'Qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa fudhachuurraa of qusachuu qabu'-Komishinii Mirgoota Namaa Itoophiyaa

Asxaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ethiopian Human Rights Commission

Komishiniin mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa, kan madaalawaa hin taane fudhachuurraa akka of qusatan waamicha dhiyeesse.

Komishiniin kun hiriira Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruu fi miidhaa qaqqabaa jirurratti ibsa kenneen lubbuun namaa darbuu fi miidhaan qaqqabuu ibseera.

Kutaalee Oromiyaa kanneen akka Asaasaa, Asaboot, Awwadaay, Roobee(Baalee), Ciroo, Dhangaggoo, Dirree Xiyyaaraa, Dodolaa, Galamsoo, Gindhiir, Haramayaa, Harar fi Shaashamannee keessatti namoonni ajjeefamuu fi miidhamuu madden garaagaraa irraa akka odeeffate ibseera komishinichi.

Tarkaanfiin ajjeechaa lammiilee, hidhamtoonni paartilee siyaasaa mormitootaa, akka mana hidhaatii gadi dhiifaman hiriira ba’uun gaafatan irratti fudhatame akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti.

Dubbi Himaa fi Gorsaa Olaanaan Komishinii kanaa Obbo Aroon Maashoo,’’Qaamoleen mootummaa mirga lammiileen karaa nagana hiriira ba’uun mormiisaanii dhaggeessisuuf qaban eeguu qabu. Olaantummaa seeraa kabachiisuuf jedhanii tarkaanfiin fudhatani madaalawaa ta’uutu irraa eegama’’ jedhan.

Naannoon Oromiyaa haala rakkisaa lammiilee gaaga’ama lubbuuf saaxilan keessaa ammallee hin bane kan jedhan Obbo Aroon dhiittaan mirga namoomaa haala kanaan akka itti fufu iyyamuun hin ta’u jedhan.

Gabaasi miidiyaaleen garaagaraa baasanii fi miidiyaa hawaasummaarratti ba’aa jiran akka mul’isutti hanga ammaatti lammiileen hedduun ajjeefamaniiru.

Komishinichi lakkoofsa namoota ajjeefamanii isa sirrii baruuf jiraattota naannoo, namoota ijaan argan, hospitaalotaa fi aanga’oota mootummaa irraa odeeffannoo walitti qabachaa jira.

Mootummoonni naannoo fi federaalaa dhimma kana adda baasuuf hatattamaan qorannoo akka eegalan komishiniin kun akeekkachiiseera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Taateen ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda mul'achaa jiran imala gara abbaa irrummaatii?