Mirga Namoomaa: Mootummaan namoota miidhe kiisuu qaba

Fakkii sarbamiinsa mirga namoomaa ibsu

Madda suuraa, Human Rights Watch

Namoonni mootummaa Itoophiyaatiin manneen hidhaatti dararaan irra ga'e mootummaan akka beenyaan kaffaluun gatiisaanii deebisu gaafachuu eegalaniiru.

Waxabajjii darbe Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad paarlaamaarratti namoonni waggoota arfan darban keessa hidhamana harka qaamolee tikaatti mirgisaanii sarbamaa ture jechuun dhugaa bahanii turan.

Namoota dhiittaa mirga namaa fi malaammaltummaa keessatti adda durummaan hirmaataniiru jedhaman keessaa qondaaltonni mootummaa torbaatamaa ol hanga yoonaatti hidhamaniiru.

Ebla keessa gara aangootti kan dhufan ministirri muummee Abiyyi Ahmad fooyya'iinsa hedduu gama siyaas diinagdeen fidaniiru.

Ta'us garuu miidhamtoonni ammallee madaasaaniirraa fayyuuf hojii guddaan akka eegamu dubbachaa jiru. Miidhaa irra ga'eef beenyaa gaafachaa jiru.

Itoophiyaa keessatti Manneen hidhaa uummanni beekuun alattillee manneen hidhaa torba kan namoonni itti gidiraa argan magaalaa Finfinnee keessa dhoksaadhaan akka ture, hundi isaanii qondaaltota damee tikaatiin akka hoogganamaa ture mootummaan beeksiseera. Miidhamtoonni waggootaaf ukkaamamanii turanis amma dubbachuu eegalan.Waggaa sadi mana hidhaa maa'ikalaawiitti guyyaa guyyaan utuu dararamuu kan ture namni umurii waggaa 32 Seife Girma waan irra ga'e akkanaan dubbata.

"Yeroo turtii koo mana hidhaa dukkana keessattin dabarse. Qorannoon halkan geggeeffama. Hundayyuu dirqamaan amani jedhu. Qofaatti natti cufanii na reebu, arrabsoodhaan hamilee koo cabsu. Eelaan maa'ikalaawwii baayyee jabaadha. Bakka dargaggoonni hedduun itti dararamaniidha. yeroo hedduu qorannoon sa'atii sadirraa eegalee hanga halkan walakkaatti ta'a, warri qorannoo geggeessan yeroo baayyee machaa'anii dhufu, kanaafuu si reebuu malee waan biraa hin beekan.''

Waggoota afran dabran keessa dargaggoonni kumaan lakkaawaman akkasuma mana hidhaatti dararamaa turan, gareen mirga dhala namaaf falmu namoonni kunneen haala lubbuun jiraachuun keessatti hin yaadamne keessa turan ittiin jedha. Hedduun isaanii kanneen bara 2015 irraa eegalanii hiriira nagaa bahuun haalli siyaas-diinagdee biyyattii akka fooyya'u gaafachaa turaniidha.

Hedduun seera farra shororkeessummaatiin kan miidhamaniidha, seerri kun ta'e jedhamee morkattoota ukkaamsuuf kan bocameedha jechuun gareen mirga dhala namaaf falmu qeeqaa ture, amma seerri kun akka fooyya'uuf mootummaan hojjechaa jira.

Namoota dararaan cimaan irra ga'e keessaa Yoonaas Gaashaw fayyaasaa hidhamee qaama hir'uu ta'ee ba'e, wayita dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamaa turetti uffata ofirraa baasuun madoosaa wayita agarsiisu xiyyeeffannaa miidiyaa hedduu ta'ee ture. Miidhaan irra ga'e akkanni of danda'ee hin deemne taasieera, kanaaf amma kiraanchiidhaan deema, doktarri isa yaalaa ture namni kun gara alaa deemee tajaajila wal'aansa fayyaa fooyya'aa argatu malee dhibeen narvii inni ittiin qabamee jiru fayyummaasaaf sodaachisaadha jedha.Yoonaas haala keessa jiru akkanaan dubbata.

"Qaamallee of danda'ee hin dhiqadhu. Dudda kiyyaan ciisuu hin danda'u, kiraanchii malee hin deemu. Hiryoonni koo hedduun jijjiirama kana otoo hin argin darban. Dararaan narra ga'e hammaataa ta'ulee, lubbuun jiraadhee jijjiirama amma biyya keenya keessatti dhufe kana arguun koo waan guddaadha."

Ministrri Muummee Abiyyi Ahmad aangootti dhufanii ji'oota torba keessatti abdii lammiilee biyyattiitti horuun alattillee namoonni mirga namaa srbaa turanii fi malaammaltummaa keessa turan akka seeratti dhiyaatan taasisaniiru. Qondaaltonni damee humna ittisaa fi tikaa 70 caalan yakka kanaan shakkamanii to'ataman keessaa walakkaansaanii yakkoota akka reebichaa, gudeeddii, dhiittaa mirga shakkamtootaa, fi mirga namootaa kanneen birootiin himatni irratti banamee dhimmisaanii mana murtiitiin hordofamaa jira. Namoonni kunneen to'annoo seeraa jala ooluun lammiilee biyyattii hedduu biratti fudhatama argateera.

"Waggoota digdamii torban darban lammiileen Itiopphiyaa sirna cunqursaa jala turan, qondaaltonni amma to'ataman kunneen qaama sirna sanaati. Hojiin kun mootummaan seera kabachiisaa jiraachuusaa agarsiisa. Namoota kunneen itti gaafatamtoota gochuun mootummaan uummatarraa akka amantaa argatu taasisa."

"Qondaaltonni mootummaa Kanaan dura turan warra humnaan saamaniidha. Biyya saamuuf warra walgurmeessaniidha. Kanaafuu hidhamuusaaniitti gammadeera. Jireenya koo keessatti yeroo jalqabaaf biyya qabaachuu kanan itti mirkaneesseedha. Biyyan jaalladhee walabaan keessa jiraadhu."

Garee warra mirga dhala namaaf falmanii keessatti Abbaa Seeraa kan ta'e Amahaa Makonnin namoota manneen hidhaa Itoophiyaatti dararaan irra ga'e hedduuf abukaatoo dhaabbachaa ture. Qondaaltota olaanoo kanneen to'annoo seeraa jala oolchuun hojiiwwan dhiittaa mirga namoomaa hambisuuf hojjetaman keessa gulantaa jalqabaati jedha.

"Komii fi mufii hedduun furmaata barbaadan ammallee hawaasa keessa jiru. Karaan ittiin kana furan keessaa tokko marii araaraati. kun baayyee barbaachisa. Namoonni miidhaman akka beenyaa argatan ni qabsoofna. Akkaataa seera idil addunyaatti deemuun kana ni milkeessina.''

Abdii shakkii fi sodaadhaan guutame ta'us, lammiileen Itoophiyaa hooggansi haaraan daddaaqama siyaasaa biyyattii keessa waggootaaf ture sirreessuun fooyya'iinsa akka fidu abdatu.