Quuqamtoonni mirga namoomaa Ministira Muummichaa akkamiin xiinxalu?

Madda suuraa, Ashraf Shazly
Ministirri mummee Dr Abiyi Ahimad erga taayitaa qabatanii guyyoota 60 keessatti dawwaannaa gaggeesaa turan hundarrattis waadaa hedduu seenaa turaniiru.
Daawwannaa gara biyyoota akka sudaan, Keeniyaa, Sawud Arabiyaafi Jibuutiitti taasisaniinis hidhamtootni gadhiifamaniiru. Kana malees hidhamtoonni siyaasaa hedduunis akka gadhiifama taasifameera. Akkasumas dhaabbileen akka OMN fi ESAT akkasumas Obbo Jawaar Mahaammadiifi Dr Birhanu kanneen yakka shororkessummaan himatamanii turan himannaan isaanii adda akka citu taasifameera.
Jijjiruma ministirri mummichaa fidan kan ilaalchisuunis dhaabbanni Aminestii Internaashinaal waltajjii marii Keeniyaa Naayiroobitti qopheesse ture.
Guuyyota 60 Mummichaa akkamiin ilaalamu:
Waltajjicha irratti kanneen hirmaatan keessaa tokko kan ta'e barreessaa Bafiqaadu Haayilu , ''harnga har'aatti waadaawwan heddu galaniiru muummichi ministeera. Kanneen keessaa hidhamtoota hiksiisuun hojiirra olfameera. Kun ammoo mataasaatiin deebii gaaffiiwwan hundaa hinta'u,'' jedheera.
Hidhamtoonni irra jirreessi kan hidhaman gaaffiiwwan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa irratti kaassaniin ta'u kan dubbatu Obbo Fiqaaduun, kanneen hundinu deebii argachu qabaatus jedheera.
Kana malees waadaawwan ministira mummeetiin galamaa jiran kunneenis haala bu'ura seeraa fi dhaabbilee hordofeen yoo ta'u baate akka duubatti hindeebifamne soodaan qaba jechuun himeera.
Dhaabbat Amanastii Intarnaashinaa gaanfa afriikaatti qorataa mirga namoomaa kan ta'an Obbo Fisihaa Taklee gama isaanitiin, ''biyya yoo xinnaatee seenaa mirga namoomaa waggoota 15 olii duubatti deeebi'ee qabdu sirreessuuf baatiin lama baayyee xiqqaadha jedhaniiru.
Garuu waadaa galameefi kaka'umsa ummanni qabuun walbiratti yoo ilaalamu jalqabbiin minnistirichaa jiru gaariidha jedhaniiru.
Waadaan galamee kan partii moo kan dhuunfaati:
Ministirri mummichaa waadaawwan dhimmoota adda addaa irratti galan namoonni gama garaa garaatiin ilaalaa jiru.
Bafiqaadu gama isaatiin, '' amma minisitirichaatti an cimu ummatta ogganuu osoo hintaane, paartiisaanii mataasaa ogganudha,'' yoo jedha.
Haa ta'u malee ministirri mummichaa itti gaafatamummaa qormaata kana hunda darbu qabaatu. Kun ammoo dirqama hamlee ta'a jedhu.
Bakka deegarsi paartiisaanii hinjirreefi waan paartiin isaanii hinjenne dubbatu jechuun kan hinyaadine qorataan mirga namoomaa Obbo Fisihaan, kanas ta'e sana hanga ragaan hinjiraanneetti paartiisanii bakka bu'uun dubbatu jechu dandeenya jechuun ibsaniiru.
Adeemsa ADWUI haarawaa
Dhabbanni ADWUI akka paartiitti ofiisaa geedaruuf itti ulfaata kan jedhu Obbo Bafiqaaduun, ''miseensoota isaa kan ta'an paartilee afur keessaa OPDON ejjannoo adeemsi duraan ture sirri miti jedhu qaba. Minsitirichis paartiidhuma kana keessaa dhufan. Haatau malee paartileen ejjannoo walfakaataa qabaatanis namoonni dhuunfaan yaada addaa qabaachu malu,'' amman taa jedhu akka qaban dubbatu.
Hojiin araara siyaasa hojatamu qabaata. Labsiin yeroo muddamaa ka'u qabaata. Seerriiwwan fooyya'u qabaatu. Hojii fooyyeessuu seerawwan daangeessoo ta'anii eegalamuun gara hojiitti galamu qabaata, jechuun eeraniiru.
''Moriimmiiwwan ummataas kan qabanaa'aniif abdii gaaffiiwwan keenya nuuf deebii'u jedhuun malee waan ka'eef irrantatee miti. Kana ta'u yoo baatee ammoo mormichi itti deebii'ee dhufuunsaa hinafu,'' jechuu sodaa isaa himeera.
Yeroo yeroottis waan jettan isaan geessanii jirtu jechuu paarlaamaan gaafatu osoo jiraate, hojiisaani ni deegara ture jechuu dubbatu Obbo Fisihaan. Booddee deebii'uun akka hindhufneef waadaawwan galan bu'uura seeraa osoo qabaatanii gaarii ta'a jedheen yaada. Kunis ammoo dhiyootti akka eegaluun yaadas jedhaniiru.
Kana malees miseensoonni paarlaamaa hundinu kiyya waan ta'aniifu sagalee naaf kennu ilaalchi jedhu geedaramu qabaata. Sababiwwan biyyattii balaaf saaxilaman keessaa tokko dhaabbilee faayidaa maleessa taasisuudha.












