Damee telekoom abbootii qabeenyaa dhunfaaf...?

Madda suuraa, Ethiotelecom
Itiyoo-Teelekom torbee tokko dura manneen jireenyaafi dhaabbileef tajaajila intarneetii akka dhiheessuuf, dhaabbata dhuunfaaf heeyyama kenneera erga jedheen booda mataduree haasawaa taheera.
Dhaabbatni eyyamni kennameef kan biyya keessaa miti, abbootiin qabenyichaas mootummaa waliin hidhata qabu himatni jedhu dubbii ijoo haasawa kanaati.
Itiyoo Teelekom irraa taajila inteerneetii laachuuf dhabooli eyyama fudhatan keessaa dhaabbanni 'G2G Group' jedhamu isa tokko dha
G2G group' sektara teeknolojii odeeffannoofi komunikeeshinii isaa iddoo afuritti qoodee kubbaniyaa hojjetuudha.
Qoodama arfan keessa 'G2G IT clarity' tokko yoo ta'u, gargaaraa Itiyoo Teelekomiifi dhiyeenyatti manneen jireenyaafi wajjirootaaf tajaajila inteerneetii laachuuf qophaa'aa ta'uusaa hogganaan dhaabichaa Obbo Biruuk Mogas BBC'tti dubbataniiru.
G2G kanaan dura Itiyoo Teelekom waliin hojiilee adda addaa hojechaa akka tures ni dubbatu.
Damee Telekoom abbootii qabeenyaa dhunfaaf?
Ogeessi diinaagdee Obbo Zemedneh Nigaatu, waggotii xiqqoo darban asitti Itiyoo-Teelekom tajajiloota murtaa'an gara kubbaaniyyaa dhunfaatti babal'isutti jira jedhaniiru.
Akka fakkeenyaattis waggoota muraasa dura bu'aa guddaa kan argamsiiseef, raabsa siimkaardii gama dhaabbilee dhuunfaan gabaaf dhiyeessuu isaa eeru.
"Ammas dhaabbilee dhunfaa hirmaachisuun tajaajila kennu babal'isuuf waan kana akka eegale malee, damee telekeoom gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti dabarsuuf natti hin fakkaatu," jedhu.
Gama biraan Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa qor-diinagdee (economics) kan ta'an Obboo Guutaa Laggasa, murteen kun damee telekoom gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti dabarsuuf tarkaanfii isa jalqabaati jedhu.
Hogganaan Itiyoo-telekoom Obbo Abduraahiim Ahimad gama isaaniin damee kana abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarsuufi yaadi jedhu yaada dogoggoraati jedhu.
"Akkuma dhaabbilee hayyama kaardii moobayilii akka gurguran kennineef, dhaabbileen kunis intarneetii nurraa bitanii maamilootaaf dabarsuu malee kun jijjiirama imaammataa miti," jedhu.
Qulqullina tajaajilaa
Rakkoon qulqullina intarneetii Itiyoo-telekoom sanduuqawwan raabsaa ollaa gara garaa keessa jiran malee waan biraa miti kan jedhan ogeessi IT Obbo Takliit Hayilaay, dhaabbileen dhunfaa raabsa intarneeta keessa akka galan gochuun qulqullina fooyyessa jedhu.
Saanduqaalee kanneen irraa kaasee sarara hanga maamiloota bira gahuutti jiru fooyyessuun tajaajila qulqullina qabu akka kenninu nu gargaara jedhu hogganaan 'G2G Group' Obbo Biruuk.
Akka Obbo Biruuk jedhanitti, yeroo amma gatii Itiyoo-Telekoom tajaajila itti kennu irraa manneen jireenyaaf dhibbeentaa 10-50, dhaabileef ammoo 5-25 ni hir'isa.
Abbummaa dhaabbatichaa
Dhaabbati 'G2G Group' Ministeera Qunnamtii fi Teeknooloojii Odeeffannoo irraa gosoota hojii jaha irratti hayyama fudhachuu isaafi san keessaa tokko kan amma eegaluuf jedhan dhiyeessii intarneetii akka ta'e dubbatu.
Abbummaa dhaabbatichaa waliin wal-qabatee gaaffii ka'uuf, "dhaabbaticha waldaan akka hundeessaniifi, miseensota waldichaa garuu ifa gochuu hin barbaadu," jedhaniiru.
Dhaabbatni isaanii biyya keessatti kan galmaa'e ta'uus himaniiru.
Dhaabbileen biroo tajaajila dhiyeessii intarneetii akka kennan hayyama argatan saddeet ta'uu hogganaan Itiyoo-telekoom Obbo Abdurahiim ni dubbatu















