''Durumayyuu fedhii qabsoo hidhannoo hin qabnu ture'' Ginboot 7

''Durayyuu fedhii qabsoo hidhannoo hin qabnu ture.''

Madda suuraa, Jonathan Alpeyrie

Ministirri mummee doktar Abiy Ahimad ibsa mana maree bakka bu'oota uummataaf kennaniin qabsoon hidhannoo kan jabanni itti darbe dha jechuun isaanii ni yaadatama.

Dabalataniis Ministirri mummee gareewwaan biyyoota ollaa ta'anii qabsoo hidhannoo taasisaa jiran gara biyyaatti deebi'uun qabsoo karaa nagaa akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Haaluma kanaan gareen Ginboot 7 'siyaasni qaroome' mala qabsoo filannu, beeknuufi hawwinu dha. jechuun ibsa baaserratti waamicha ministira mummee fudhachuusaa ibseera.

Ginboot 7 ibsa addaa kaleessa baaseen rasaasa kan dhukaase ofirraa ittisuuf malee akka ABUT / TPLF aangoo qabachuuf akka hin taane jala muree himeera.

Miseensa hojii raawwachiiftuu fi itti gaafatamaa kutaa diddaa uummataa Ginboot 7 doktar Taaddas Birruu ''Durumayyuu fedhii qabsoo hidhannoo hin qabnu, meeshaadhaan kaayyoo siyaasaa fiixaan baasuuf yaannee hin beeknu. Mootummaa humnaan bulaa ta'erraa of eeguuf jecha malee meeshaa keenyaan aangoo qabanna ejjennoo jedhu qabaannee hin beeknu'' jedhaniiru.

Tibbana hidhaarraa kan gadhiifaman hundeessaan Ginboot 7 obbo Andaargaachaw Tsiggee 'Ginboot 7 rasaasa tokko dhukaasee hin beeku' jechuunsaanii ni yaadatama.

Doktar Taaddasan gamasaaniin ''Feetu of eeguuf jecha yoo dhukaasne malee kaayyoo keenya milkeessuuf raawwannee hin beeknu'' jedhu.

''Malli keenyi inni guddaan diddaa uummataati'' kan jedhan itti gaafatamaan kun ''lafa mootummaan namoota hiriira nagaa bahan irratti dhukaasu jirutti, gareewwan ittisaa barbaachisoo ta'uufi kunimmoo qindoominaafi leenjii barbaada,'' jechuun hubachiisu.

Ginboot 7 ibsa kana kan baase Eeritiraan hariiroo nagaa Itoophiyaa wajjin uumuuf murteessuusheen wal-qabteeti xiinxaltootni jedhanis hin dhibne.

Doktar Taaddasaan garuu kuni 'madaala hin kaasu' jedhu ''Inumaayyuu nuti waliigaltee kana ija gaariin ilaalla.'' Walittii dhiyeenyi biyyoota lamaanii tasgabbii biyyoota naannoo jiraniif faayidaa qaba jennee abdanna,'' jedhu.

Dhimma gara biyyaatti deebi'uu

Ministirri mummee paartileen siyaasaa biyya hambaatti socho'an biyyatti deebi'anii karaa nagaa akka qabsaa'an waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama.

Haaluma kanaan keesumaa paartiileen bilisummaa Oromoof qabsaa'an tokko tokko jila erguun siaaniis ni gabaasameera.

''Hanga yoonaa waanti ifa tahe ijaa hin jirreef tarkaanfii kana ija qajeeltoon ilaalla. Siyaasa qaroome irraatii hirmaachuunis fedhii keenya dha. Garuu sochiin amma jalqabmee waaraa akka tahe tahuusaa mirkaneessuu barbaadna.

Fakkeenaanyaaf seera farra shororkeessummaafi danbiiwwan dhukkamsa tahan ka'uu qabu. Murtiin Ginboot 7 dabalatee, ABO, ONLF( Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen) irratti murtaa'e ka'uu qaba jennees amanna.

Ginboot Sebbaatt ibsa isaatiin gochaawwan ministirri mummee taasisaa jiran dinqisifataniiru.

''Aduu tokkoon waan hundi jijjiirama jennee yoo amanuu baanneyyuu gara fuulduraatti gaaddaramsi jaarmiyaa akka dhufu abdanna'' jedhu doktar Taaddasan deebi'anii dhufuun isaan taateewwan gara fuulduraarratti hundaa'as jedhaniiru.

Obbo Andaargaachaw Tsiggeen gara hojii isaanii duriitti deebi'uu kan himan doktar Taaddasan ''Ibsicha kan baasne garuu isaan deebi'aniif mitii'' jedhaniiru. ''Ejjennoon amma baasne duris kan ture fi diddaa uummataa deeggaruuf jecha ittisaa waan fayyasamne malee fedhii qabsoo hidhannoo hin qabnu'' jechuun mirkaneessu.