Dr. Abiy Ahmad: ''Boba'aan nuuf madda badhaadhinaa miti''

Boba'aa qaruuraa keessatti ol qabanii ilaalaa jiru, Ahmed Shidee, Abdii Mohammad

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Aanga'ooti Federaalaafi Naannoo Somaalee wayita hojii eegalsisan

Itoophiyaan naannoo Somaaleetti seenaa keessatti yeroo jalqabaaf omisha Yaalii boba'aa jikitaa eegalte.

Dhaabbatni Chaayinaa 'Poolii Sijii ell' jedhamu kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti barbaacha gaasii uumamaa fi boba'aa gaggeessaa ture.

Hojiin yaalii boba'aa jikitaa omishuu akka jalaqabamu Ministira muummee biyyattiitu beeksise.

Hojiin boba'aa jikitaa qotuu bakka ministirri dhimmooota koominikeeshinii mootummaa, hoogantootni mootummaa federaalaa fi naannoo aragamaniitti Kamisa eegaleera.

Omisha yaaliin guyyaatti jikitni barmeela 450 kan omishamu akka ta'e ibsameera.

Baha biyyattiirraa gaasii uumamaa omishuuf gama mootummaa Itoophiyaatiin qophiiin xumuramee, qabeenya kana biyya alaatti gurguruuf mootummaa Jibuutii waliin marii gaggeessuu isaanii Dr. Abiy dubbaataniiru.

Waliigaltee irra gahameenis, waggoota dhufan lamaan keessatti, ujummoon gaasii uumamaa dabarsu fi biyyoota lamaan walqunnamsisu ni ijaarama.

Gurgurtaa kanarraas waggaa isa jalqabaatti qofa sharafa biyya alaa doolaara biiliyoona tokko olitti tilmaamamu akka argamus himaniiru.

'Boba'aan madda badhaadhinaa miti'

''Nuu lammiilee Itoophiyaaf, boba'aan madda badhaadhinaa miti'' kan jedhan ministirri muummee, ''Kallattii guddinaa qaabeenya uumamaa qircachuurratti xiyyeefate hin qabnu, qabeenyi keenya inni guddaan uummata keenya,'' jedhan.

Osoo boba'aan argamuu baatees guddinni akka hin dhaabanne dubbataniiru.

Adeemsa omisha boba'aa kana gufaachiisuuf yaaliin akka hin godhamne eegumsa gochuun barbaachisaa ta'uus eeraniiru.

''Boba'ichi guddina keenya walii galatti kan dhugoomsu, hoji dhabdummaa kan xiqqeessu, rakkoo sharafa alaa keenya kan hir'isu, nagaa keenya kan hin booressineefi dhiifamaa fi jaalala keenya kan ceesisu ta'uu qaba'' jedhu.

Suura meeshaa boba'aa jikitaa baasu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan omisha yaalii boba'aa Jikita eegalte

Dhimmaa omisha boba'arratti rakkoo guddaa kan ture jiraattoota naannoo hirmaachisuu dhabuudha jedhu hoogganaa Adda Bilisa Baasaa Lixa Somaalee(WSLF) duraanii kan turan Ibraahiim Sheik Mohaammad Adheeree.

"Jiraattootaafi mootummaa naannoo hirmaachisuuf hojiin alana hojjetame gaariidha," jedhu.

''Inni kun yaada haaraafi gaarii dha, Itti fufa jedheen yaada'' kan jedhan Obbo Ibraahim, mootummaan naannoos, uummatnis qooda fudhachuu qabu jedhaniiru.

Rakkoon nageenyaas yaaddoo guddaa ta'uu dubbatu.

''Hojjettootni Chaayinaa sagaal dirree boba'aatti ONLF'n ajjeefamuu hundi keenya ni yaadanna, furmaatni waaran ONLF waliin hin kaa'amu taanaan kun yaaddessaa ta'a," jedhu Obbo Ibraahim.

Gaasiin Uumamaa qabeenya uumama akka madda anniisaatti hojiirra ooludha.

Boba'anis madduma annisaa ta'ee bifa dhangala'aan kan jiruu dha.

Ministirri muummee ibsa kalessa kennaniin Nannoo Somaaleeti omishni gaasii uumaamaas, boba'aa jikitaasa ni eegala.

Lafa diimokiraasiin hin dagaagnetti...

Itoophiyaan gaazii uumamaa kiyuubik meetirii biliyoona 25 hanga 30'tti tilmaamamu qabdi jedhu diinagdee Itoophiyaa fi Afriikaa kan qoratan Dr. Ayyale Galaan.

"Boba'aan Jikitaa kiyuubik meetirii miiliyoona tokkollee kan hin guutneedha. Baayyee xiqqoodha, gara fuulduraattis oomishamee Itoophiyaa ni fayyada kan jedhamee yaadamu gaasii uumamaati," jedhu Dr. Ayyaleen.

Kanaan dura boba'aan Itoophiyaa keessa jiraachuun utuma beekamuu akkuma biyyoota boba'aa oomishan keessatti mul'achaa jirutti madda rakkoo walitti bu'iinsaa ta'a jedhamee sodaatamaa tureera.

''Biyya sabni sirriitti ijaaramee dimokiraasiin hundeensaa lafa hin qabannetti, hordoffii fi madaalliin hin jirretti boba'aa baasuun akka milkaa'ina guddaa tokkootti ilaalamuu waan hin qabneedha," kedhu Dr. Ayyalen.

"Warri diinagdee qoratan, kanaan abaarsa diinagdeeti jedhuun. Laf-jala ba'uunsaa gaarii kan ta'u yoo dimokiraasiin dagaagee fi tasgabbiin jiraateedha,'' jedhu.

Dr. Ayyaleen danqaa sababa boba'aatiin biyyoota biro mudate haala Naayijeeriyaafaa keessa jiru akka fakkeenyaatti kaasuun, qabiinsi gaariin hin jiru taanaan boba'aan biyyaaf qormaata akka ta'uu malu dubbatan.