Bulchiinsi Amala Sirreessaa Federaala hooggantoota haaraa argate

Madda suuraa, Fana
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bulchiinsa mana amala sirreessaa Federaalaaf mudama haaraa 5 kennan
Qaama kanarratti hanqinni hojii waan mul'ateef hojiirratti jijjiirama fiduuf dirqamuu Abbaan Halangaa Federaalaa ibsa miidiyaa biyyoolessaaf kennaniin beeksisaniiru.
Kaayyoo hundaayiifi wajjin wal qabatee hojimaata dogongoraa, malaamaltummaa, Sarbamiinsa mirga namoomaa fi hanqinni itti gaafatamummaa fi mirgoota namoomaa sirreefamtoota sarbamaa waan turaniif, dhaabbaticha fooyyessuuf akka dirqaman obbo Birhaanuu Tsagaayee himaniiru.
Bu'uuruma Kanaan ministirri muumme muudama haraa namoota shaniif kennaniiru.
Kanneen muudama argataniis:
- Obbo Jamaal Abbaasoo Daayireektara olaanaa Bulchiinsa Amala sirreessaa Federaalaa
- Gargaaraa Komishinaraa Yaaregaal Addemee itti aanaa daayereekatara olaanaa fi hoogganaa dame Faayinaansii fi misoomaa humna namaa
- Komaandar Dastaa Asmallaash itti aanaa daayereekatara olaanaa fi hoogganaa dame misooma haaromsaa
- Komaandar Mulaat Alamuu itti aanaa daayereekatara olaanaa fi hoogganaa dame eegumsa fi tikaa
- Komaandar Wandimuu Caama itti aanaa daayereekatara olaanaa fi hoogganaa dame fedhiilee bu'uuraa ta'anii muudamaniiru.








