Abbootiin seeraa Oromiyaa iddoo adda addaatti adeemsa seeraa malee hidhamuun gaaffii kaase

Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Madda suuraa, MMWO

Ibsa waa'ee suuraa, Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti abbootiin seeraa bu'uura seeraa malee akka hidhaman BBC'f mirkanesseera

Naannoo Oromiyaa iddoo adda addaatti abbootiin seeraa mirga hidhamuufi himatamuu dhabuu osoo qabanii hidhamuun isaanii gaaffii kaase.

Godina Shawaa Bahaafi Shawaa Lixaatti abbootiin seeraa adeemsa seeraa osoo hin hordofiin poolisiin qabamanii hidhamuu akkasumas reebichi irratti raawwachuu ogeeyyiin seeraa BBC'tti himaniiru.

Dhimmi abbootii seeraa kan isa ilaallatu Manni murtii waliigalaa Oromiyaa rakkoon kun bakkeewwan Oromiyaa adda addaatti mudachuu isaa mirkaneessuun furuuf hojjechaa akka jiru himeera.

Seerri manneen murtii Caffee Oromiyaan bahe abbootii seeraaf 'mirga addaa' kenna. Yoo 'yakka cimaan' shakkamaniis mirga hidhamuu akkasumas himatamuu dhabuu isaanii kaasuuf adeemsa hordofamuu qabu lafa kaa'a.

Dhimma himannaa poolisiirratti ka'erratti qondaaltota komishinii poolisii Oromiyaarraa yaada isaanii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Maaltu ta'e?

Bakkeewwan lama rakkoon kuni mudate jedhame keessaa tokko Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluuti.

Mana Murtii Aanaa Adaamii Tulluutti abbootiin seeraa lama Nuurii Abbiyyuu fi Ahmaddiin Sa'id jedhaman Adoolessa 7 balbala waajjira isaaniitti to'annoo poolisii jala ooluu abukaatoon isaanii Obbo Abduljabbaar Huseen BBC'tti himaniiru.

Obbo Abduljabbaar akka jedhanitti sababni poolisiin isin shakke jedhee isaan to'ateefi wanti isaan shakkan gargari.

Waan abbootii seeraarraa odeeffan abukaatoon isaanii yoo himan shakkiin isaanii hidhamuu isaanii guyyaa tokko dura walgahii taasifameen poolisiif bulchiinsaafi nageenyi mufii kaasanidha.

Mufiin kunis abootiin seeraa 'manni murtii beellama gaggabaabaa kennaa qorannoorratti danqaa nutti ta'ee jira, mirga wabiitin nama baasani ' kan jedhudha jechuun himu.

Mana murtiitti yoo dhihaatan poolisiin ajjeechaa Hacaaluu booda hookkara raawwaten akka shakke himan.

''Aanaa Adaamii Tulluu keessatti namoota kakaastanii miidhaan lubbuufi qabeenya namaarra akka dhaqqabu gootani'' jechuun poolisiin isaan shakkuu ibsee qorataa ture.

Abbootiin seeraa kuni irra- deddeebbiin mana murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaatti erga dhihaatanii booda 'akkatti abbootiin seeraa qabaman seeraan ala' jechuun manni murtii Wiixata darbe akka gadhiifaman ajaje.

Ta'us, ammallee hidhaa jiraachuu dubbatu abukaatoon isaanii.

Gama kaaniin, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniittis abbaan seeraa Tasfaayee Magarsaa jedhaman Adoolessa bultii 21, 2012 guyyaa tokkoof hidhamanii gadhiifamaniiru.

Qondaalli mana murtii aanichaa maqaa koo nuuf dhoksaa jedhan akka BBC'tti himanitti abbaan seeraa kuni gabaa keessa poolisiin qabaman.

''Gabaa keessatti reebanii qabanii hidhani'' kan jedhan qondaalli kuni yeroo ammaa abbaan seeraa kuni ''hawaasa reebame keessatti miira kamiin hojjedha'' akka jedhan himan.

Sababni kuni ta'es yoo ibsan namoota labsii Covid-19 to'achuf bahe cabsuun namoota hidhaman sadiif mirga wabii eegde jedhamee akka ta'e himu.

Gaafasuma abbaa alangee Obbo Taammanaa Dheeressaa jedhamanis qabamanii galgaluma san hiikamus dubbataniiru.

MM Abiy Ahimad erga aangootti dhufani as riiformiiwwan gaggeeffaman keessaa tokko manneen murtii dhaabbilee walabaa haqni itti argamu gochuudha.

Kanneen dhimmi kana itti dhiheenyaan hordofan jijjiiramni jiruus kan sirratu qabus akka jiran kaasu.

Deebii Mana Murtii

Dhimma abbootiin seeraa reebamuufi to'atamuu kan gaafanne Dubbii Himaan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gonfaa Atoomaa rakkoon jiraachuu mirkaneessu.

Manni murtii Waliigalaa Oromiyaa dhimmi Godina Arsii Lixaa akkasumas Shawaa Lixaatti abbootii seeraarra raawwate akka quba qabu mirkaneesseera.

Keessumaa kan Godina Shawaa Bahaatti hidhaman akka hiikaman dalagaa akka turan himan. Rakkoon jiru garuu akka kanarra bal'atu dubbatu.

''Abbootiin seeraa jeequmsa keessatti hirmaannaa godhaniiru sababa jedhuun keessumattuu naannoo Arsii, Arsii Lixaa, Baaleefi bakkee adda addaatti rakkoon uumamaa akka ture hooggansi quba qaba'' jedhan Obbo Gonfaan.

Abbootiin seeraa BBC'n dubbisees rakkoon akka jiru himuun miidiyaaf dubbachuu kan sodaatan jiru. Qondaalli Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dubbisne rakkoo akkanaa furuuf akka dalagamaa jiru himan.

Kana dura, Naannoo Amaaraatti hojii isaaniin walqabatee abbootii seeraarratti miidhaan dhaqqabu naannichi beeksisuun isaa ni yaadatama.

Mirgi himatamuu dhabuu abbootii seeraa yoom irraa ka'u danda'a?

Labsiin Manneen Murtii Oromiyaa irra deebiin hundeessuuf bahe lakkoofsa 216/2011 abbootiin seeraa mirga addaa akka qaban ibsa. Keeyyanni 40 labsii kanaa mirga addaa Abbaa seeraa (Immunity of Judges) ibsa.

Keeyyanni 40/1 ''Abbaan Seeraa yakka cimaa osoo raawwatuu harkaa fi harkatti yoo qabame malee, hayyama Gumiitiin ala hin qabamu; yakkaanis hin himatamu; hin hidhamus'' jedha.

Haa ta'u malee, 'cimina yakkaa' fi kaan ilaalcha keessa galchuudhaan gumiin abbootii seeraa mirga himatamuu dhabuu abbootii seeraa kaasuu danda'a. Kunis, keeyyata 40/2 jalatti ibsamee jira.

''Gumiin cimina yakkichaa, haala raawwatiinsa isaa, miidhaa dhaqqabe yookiin dantaa hawaasa bal'aa duubaan jiru, yookiin dhiibbaa inni maqaa gaarii Mana Murtii irratti qabu madaaluudhaan hayyamuu ni danda'a,'' jedha.

Keeyyata 40/3 jalatti sababoota ijoo mirgi himatamuu dhabuu abbaa seeraa 'kallattiidhaan' itti ka'u ibsa.

''… yakki Abbaan Seerichaa itti shakkame yakka matta'aa fudhachuu, ajjeechaa yookiin gudeeddaa yoo ta'e, Gumiin Naannoo kallattiidhaan hayyamuu ni danda'a,'' jechuun ibsa.

Haa ta'u malee, akka abukaatoon shakkamtootaa akkasumas ogeessii seeraa Aanaa Dirree Incinnii ibsanitti abbootiin seeraa hidhaa jiran adeemsa kana hordofee miti kan to'annoo jala oolan.

Qondaalli Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaas odeeffannoon qabaniin hidhaan abbootii seeraa adeemsa osoo hin hordofiin raawwate jedhan. Furuufis akka hojjetamaa jiru BBC'tti himan.