Aministii Intarnaashinaal: Gabaasni Komiishinii mirga Namoomaa Itoophiyaa loogii qaba

Madda suuraa, Amnesty International
Dhaabbanni Mirga Namoomaaf Falmu Amnesty International, gabaasa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa erga ilaalee booda komishinichi guutummaatti fooyya'uu akka qabu eere.
Dhaabbata Amnesty International kan damee Baha Afriikaa keessatti qorataa dhimma biyyoota Itoophiyaa fi Eertiraa kan ta'an Obbo Fissahaa Taklee gabaasi Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa dhiyeesse loogii kan qabuu fi dhugaa kan dhokse waan ta'eef yaada qeeqa kana dhiyeessuuf dirqamne jedhan.
''Komiishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gabaasa inni bara 2013 irraa kaasee hanga bara 2017tti baase erga ilaalleen booda ragaan arganne komishinichi qabiinsa mirga namoomaarratti sirnaan hojjechaa akka hin turredha.''
Komiishiniin kun qorannoo seeraa ala ta'e geggeessuun adeemsa qabiinsa mirga namoomaa keessatti daba hojjechaa tureera kan jedhan Obbo Fissahaan mootummaan komiishinii kana keessatti fooyya'iinsa garaagaraa geggeessuu akka qabu eeran.
Dhaabbati mirga namaaf falmu tokko wayita qorannoo geggeessu mootummaadhaan dhiibamee osoo hin taane ulaagaa mataasaatiin socho'uu qaba jedhan.
Daba komiishiniin kun hojjechaa ture wayita kaasan ''Fakkeenyaaf komishiniin kun wayita mormiin uummataa Oromiyaa keessa turetti ,taatee sanaan jeequmsa uummataa jedhee gabaasaa ture.'' jedhan.
Itti dabaluunis ''Sun garuu mirga malee hookkara ykn jeequmsa miti. Jeequmsi yoo jiraate bakka sanaa fi nama jeequmsa kaase eeree gabaasuu qaba malee sochii uummata guutuutiin jeequmsa jedhee gabaasuun irra hin turre.'' jedhan.
''Kun loogii komiishinicha keessa ture agarsiisa. Kan biraan ammo waa'ee namoota manneen hidhaaatti dararamanii wayita gabaasu komishiniin kun waan mudate qofa eeree biraa deebi'e. Gochaan dararaa eenyuun, eenyurratti, akkamiin, meeshaa akkamiitiin, eessatti raawwate kan jedhu adda baasee gabaasuurraa of qusateera.''
''Yakka namootarratti raawwatame ragaa qabatamaadhaan deggeranii dhiyeessuu warruma miidhamaniif dhiise bira darbe komiishiniin kun'' jedhan obbo Fissahaan.
Komiishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa of danda'ee waa'ee qabiinsa mirga dhala namaa irratti gabaasa dhugaa baasuun utuu irra jiruu, mootummaadhaaf looguun waan mootummaan barbaadu qofa gabaasaa ture, kunimmoo naamusa dhaaba mirga namaaf falmuu kan cabsuudha jedhan.
''Dhaabbati amnesty addunyaa yeroo baayyee dhaabbilee mirga namoomaaf falman irratti qeeqa hin kaasu. Hojimaata keenya kana akka jijjiirree komiishinii mirga namoomaa Itoophiyaarratti yaada kenninuuf kan nu dirqamsiise garuu akkaataa gabaasi itti dhiyaatedha.''
''Gabaasonni ba'aa turan loogii kan qabanii fi ragaa qabatamaadhaan kan deggeraman hin turre. Amma Itoophiyaan gama Kanaan fooyya'iinsa agarsiisuuf fedhii waan qabduuf kanaafis galtee ta'a jenneetu yaada kana kennuuf dirqamne. '' jedhan.
Ibsa qeequmsaa akkanaa seeraan wayita baasnu kun isa jalqabaatis jedhaniiru.














