''Warra ajjeesan qofa osoo hintaane warra ajjeesisan hojii hiiksisaa jirra''

Dr. Nagarii Leencoo
Ibsa waa'ee suuraa, ''Mootummaan naannoo Oromiyaas uummata isaa cal jedhee bakkeetti hin gatu''

Sanbataafi Dilbata Darbe miseensonni poolisii adda Somaalee Hararge Lixaa aanaa Cinaaksanitti halleellaa egaalaniin walitti bu'iinsa dhalateen lubbuu namaa irratti miidhaan qaqqabuu Waaajirri kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa ibseera.

Akkasuma Godina Gujii Lixaatti rakkoo uummata Geediyoo fi Oromoo daangaa Oromiyaarra jiran gidduutti dhalateen miidhaan qaqqabeera.

Hooganaa Waajira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa. Dr. Nagarii Leencoo.

Naannoolee Oromiyaa daangessanitti rakkoon nageenyaa daangaa bu'uureffate irra deddeebiin dhalachuun dhimma daangaa qofa osoo hin taane, dubbii biraa akka qabu hoogganaa dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Lencoo ni himu.

''Kaayyoon isaa kan biraa ture wayita isaan uummata Oromoo hamma Kanaan buqqisan, Oromoonis immoo uummata Somaalee Oromiyaa keessa jiru akka inni buqqisu, yeroo isaan uummata irratti dhukaasa bananii namoota ajjeesan mootummaan naannoo Oromiyaas poolisii ajajee akka inni waraana labsee waraanatti galuuf tuttuqaadha'' jedhan.

Torban darban kanaas miseensota poolisii addaa Nannoo Somaaleetiin Aanaa Cinaaksanitti rakkoon dhalate , ''namoonni harka namaatiin abidda qabatan kun amma qabsoo isa dhumaa gaggeessaa akka jiran nuu gala, uummannis kana hubachuu qaba'' jedhu Dr. Nagariin.

Mootuummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee naannoo daangaatti ka'aa jiran Kanaaf furmaata waaraa fiduuf hojiilee hojjechaa jira jedhan keessaa tokko marii bulchiinsa naannoo Somaalee Wajjin gaggeesuu akka ta'e ji'a lamaan kana ministirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad pireezidantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa waliin Jijjigaatti marii gaggeessan yaadachuun ibsaniiru.

''Namoonni hedduun yeroo uummata keenyarratti dhukaafamu, yeroo manni isaanii gubatu mootummaan nannoo Oromiyaa wanuma callisee ilaaluu itti fakkaata. Dubbiin garuu akkas miti'' jedhu Dr. Nagariin

''Warra nama buqqisan qofa osoo hin taane warra nama buqqisiisan, warra nama ajjeesan qofa osoo hin taane warra nama ajjeesisan hojii hiiksisaa jirra'' kan jedhan Dr. Nagariin.

Hamma qamoota kana hojiin ala gochuu xumuramutti garuu uummata naannichaaf eegumsa barbaachisu akka taasisan himaniiru.

''Mootummaan naannoo Oromiyaas uummata isaa cal jedhee bakkeetti hin gatu, qaamni nageenyaa Oromiyaas akkas hin godhu, eegumsa ni goona'' jedhaniiru.

Kaartaa Oromiyaa fi Somaalee agarsiisu

Daangaa naannolee Somaalee fi Oromiyaa adda baasuun bara 2009 adda kan cite rakkoodhuma nagenyaanii kan jedhan Dr. Nagariin hojii daangaa adda baasuu hojjechuuf haala dandeessisu uumuuf mootummaan naannoo hojjechaa jiraachuus himaniiru.

2009 keessa hojii daangessuu ciminaan itti deemamaa kan ture daanga'uun isaa kaayyoo isaanii jalaa fashaleessa waan ta'eef gidduutti uummata buqqisuu fi miidhuun calqabuun jechuunis dubbatu.

Hojiin Daangaa naannolee lameenii adda baasuu xumuruuf nagaanyi barbaachisaa ta'uu fi fuula tokkoon nagaa buusuun gara daangessitti kan deebi'amu akka ta'es Dr. Nagariin BBC tti himanii jiru.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aministii Intarnaashinaal gabaasa torbee darbe baaseen rakkoon daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti dhalachaa jiru daangaa naannolee lameenii ifatti adda baasuun furamuu danda'a jechuun ni yaadatama.