Itoophiyaa: Egeree naannoo Somaaleefi qooda 'ONLF'

Madda suuraa, Jonathan Alpeyrie
Al-qaayidaafi Al-shabaab dabalatee ABO, Ginboot 7 fi ONLF bara 2003 shororkeessitoota jedhee kan murteesse paarlaamaan Itoophiyaa bara kana sadan isaanii tarree dhaabota shororkeessaa jalaa haqee jira.
Waamicha mootummaan dhaabbileen kanneen biyyatti galanii nagaan akka qabsaa'an dhiyeesse hordofuun, Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) Hagayya 12, 2018 jila gara Finfinneetti ergeera.
Dhaabichi haala biyyatti keessa jiru irratti mari'achuun nagaan akka bu'u qooda isanii bahachuuf gara biyyaa akka gale himeera.
Guyyaadhuma jili isaa biyya gale ture kan waraana dhaabuus beeksise.
"Yeroon isaa kan qawwee miti" jedhu itti gaafatamaan komunikeeshinii fi miseensi koree hoji raawwachiiftuu dhaabichaa Obbo Hasan Abdullaahii.
"Cinqursaafi gidiraan saba keenyarra gahaa ture hammaataadha. Sabni keenya wal-qixxummaafi haqa akka rgatuuf ture kan qawwee kaasne. Amma garuu yeroo isaa miti. Wanti hundi marii karaa nagaan furmaata argata jennee amanna" jedhu.
Fedhii 'ONLF' fi yaaddoo fuula duraa
''Dhaabbatichi biyya haqaafi wal-qixxummaa qabu ijaaruun uummatni hireesaa gara fuulduraa akka murteessu hojjeta" jedhu dubbii himaan ONLF obbo Hasan Abdullaahiin.
Haa tahuu malee uummatni haqa, diimookiraasii fi bilisummaa argannaan Itoophiyummaasaa filachuu danda'a'' jedhu.
ONLF dhukaasa dhaabuunsaa uummata Somaalee aarsaa kaffalaa tureef boqonnaa kan kennuufi waan uummatni eegaa ture dha jedha xiinxalaan dhimmoota gaanfa Afrikaa Fayisal Roobeel.
Kuni mariiwwan gara fuulduraatti godhamaniifis faayidaa qabessa ta'uyyuu salphaadhaan waliigalteerra gahamuusaa irratti garuu shakkii akka qabu ibsa.

Madda suuraa, ONLF
''Mariiwwaan mootummaafi ONLF gidduutti godhaman qormaataan kan guutamani dha. Egeree naannichaa irratti mariin taasisan akkam taha?" jedhuun gaafata.
Keesumaa dhimma hiree ofii ofiin murteeffachuu ilaalchisee gaaffiiiwwan jiraachuu ni danda'u jedhu.
Kana malees, ''leeccalloo boba'aa naannicha keessa jiruufi shoorri mootummaan gidduugaleessa naannicha keessatti qabu kanneen xiyyeeffannoo barbaadani dha'' jedha.
Torbee darbe hokkora naaannoo Somaaleetti uumameen lubbuun namaa darbeera, qabeenyi barbadaaheera, namoonni qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.
Naannoo hokkorri itti baayyatu kanatti uummata tasgabbeessuufi buqqaatonni gara qe'ee isaanitti akka deebi'an yoo gargaareyyuu harki mootummaa federaalaa keessa waan jiruuf naannicha tasgabeessuun ulfaataa ta'uu mala jedha Fayasal.
''Bulchiinsi suukanessaa Abdii Mohaammadiin hogganamu yoo ka'eyyuu jijjiiramichi garuu falmii kaaseera. Jijjiirama bulchinsichaa mootummaan federaalaa harka keeessaa qaba kan jedhan waan jiraniif, kunimmoo rakkoo matasaa qaba."
Rakkoo naannoo Oromiyaafi Somaalee mul'achaa jiraniif furmaanni yoo kennamuu baate waan hamaatti geessuu danda'a, kanaaf furamuu qaba.'' jedhu dubbii himaan ONLF.
Feyseel gamasaatiin ministirri mummee walitti bu'insa naannoo gara garaatti mul'atanifi deebii qabbanaa'aa kennuu hin qabani jedha.
''Biyyoota naannichaa tasgabbeessuf yeroo yaadamu walitti bu'insa biyya keessa jiraniif xiyyeefannoon kennamuu qaba. Ministirri mummee warreen kanaaf furmaata waaraa kennuuf si'achuu dhabuun waan gaarii miti, marii jalqabuufis barfataniiru'' jedha
Kanaafuu walitti bu'iinsa kanneen gurmii hordofuufi hiiku uumuun hojii furmaata waaraa kennuuf socho'uu akka irra jiraatu eeraniiru.















