''Mootummaan miidhaa lammileerra gahaa jiru ittisu qaba'' Aminastii

Amanastii Intarnaashinaal

Madda suuraa, Amnesty International

Motummaan miidhaa sabammaa bu'uurreefachuun lammiilleerra gahaa jiru irraa ittisu akka qabaatu dhaabbanni Amanastii intarnaashinaal waamicha taasisee yoo ta'u, motummaan naannoo Oromiyaa dhimmicha dhugaarraa kan fagaateedha jedheera.

Akka ibsa dhaabbatichi har'a baasee mul'isutti, naannoo Oromiyaatti miidhaalee sabummaa bu'ureefachuun raawwatamaniin lammiileen kumaatamaan lakkaa'amaniifi bakka jireenyaatii buqaafamu irratti argaman baraaruf jiddu galu qaba jedhuun gaafateera.

Akka gabaasichaattis, naannichatti godina Qeelam Wallagaa Aanaa Sayyoo jedhamutti torbana kana keessa dargaggoonni gareen walitti qabaman nama jireenyaa saba Amaaraa marsuun, reebichaafi hanna raawwataniiru jechuun himata.

Kana malees Baatii Onkololeessa keessa yoo xinnaate Sabuma Amaaraa kana irraa namoonni 20 ta'an miidhadhuma kana fakkaatun ajjeefamu isaanii ibsuun, aanga'oonni ammoo gocha kana dhaabuuf omaa akka hinraawwatiin jiraattoonni himaniiru.

''Motummaan Itoophiyaa lammilee miidhaa sababii sabummaa isaanitiin irra gahaa jiru jalaa baqachuuf jecha lafa jireenyaa isaanii irraa buqa'uuf jiru kan jiran sama Amaaraa kanneen balaa gara hammeenyaa kana irraa baraaru qaba,'' jechuun dhaabbatichatti daarektarri Baha Afriikaa, Ganfaafi Giret Leek Jowaan Nyaanukiis himaniiru.

Akkasumas namoonni 1400 ta'an aanaadhuma Sayyoo kanatti kan hafan yoo ta'u, irra deddeebiin garee dargaggoota Oromootiin dorsisoon waan irra gahuuf lafa waaggota soddoomaaf jiraataa turan iraa sodaan baqachu akka jiran sodaa qaban himaniiru jedha ibsichi.

''Motummaan jidduu hingalu yoo ta'ee lubbuu ijoollee keenyaaf ni sodaanna. Yokaan gadhiifnee bahuuf waan qabnu qopheessine jirra,'' jechuun jiraataan tokko himu eera ibsichi.

Gabaasa kana ilaalchisuunis Naannoo oromiyaatti ittigaafatamaa waajira dhimmoota Komunikeeshinii kan ta'an Dr Nagarii Leencoo akka BBC'tti himanitti, ''gabaasichi haala amma jiru kan hinmul'ifneefi bu'ura dhugaa kan hinqabneedha,'' jedhaniiru.

Namoonni amma naannichaa buqaafamne kan jedhanis kanneen baatii Onkolooleessaa keessa tasgabbii dhabiinsa yeroo sana tureen eddoo sanaa kan deemaniifi isaan keessayilleen muraasni isaanii deebii'u dubbataniiru.

Haala gabaasa Amanastiin baasee irra jiru jiraachu omaa hindhageenye kan jedhan Dr Nagariin, motummaan naannichaaf miidhaa nama eddoo kamiyyuu dhufee irratti xiyyeefachuun raawwatamu akka hayyamne himaniiru.

Kana malees, saba Amaaraa Naannoo Benshaangul gumuz godina Shinaashaa keessa jiraatan irra miidhaa walfakkaataan qaqabuusaa gabaafameera. Miidhaadhuma kanaan walqabateenis yoo xinnaate lammiileen saba Amaaraa 20 ta'an ajjeefamaniiru jechuun Amanastiin gabaasee ture.