellaa qaqqabsiisan WBO jedhanii akka of waamanii fi akkuma Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkicha gadi dhiiseen naannicha to'achuu namoota kunneen irraa odeeffachuu ibsa.
Akka gabaasa Amnastii Intarnaashinaalitti namoonni haleellaa kana miliqan, reeffa namoota 54 lakkaa'uu dubbatu.
Hidhattoonni kunneen namoota salphaatti baqatanii jalaa ba'uuf humna hin qabne dubartoota, daa'imman fi jaarrolee mana barnootaa keessatti walitti qabanii akka ajjeesan kanneen ijaan argan irraa odeeffadheera jedha dhaabbati kun.
Namni tokko akka Amnastiitti himetti firoonnisaa sadi: abbaa, obboleettii fi akaakayyuun haadha manaasaa ajjeefamuu himeera.
Namni kan biraan ammoo obboleessa, soddaa fi durbii eessumasaa dabalatee ijoolleen sadi ajjeefamuu Amnastii Intarnaashinaalitti himeera.
Reeffi namoota kunneen mana barnootaa keessatti argame, hedduun isaanii rasaasaani kan rukutamani ajjeefaman jedha.
Hidhattoonni haleellaa raawwatan qabeenya hedduu saamaniiru, kaan ammoo abiddaan gubaniiru jedha gabaasi Amnastii.
''Mootummaan Itoophiyaa haleellaa hidhattootaan sab-lammiiwwan irratti raawwatamu hambisuu qaba. Lubbuu namaa eeguu qaba, manneen barbadaa'aa jiran, Oromiyaa keessa qofa osoo hin taane, kutaalee biyyattii hunda keessatti bira dhaabbatee eegumsa gochuu qaba'' jedhan qondaalli Amnastii Intarnaashinaal kun.
Mootummaan ajjeechaa kana raawwate jechuun qaama 'ABO-Shanee' jedhamu yoo balaaleffatu, meeshaan deeggaruun ammoo Wayyaanee kan ittiin jedhe dhaaba Naannoo Tigraay bulchu TPLF'tti quba qabeera.
ABO fi TPLF maal jedhan?
Addi Bilisummaa Oromoo ajjeechaa lammilee irratti raawwachuu miidiyaa irraa dhagahuu eeruun, ajjeechaa kana jabeesseen balaaleffadha jedheera.
Qaamni mootummaan ajjeechaa kana raawwateera jedhu 'ABO-Shanee' jedhamu eenyu akka ta'e wanti beekamu akka hin jirres ibsi kun tuqeera.
Itti dabaluunis ajjeechaa kunii fi kanneen biroos qaama walaba ta'e amanamummaa qabuun yeroo gabaabaa keessatti qulqullaa'ee uummataaf ifa akka ta'u gaafateera.
Balaa mudachaa jiru hambisuufi gidiraa kanarra hamaa ta'erraa lammilee baraaruuf furmaatni jiru mootummaa ce'umsaa Oromiyaa ijaaruu qofa akka ta'es himeera.
TPLF gama mootummaan ajjeechaa kanaan TPLF yakkuun dogoggora jedhe.
''Qaamni mootummaadha ofiin jedhu ajjeefamuu kee dhaabuu qaba, reebamuu kee dhaabuu qaba malee, qaamni si miidhu abaluu ta'uu mala jedhanii ibsa kennuu miti hojiin'' jedhan miseensa koree hoji raawwachiiftuu paartichaa Obbo Geetaachoo Raddaa.Komii yeroo hunda TPLF irratti ka'uuf deebii kennaa ooluun nu nuffisiiseera kan jedhan Obbo Geetaachoon, mootummaan ofii nageenya uummataa eeguun osoo irra jiruu qaama biraatti quba qabuu filata jechuun qeeqan.
"Abiy hookkaraa fi goolama siyaasaa keessaa bu'aan akka argamu amanee waggoota afran darbaniif kan socho'aa tureedha'' jechuun deebisanii quba gara mootummaati qabu Obbo Geetaachoon.
TPLF Abiy Ahmadiin kuffisuuf fedhii yoo qabaate kan ta'uu qabu Gullisoo yookiin Matakkal yookiin ammoo Gurra Fardaa deemee daa'imman ajjeesuun isa hin barbaachisu jedhu Obbo Geetaachoon.
Erga yeroo dhiyoo as ajjeechaawwan wal fakkaataa hedduun kan eenyummaa sabaa irratti qiyyaafatan biyyattii keessatti raawwatamaa jiru.
Godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo bosonatti hafe kan mootummaan 'Shanee jedhee waamu socho'an keessatti ajjeechaa yeroodhaa gara yerootti raawwatuuf mootummaan qaama kana himataa ture.
Dhaabbileen mirga namoomaa ammoo gabaasaalee yeroo gara garaa baasaa turaniin ajjeechaa namoota nagaa irratti godinaalee kanneen keessatti raawwataa tureef humni waraanaa mootummaas harka keessaa qaba jechuun qeequ.
Godinaalee kanneen keessa humni waraanaa mootummaa oppireeshinii gaggeessaa akka jiruufi qaama hidhatee socho'u kana dhabamsiisaa akka jiru mootummaan himaa ture.
Waggoota lamaan darbaniif garuu rakkoon nageenyaa Wallagga Lixaa keessaa furmaata waaraa hin arganne.













