Gamtaan Awurooppaa wanti Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru 'baayyee yaaddessaadha' jedhe

Gamtaan Awurooppaa haalliu Itoophiyaa keessaa yaaddessadha jedhe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gamtaa Awurooppaa

Pirezedaantiin Itti-aanaa Gamtaa Awurooppaa Joosep Boorel ibsa fuula marsariitii Gamtichaarratti baasaniin wanti Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru cimsee yaaddessaadha jedhan.

"Qaamoleen hunduu, biyyoota ollaa Itoophiyaa dabalatee muddama hir'isuu, jechoota dubbii hammeessan dhaabuufi loltoota bobbaasuun wal tutuqquu dhiisuurratti hojjechuu qabu.

Kana gochuu dhiisuun ammoo biyyattiin, akkasumas naannichi guutummaatti akka boora'u taasia."

Ibsi Gamtichaa kun marii biyyaalessaa qaamoleen siyaasa hunda hirmaachise gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumuun yeroo kamiyyu caalaa amma barbaachisaadha jedheera.

"Kun ummanni Itoophiyaa egeree dimokiraatawaafi badhaadhe akka qabaatan gochuuf furtuudha. Humni ykn humnaan sodaachisuun filannoo ta'uu hin danda'u."

Gamtaan Awurooppaa kun rifoormii Itoophiyaa keessatti tasifamu cimsee akka deeggaru himuun, kana milkeessuuf ammoo daandiin tokkichi mirgoota namoomaa kabajaa ol-aantummaa seeraa eegsisuudha jedheera.

Kana taasisuun ammoo filannoo 2021 bilisaafi amanamaa taasisuuf wabiidha.

Muddamni mootummaan Federaalaafi naannoo Tigiraay gidduu jiru dabalaa dhufuun inni tokko isa kaaniin "Seera qabeessa miti" waliin jechuun fudhatama waldhorkuun itti fufeera.

Dhaabbanni waa'ee waldhibdee qoratu Intarnaashinaal Kiraayisis Giruup (ICG) muddamni mootummaa Federaalaafi naannoo Tigraay gidduu jiru cimee walitti bu'iinsatti ce'uu mala jechuun Onkoloolessa 30, 2020 ibsa baasee ture.

Intarnaashinaal Kiraayisis Giruupis muddamni qaamolee lamaan gidduu jiru hammaachuun dura yaada furmaata ta'uu malu dhihesseera.

Yaadni furmaataa ijoo dhiyaates qaamoleen lamaan haalduree kaawwatan salphisanii mariif gadi taa'uu akka qabaniidha.