ONLF mootummaa waliin nan mariyadha jedhe

looltoota ONLF

Madda suuraa, Jonathan Alpeyrie

Ibsa waa'ee suuraa, ONLF mootummaa Itoophiyaa waliin marii barbaada

Dubbii himaan Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen Abdulqaadir Hassan, waamicha mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siyaasaa biyya alaaf dhiyeessan akka simataniif mariiyachuu akka barbaadan beeksisan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa haaraan Dr. Abiyyi, madda rakkoo nageenyaa biyyattii bu'uurarraa furuun biyyattii keessatti boqonnaa haaraa eegaluuf carraa akka qabanis himaniiru.

Addichi mootummaa Itoophiyaatiin dhaaba shoroorkeessaa jedhame kan jiru yoo ta'u Itoophiyaan Ertiraan addichaaf dahoo ta'uu isheef komachaa baate.

Addichi yaa'ii isaa waggaa waggaan gaggeessuufi guyyoota sadiif turu irratti waayee hegeree isaarratti akka mariyatu dubbi himaan dhaabichaa himaniiru.

Hidhamtoota kumootaan lakkaawaman dhiyeenya hiikaman keessa hooggantootni addichaa jiraachuun beekameera.

Addichi Eertiraa keessatti qabsoo hidhannoo kan gaggeessu yoo ta'u naannoo somaalee biyya walabumma qabdu taasisuuf qabsaa'a.

Bara 2007 tti ajjeechaa lammilee Chaayinaa sagal fi lammiilee Itoophiyaa 74 nannoo somaaleetti barbaacha boba'arratti turan kan raawwate addicha akka ta'e amanama.