Komishiinii Mirgoota Namooma Itoophiyaa: ''Sababa labsii yeroo muddamaatiin mirgi lammilee sarbamuu hinqabu'

Miseensota poolisii Federaalaa

Madda suuraa, Ethiopian Federal Police Commission - ህዝብ ግንኙነት

Itoophiyaan weerara Covid-19 to'achuuf na gargaara murteewwan jettu fudhachuu erga eegalte torbanoota ta'eera.

Ji'a tokkoof walakkaan dura nama jalqabaa irratti vaayirasiin kun argamuu isaa beeksisuun yeroo gabaabaa duraafi torbanoota boodaarraas murteewwan fudhatamaniifi seeronni ugguraa ajajaman ga'aa miti jechuun koomiin ni dhaga'ama ture.

Ta'us garuu lakkoofsi lammilee Itoophiyaa fi lammilee biyyaa biroo Itoophiyaa keessa jiraatanii vaayirasichaan qabamanii dabalaa yeroo dhufutti murteewwan garaa garaa fudhatamaniiru.

Sababa weerara kanaan guyyaa filannoo biyyaaleessaa achi siiqsuun biyyotii Saharaa gadii keessa ishee jalqaba taateetti. Takka turuun ammo waggaa afur keessatti si'a sadaffaaf laabsii yeroo muddamaa biyyatti guutuu irratti labsiteetti.

Labsii yeroo muddamaa kanaan namootni afurii ol ta'anii akka walitti hin qabamneefi bakka namootni bayyatan namni deemu maaskii ykn haguggaa afaani funyaani akka godhatu qajeelfamni darbus, magaalaa gudittii Finfinneefi magaaloota biro keessatti qajeelfamni kun danuu hojiirra oolaa hin jiru jechuun kun vaayirasichi caalaatti akka tatamsa'uuf carraa kennuudha jechuun yaaddoo isaanii kan ibsan ni jiru.

Keessumaa ammo hordoftooti amantaa Kiristaanaa ayyaanaa du'aa ka'uu ykn Faasikaa baranaa irratti sochiin gabaa keessaa ture hubannoo vaayirasichaaf qaban tufachuufi qajeelfama kennamees kabajuu dhisuun isaanii ni argama.

Labsiwaan yeroo muddamaa lamaan darban, kan sababa rakkoo siyaasaafi jeequmsaan labsaman irraa labsii muddamaa amma labsamee kan addaa godhu labsiin kun kan hogganamuu human addaa ykn komaadi poostiin osoo hin taanee mana maree ministeerootaan ta'uu isaati.

Ta'us ammas qaamoolee nageenya eegsisaniin doorsisamuu darbees reebamuu isaanii namoonni ibsan ni jiru.

Keessummaa Tiwiitara gubbaatti namootni lama poolisootaan reebamnerraa jechuun isaanii midiyaalee hawaassummaa irrattii ijoo dubbii ta'ee jira.

Dhimmaa kanarratti BBC'n kan dubbisee Komishiinii mirga namooma Itoophiyaatti Komishanarri Ittaanaa Isheet Gabree, wa'ee kanaratti komishiniif komiin dhiyaate waan hin jirreef quba hin qabu jedhaniiru.

Ta'us garuu fayyina hawaasaaf jedhamee yeroon labsii yeroo muddamaa labsame kanatti mirgi namoomaa sarbamuu akka hin qabne dubbataniiru.

Komishiniin kun labsiin kun labsamuun booda ibsa lama baasee ture. Ibsa kanaanis wa'ee barbaachisummaa mirga namoomaafi sochii konkolaatoota dhuunfaa ilaalchisee qajeelfama kenname irratti sadarkaa feedaraattis ta'e naannoleetti sochii dhuunfaafi geejjibaa dhorkuun qajeelfamni ba'an kamiyyuu seera eegumsa mirga namooma kan eege ta'uu qaba jedheera.

Komishiniin kun ibsa baaseen mootummaa feederalaanis ta'e naannoleetiin qajeelfamoonni labsii yeroo muddaamaatti ba'an heeraa biyyattiifi diqamaafi seeraa eegumsa mirga namoomaa idil addunyaan kan hogganamee ta'uu qaba jedheera.

Komishanarri Ittaanaa Isheet qaamoolee nageenyaan haleellaan ga'u yoo jiraatee komishiniin kun qorannoofi hordoffii akka itti fufu himaniiru.

Poolisiinis ta'ee qaamoolee nageenyaa biroon haleellaan yoo irra ga'e lammileen akkamiin himachuu danda'u jechuun gaaffii BBC irraa dhiyaateef Dubbii himtoonni Abbaa Alangaa Federaalaa fi Komishiin Poolisii Federaalaa akka labsii yeroo muddamaatti kanaratti yaadaa ifaa ta'e kennuu kan dand'a ministeera Nagaa ta'uu isaa ibsaniiru.

Gama biraan adeemsa labsii yeroo muddamaa kana hordofuuf boordiin hundeeffame, bor Jimaata irraa eegalee lammilee wiirtuu adda of baasuu keessa jiran dawwachuun haala isaan keessa jiran akka madaaluu ibsuun dabalataaniis sarbama mirga namoomaa to'achuuf hordoffii akka taasisu beeksiseera.