Itoophiyaa: Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen omisha boba'aa morme

Loltoota Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen agarsiisu

Madda suuraa, Jonathan Alpeyrie

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen

Mootummaan Itoophiyaa omisha yaalii boba'aa jikitaa eegaluu isaa erga ibsee guyyaa tokko booda dhaabni fincilaa naannoo Somaalee keessa socho'u Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) murticha mormeera.

Mala qabnu hundatti fayyadamne omisha boba'aa kana ni dhaabsifna jechuun dubbi himaan dhaabichaa Hasan Adaanii Hirmooge BBC'tti himaniiru.

"Hanga uummanni naannoo sana aangoo ofiin of-bulchuu argatanitti, wal-diddaan siyaasaa uummata Somaalee Ogaadeen fi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru hanga hin furamiinitti, gochi akkanaa warra abbaa qabeenya hacuucanii, qabeenya sana faayida warra kaaniif oolchu ta'a," jedhan.

"Nuyi siyaasaafi diinagdee Itoophiyaa keessaa qooda hin qabnu, aadaan isaan waliin qooddannus hin jiru."

"Lafti keenya humnaan qabame, kan didnee hanga yoonaatti fincilaa jirruufis kaanaafi. Ammas omisha boba'aa kana dhaabsisuuf waan dandeenyu mara ni goona," jedhu Obbo Hasan.

Qabeenyi naannoo sanaa kan uummata naannichaa qofadha, kan nama biraa ta'uu hin danda'u jedhan.

Waamicha mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siyaasaa biyya alaaf dhiyeessan akka simatuufi marii'achuu akka barbaadu dhaabichi dhiyeenya beeksisee ture.

Addichi Eertiraa keessatti qabsoo hidhannoo kan gaggeessu yoo ta'u naannoo somaalee biyya walabumma qabdu taasisuuf qabsaa'a.