Itoophiyaa: 'Liyyuu poolisii'n eenyuun, akkamiin hundaa'e?

Hidhattoota milishaa konkolaataa irratti. Suuraan kun kan kaafamee ALA bara 2010 yoo ta'u, lafa Hobiyoo jedhamituutti ture.

Madda suuraa, ROBERTO SCHMIDT

Poolisiin addaa naannoo Somaalee 'Liyyuu pooliis' jedhaman yakkoota mirga namoomaa sarban raawwachuun dhaabbilee mirgoota namoomaaf falmaniin irra dedeebiin himatamu.

Dhiyeenya kana dhaabbanni Amnestii Intarnaashinaal jedhamu, walitti bu'insa daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduutti uumaman keessatti 'Liyyuu pooliisii' yakka mirga namoomaa sarbu waan rawwataniif mootummaan Federaalaa hatattamaan akka diiguuf gaafateera.

Akka ibsa Amnestiitti, 'Liyyuu pooliisii'n namoota ajjeesuurraa jalqabee hanga manneen jireenyaa barbadeessuutti yakkoota mirga namoomaa sarbuu raawwateera.

Dhiyeenyuma kanas naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Mayyuu Muluqqeetti ajjeechaa namoota 41tiif aanga'oonni naannoofi kanneen miidhaman poolisiidhuma kana itti gaafatamaa taasisu.

Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu 'Human rights Watch' gabaasa torbee muraasa dura baaseen, sirreeffamtoota mana amala sirreessaa Ogaaden Naannoo Somaaleetti argamu keessatti miseensonni humna nageenyaafi poolisiin addaa kun hidhamtoota reebuufi dirqisiisanii gudeeduun himatee jira.

Dubartoota 'Human Rights Watch' dubbisees mana sirreessaa sana keessatti dirqamaan gudeedamanii, wal'aansa fayyaa tokko malee achuma keessatti akka da'an dubbatu.

'Liyyuu Poolisiin' attamiin hundeeffame?

Obbo Jamaal Diirii Haaliis dhalataa naannoo Somaalee yoo ta'an, aanaa Gellaaddee jedhamtu bakka bu'uun marsaa lamaaffaaf miseensa mana maree naannichaa turan.

''Naannoo Somaaleefi siyaasa achi jiru sirriitti nan beeka, yakkawwan Naannoo Somaaleetti raawwataman mormuu kootiin bara 2007 biyya koo gadi dhiisee baqachuudhaaf dirqameera," jedhu.

Yeroo ammaa Obbo Jamaal Jarman keessa jiraatu.

"Naannoo sana keessa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) bal'inaan socho'aa ture, humna kana Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhabamsiisuudhaaf yaalii hedduu taasisaa ture garuu milkaa'uu hin dandeenye ture," jedhu haala itti poolisiiin addaa hundeeffame yoo ibsan.

Akka Obbo Jamaal jedhanitti yoo ta'e, ONLF kan waraanaa turan miseensonni Ittisa Biyyaa afaaniifi aadaa naannoo waan hin beekneef loltoota ONLF jiraattota naannoorraa adda baasanii beekuu hin dandeenye.

Bara 2007 garuu haala siyaasa naannichaa wanta jijjiiretu uumame jedhu.

"ONLF namoota qabeenya zayita boba'aa barbaadaa turan lammilee Chaayinaafi Itoophiyaa 70 ajjeese."

Kanarraa kan ka'e Mootummaan Federaalaa ONLF irratti tarkanfii isa dhumaa fudhachuudhaaf ka'e jechuun waan yaadatan ibsu Obbo Jamaal.

Kanaaf ammoo yeroo sanatti filannoo sirrii kan ture dargagoota naannoo Somaalee hojii dhabeeyyii gurmeessuudhaan leenjii kenneefi hidhachiisuudhaan ONLF irratti duulchisuu ture jedhu.

Qorataa mirgoota namoomaa Amnestii Internaashinaal kan Gaanfa Afriikaa kan ta'an Obbo Fissahaa Takilee hundeeffama 'Liyyuu poolisii' irratti yaada wal fakkaataa qabu.

"Dhaaba naannoo sana keessa socho'aa ture mootummaan garee shorokkeessitootaa jedhee waamaa ture to'achuudhaaf ture," jedhu.

Bu'uura seeraa

Akka Obbo Fissahaan jedhanitti yoo ta'e poolisiin addaa kun yeroo hundeeffametti kan mootummaa naannichaa jalatti buluufi itti waamamni isaas mootummichuma naannoo ta'a jedhamee ture.

"Akka heera biyyaatti humna hidhatee daangaa ce'ee dhufu ittisuudhaaf dirqamni kan irra jiruufi itti-gaafatamummaa fudhatus raayyaa ittisa biyyaati."

"Kanaaf, bu'uurri seeraa ittiin poolisiin addaa kun hundeeffamu hin jiru" jechuudhaan ibsu.

Poolisiin addaa kun komishinii poolisii jalatti miti kan gurmaa'e kan jedhan Obbo Fissahaan, poolisiin addaa ajajaa mataa isaa qaba jedhu.

"Itti-waamamni ajajaa kanaa ammoo pirezidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee duraanii kan turan Abdii Mohaammed Umariifidha," jedhu Obbo Fissahaan.

Obbo Jamaalis hundeeffamni poolisii addaa kun bu'uura seeraa hin qabu jedhu.

Akka isaan jedhanitti Poolisiin addaa kun caasaa poolisii naanichaas ta'e kan milishaa keessas hin jiru.

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daarekterri Ol-aanaa Indoktirineeshiniifi Sab-qunnamtii meejer Jeneraal Mohaammed Tasammaa garuu yaada hundeeffamni Poolisii Addaa kun bu'uura seeraa hin qabu jedhu hin fudhatan.

Noonnolee Itoophiyaa keessa jiran hunda keessa poolisiin addaa jira jedhu.

"Poolisiin kan idilee, poolisiin addaafi milishoonni jiru. Naannoon Somalee Itoophiyaas akkuma naannolee biroo humna poolisi addaa leenjisee bobbaasuun humna federaalaa waliin wal ta'uudhaan hojii nagaa eegsisuu hojjechaa tureera."

"Kanumarraa kan ka'eenis, naannoo kanatti tasgabbiin uumameera, beekamtii seeraan ala kan uumame miti," jedhu.

Caaseffama Poolisii Addaa

"Abdii Mohaammed Umar itti-gaafatamaa Biiroo Nageenyaa naannichaa ta'uun, akkasumas erga pirezedaantii ta'anii boodas itti-waamamni Poolisii Addaa isaaniif ture," jechuun dubbatu Obbo Fissahaa Takilee.

Akka Obbo Fissahaan jedhanitti Fulbaana bara 2017 keessa Poolisiin kun miidhaa geessisee namoota miidhaa ga'e sanarraa hafan dhaabbanni isaanii dubbisee ture.

Yeroo sanatti miidhamtoonni kun miseensonni Poolisii addaa kallattiidhaan bilbilaan pirezidaant Abdii waliin osoo haasa'anii dhaga'uu isaanii nutti himaniiru jedhu.

Obbo Jamaal gama isaaniitiin, "poolisiin addaa kallattiidhaan kan ajaja fudhataa turan pirezedaantii Naannoo Somaalee duraanii Abdii Mohaammed Umar irraa ture" jedhu.

"Abdii Mohaammed Umar ammoo ajajoota raayyaa ittisaa damee bahaafi aanga'oota Finfinnee jiranirraa ajaja fudhata," jechuudhaan caasaa ture ibsu.

"Miseensonni poolisii addaa yeroo filaman ta'e jedhamee kan sadarkaan barumsa isaanii gadi aanaa ta'eefi hojii hin qabne turan. Yeroo leenjii waraanaa fudhatanittis qabannaa mirgoota namoomaa irratti leenjiin isaaniif kennamu tokkoyyu hin jiru," jedhu.

Hidhannoo

Humni poolisii addaa kun miseensota meeqa akka qabu lakkoofsa sirrii ta'e kaa'uun nama rakkisa jedhu Obbo Fissahaa Takilee.

"Naannoo sana keessa poolisii idilee meeqa, poolisii addaafi milishoota meeqa akka jiran, akkasumas baajata isaanii beekuun rakkisaadha" jedhu.

Obbo Jamaal ammoo "Abdii Mohaammed yeroo gara garaa akka dubbatanitti kanan dhaga'e baay'inni poolisii addaa kun kuma 30,000 hanga kuma 40,000 ta'uu danda'a" jedhu.

Fiixee qawwee

Madda suuraa, Google

Meeshaa waraanaa hidhatan ilaalchisee Obbo Jamaal yeroo ibsan "Meeshaa waraanaa poolisiin hidhatanirraa adda kan ta'eefi kan ammayyaa ta'edha," jedhu.

Meeshaan waraanaa poolisoonni addaa hidhatan kan raayyaan ittisa biyyaa hidhate waliin kan wal-gitu ta'uu yeroo gara garaa jiraattotarraa mirkaneeffanneerra jedhu Obbo Fissahaan.

Meejer Jeneraal Mohaammed garuu Naannoo Somaalee rakkoon nageenyaa jabaa akka tureefi rakkoo kana furuuf ammoo qaama nageenyaa federaalaa waliin ta'uudhaan humna poolisii addaa kana jabeessuufi hidhachiisuun barbaachisaa ture jedhu.

Kana gochuunis rakkoo nageenyaa naannichaa furuun danda'ameera jedhu.

Carraa Poolisii Addaa

Poolisiin addaa naannoo Somaalee kun kallatiidhaan ajaja fudhataa kan ture Pirezedaantii naannichaa duraanii Abdii Mohaammed Umarirraa akka ture himameera.

Abdii Mohaammed umar aangoo irraa bu'uu isaaniitiin walqabatee carraan poolisii addaa maal ta'uu danda'a jennee Obbo Jamaaliin gaafanneerra.

Akka amantaa Obbo Jamaalitti Abdiin aangoo isaarraa bu'uu yoo mirkaneeffatan poolisoonni addaa meeshaa hiikkachuudhaaf eyyamamoo ni ta'u jedhu.

Haata'u malee, miseensonni poolisii addaa kun uumatarraan miidhaa garaa garaa geessisaa waan turaniif osoo uummatichatti hin makamiin dura leenjiin haaromsaa kennamuufiin barbaachisaa ta'a jedhu.

Obbo Fissahaan garuu miidhaa Poolisiin Addaa kun Harargee bahaatti dhiyeenya kana raawwataniiru jedhamu yaadachuudhaan, "poolisii addaa kanaaf ajaja kan kennaa turan Abdiin aangoorraa bu'anillee poolisiin addaa kun hojii isaa itti fufee jira" jedhu.

Amnestiinis namoonni yakka raawwatan akka seeratti dhiyaatan ni gaafata jedhaniiru.

Meejer Jeneraal Mohaammed tasammaa garuu, humni nageenyaa Federaalaa Poolisii Addaa Somaalee hiikkachiisuudhaaf karoora akka hin qabne dubbatan.

"Humni addaa kun duraanuu akka hidhatuufi leenji'u kan taasise Mootummaa Federaalaadha."

"Poolisiin addaa kun akka qaama nagaa uumu ta'ee itti fufu hojiin hojjetamaa jira malee isaaniin hidhaannoo hiikkachiisuu kaayyoofi karoorri hin jiru," jedhaniiru.