Daani'eel Baqqalaa(PhD): Itoophiyaan falmaa mirga namoomaa gameessa muudde

Dr. Daani'eel Baqqalaa

Madda suuraa, SABC/Youtube Screenshot

Manni maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa wal-gahiisaa idilee har'a taa'een, Dr. Daani'el Baqqalaa Komishinara Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa gochuun muude.

Manni marichaa kaadhimamtoota 88 dhiyaatan keessaa Dr. Daani'eel Baqqalaa qophaa'ina barnootaa fi muuxannoo hojii qabaniin madaalee muudama kana kenneefi.

Dr. Daani'eel nama waggoota dheeraaf mirga namoomaaf falmuun beekamanidha.

Bara 2011 irraa eegalee Garee mirga namoomaaf falmu 'Human Rights Watch' keessatti Direektara Olaanaa damee Afriikaa ta'uun hojjetaa turani.

Ogeessi seeraa kun osoo 'Human Rights Watch' hin galiin duran biyya keessatti dhaabbilee adda addaa keessa hojjetaniiru.

Dhaabbilee addunyaa gurguddoo akka Oxfam, USAID, Freedom House, World Bank fi kanneen biroo gorsuunis muuxannoo jabaa qabu.

Filannoo Itoophiyaa bara 2005 booda mirgi namoomaa akka kabajamu falmaa turan.

Hokkorri filannoo sana booda lubbuu namoota heddu galaafate akka tasgabbaa'uufi nagaan akka bu'u sochii taasisaas turan.

Haa ta'u malee mootummaan hidhee waggoota lamaa oliif mana hidhaa erga turanii booda gadi dhiifamanii jiru.

Bara 2009 sadarkaa addunyaatti nama sababa yaada isaaniif jecha hidhaman jedhamanii beekamtii kan argatan Dr. Daani'eel, badhaasa falmitoota mirga namoomaaf kennamu hedduuf kaadhimamanii injifachuus danda'aniiru.

Digirii jalqabaa Seeraan Yuunivarsitii Finfinneetti, digirii lammataas achumaatti 'Developmental Studies', digirii sadaffaa ykn PhD ammoo Yuunivarsiitii Ooksifoorditti Seera Idil-addunyaa barataniiru.

Dr. Daani'eel Baqqalaa Komishinara Komishina Mirga Namoomaa Itoophiyaa duraanii Dr. Addisuu Gabragzaabiheer bakka bu'uun kan mudaman.