Daani'eel Baqqalaa: “Waggaa darbee jijjiramni seenaa biyyattii keessatti adda ta'e mul’ateera”

Daani'eel Baqqalaa

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbilee idil addunyaa mirga namoomaaf morman adda addaa keessa hojjataa kan turan Dr Daani'el Baqqalaa dhiheenya kana Komishinara Muummee Komishiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ta'un muudamaniiru.

ALA bara 2011 hanga 2016'tti dhaabbata mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal jedhamutti Daarektara olaanaa damee Afriikaa ta'un tajaajianiiru.

Kana malees, dhaabbilee akka Oksifam, Baankii Addunyaa fi USAIDS keessatti gorsaa ta'un hojjataniiru.

Dhaabbilee sivilii kan biraa hedduu keessas hojjataa kan turan Dr Daani'el, filannoon ALI bara 1997 bilisa akka ta'uufi mirgoonni namoomaa akka hinsarbamneef yaalii taasisaniiru.

Bara 2009 ammoo hojiidhuma hojjataniif badhaasa argataniiru.

Gama qophaa'insa barnootaatiinis Dr Daani'ee Yunivarsitii Finfinneetii seeraan digrii jalqabaa, digirii lammaaffaa ammoo damee barnootaa 'Regional Development studies' jedhamuun argataniiru.

Kana malees Yunivaarsitii Oksifordiitti 'Legal Study' dhaan digrii lammmaffaa kan biraa argataniiru. PHD isaanii ammoo damee barnootaa 'International Law' dhaan kan xumuran.

Dhiheenya immoo Komishinara Mummee Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ta'un mudamaniiru Dr Daani'el. Kana ilaalchisuunis gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan akka asiin gadiitti dhiyaata.

Bara ADWUI keessaa nan muudama jettanii yaaddanii beektuu? Guyyaan akkasii ni dhufa jettanii yaaddanii beektuu?

Daani'eel Baqqalaa: Gaaffiii guyyaan akkasiin ni dhufaa jettee beektaa? jedhuufi Itoophiyaa keessatti jijjiramni akkasiin ni dhufa jettee yaaddee beektaa? jechuu yoo ta'ee, eeyyeen nan yaada ture.

Akka dhufuus natti dhagahama ture. Waa'ee kiyyaa yoo ta'e ammoo kun addadha, gonkumaa yaadee hinbeeku ture.

Bara mootummaa kanaatti gonkumaa yaadee hinbeekuun ture. Kabajamni mirga namoomaa fi dagaaginni dimookiraasii biyya kiyyaaf yaadaa tureef karaa kamiinuu gumaata taasisuuf fedhii kan qabuu fi qophaa'aa ta'u kiyya nan yaada.

Bara dheeraaf kanan hojjadhee dhaabbilee siviilii keessa waan tureef, dhaabbilee akkasii keessatti gumaatan taasisa jedheen yaada ture malee mudama akkasii, keessattuu itti gaafatamummaa bara motummaa ADWUI ni ta'a jedhee gonkumaa yaadee hinbeeku ture.

Haa ta'u malee, bulchiinsi ADWUI duraan ture haala sanaan akka ittti hinfufnee, sirna dimokiraatawa hintaane kamiyyuu ammoo humni jijiiramaa keessummaa dhalachuun akka hinollee, jijjiamni keessoodhaa bahuu kunis ammoo ajandaa rifoormii hogganuu akka danda'u fi haala akkasiitiin Itoophiyaa keessatti jijjiramni dhufuu akka danda'u yaadaan ture.

Ta'u ammoo sodaan balaan gara biraa uumamuu mala jedhuus akkuma jiruutti ta'ee jechuudha.

Filannoo bara 1997 booda jeequmsa uumamee tureen walqabatee waggoota lamaaf hidhamtee ture. Yeroo hidhaarra turte sana attamiin yaadatta?

Daani'el Baqqalaa: Akkuma beekamu hiidhaan yeroo rakkiisaadha. Yeroo gaarii hinturree. Keessattuu mana hiidhaa Itoophiyaa fi keessattuu kan nuti itti hidhamne turre baayyee rakkisaa ture. Yeroonsaa baayyee hamaa ture.

Wantan yaadadhu keessaa tokko ana caalaa rakkinaa fi hiraara maatii kiyyaa irra gahee hinirraanfadhu. Ammas namoonni yoo hidhaman waa'ee maatii isaaniin yaada.

Kanaan alatti, haalichi gaarii ta'u baatulleen ammaan tana waa'ee sanaa miira jibbaa, gaabbii, aarii ykn miira haalootiin hinyaadadhu. Akka rakkina jireenya namaa keessatti mudachu danda'u tokkotti fudhachuun, waanan irraa barachu qabu baradhee jireenya kiyya itti fufsiisuu yaaleera.

Tibban mana hiidhaa tureetti ammoo, haala hidhamtoonni Itoophiyaa keessatti argaman hubachuuf carraa waanan argadheef, baayyinaa fi, haala hidhamtootaa, dhimma ittiin hidhamaniifi haala qabiinsa hidhamtootaa manneen sirreessaatiin taasifamu hubadheera.

Kanaafuu gama kanaan, waanan argu hindandeenye tokko akkan hubadhuuf carraa naaf kenneera. Bakka gaarii hinfakkaannee tokko keessa taa'un haala jiru hubachuun mataansaa gaariidha.

Kanaafuu barnoota bu'aa qabeessa ta'e itti argadheera jechuun danda'a.

Itoophiyaan baroota dheeraadhaaf mirga namoomaa ilaalchisee komatamaa turte. Dhiheenyatti ammoo, Komishinara komishinii mirga namoomaa biyyattii taatee jirta. Wayita mudama kana fudhattuu jijjiramawwan attamii taasisuuf yaaddee jirta?

Daani'eel Baqqalaa: Jijjiiramoonni waggoota tokko asi erga hooggansii haaromsaa kun gara aangootti dhufeen booda Itoophiyaa keessatti mul'atan haaluun hin danda'amu.

Itoophiyaa keessattii jijjiirama bu'uuraa olaanaa, tarii seenaa biyyattii keeessatti adda kan ta'ee mul'ateera.

Fakkeenyaaf waa'een namoota hidhamanii irra deddeebiin himamaa ture hiidhaadhaa gadi dhiisuu kaasee, dirreen siyaasaa gama hundaan banaa taasifamuu isaa fi mirgi siyaasaa kanneen dhimmi biyyattii nu ilaallata jedhanii fi qoodamanii turan hundi haala hammatamaniin karri banameera.

Haala kamiinuu adeemsa siyaasaa amma Itoophiyaa keessatti saaqameen namni ykn gareen qoodameera jedhamu waan jiru natti hinfakkaatu.

Duunkaana bal'aatuu dhaabbate. Karra bal'aatuu saaqame. Kanaafuu kanneen waa'ee biyya keenyaaf nu galcha jedhan hundi hirmaachu carraan uumameera jedheen yaada.

Carraan uumame kunis haala qabiinsa mirga namoomaa sadarkaa olaanaan fooyyeesseera, jijjirees jira.

Kana jechuun ammoo rakkooleen mirga namoomaa guutummaatti hiikameera jechuu miti. Rakkinnis hinjiru jechu miti.

Itoophiyaa keessa rakkoolee walxaxaatu jira. Rakkooleen siyaasaa hedduutuu jira, rakkina diinagdee keessaatti kan argamnu tu'us haalu hindendeenyu.

Adeemsa haaraa fi jijjiramaa amma eegalameen garuu rakkooleewwan kanneen harka walqabachuufi wal deeggaruun jijjiruufi fooyyeessuu kan nu dandeessisu carraan jira jedheen amana.

Seenaa biyyattii keessatti carraawwan hedduun umamamaniiru. Carraawwan kunneenis yoo badan agarreera. Ammas carraa kana balleessuun waan nurra jiraatu natti hinfakkaatu.

Kanaafu carraa amma argameettii fi haala mijataa jiruutti fayyadamuun biyya keenya gara fuuladuuraatti adeemsiisuuf hojjachuu qabna amantaa jedhuunan mudama kanas simadhee fudhadhe.

Komishiniin Mirga Namoomaa badii mootummaan raawwatu gad qabuun himatama. Komiin guddaas irratti ka'aa ture. Isaan sirrataniiruu? Akkamiinis sirratuu danda'a?

Daani'el Baqqalaa: Hanqinoonni kunneen hin sirroofne. Fuuladuratti kan sirratan malee ammatti hin sirroofne.

Amma wanti eegalame dhaabbilee dimookiraasii kan jedhaman kanneen akka komishinii mirga namoomaa, boordii filannoo akkasumas kaan walaba, bilisa akkasumas cimaa akka ta'an gochuuf carraan uumameera.

Kanas gochuuf tarkaanfiin jalqabaa fudhatameera. Kanneen jijjiirama kana hogganan waajjiroota kanaaf nama ta'u jedhan filuu eegaluun isaanii tarkaanfii guddaadha.

Kanaaf, reefu hojiin eegalame malee hin xumuramne. Garuu, carraan uumame kana gochuu kan dandeessisu waan ta'ef abdii guddaa waan namatti horudha jedheen yaada.

Dhihoo gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal jedhamu komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti jijjiiramni caasaa akka taasifamu gaafata. Jijjiirama akkamiitu dhufuu qaba?

Daani'el Baqqala : Anis jijjiiramni bu'uuraa taasifamu qaba nan jedha. Haa ta'u malee, kanatti seenuu keenya dura qorachuu qabna.

Sadarkaa idil - addunyaatti muuxannoon gaarii jedhaman maali jeedhani hubachuun barbaachisa. Sababa kanaaf, jijjiiramni bu'uuraa taasifamu kana jedhee dubbachuuf qophii miti.

Qaamoleen dhimmi kuni isaan ilaallatu hunda irraa erga walitti qabamee booda jijiirama bu'uuraa gochuu dandeenya.

Jijjiiramni taasifamus namoonni ammallee saba isaaniin yeroo miidhaman mul'ata. Akka komishinii mirga namoomaatti hanqinaaleen maal fa'i?

Daani'el Baqqalaa: Rakkooleen baay'eedha. Fakkenyaaf dhaabbileen cimoo jiraachuu dhabuun rakkoo guddaadha.

Sababni isaas, hojii mana murtii, poolisiifi humnoota nageenyaatin sarbamni mirga namoomaa karaan itti raawwatu jira.

Bakkeewwan tokko tokko dhaabbileen olaantummaa seeraa kabachiisan waan dadhabaniif ykn waan badanif hanqinni dhalateera.

Sababa jijjiiramni taasifamen wal qabatees ajjeechaa akkasumas namni hedduu qe'ee irraa buqqa'eera.

Rakkoon siyaasa Itoophiyaa furmaata waan hin arganneef kuni hundi immoo qabiinsa mirga namoomaa irratti dhiibbaa ni uumu. Kuni wanta nama yaaddessudha.

Siyaasa amma keessa jirruun wal qabates wantoota kana hunda yaada keessa seensisuun akkamin qabiinsa mirga namoomaa fooyyeessuun danda'ama kan jedhu ulfaataadha.

Walumaa gala, rakkoolee siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa keenya irraa wantoonni ka'anis mirga namoomaa irratti dhiibbaa uumu. Kunneen, gufuu guddaa ta'u jedhee nan yaada.