'Naannoo Amaaraa bakkeewwwan adda addaatti abbootii seeraarraan miidhaan gahaa jira'

Naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tookkootti haala hojiisaanii walqabateen miidhaan abbootii seeraa irra gahaa jiru baayyaachaa dhufuu naannichi beeksise.
Akka ibsa dhiheenya kan waajjira Haqaafi Abbaa Alangaa naanichaatiin ibsameetti, miidhaan kunis haala hojiisaaniin wal qabateen irratti raawwatamaa jira.
Namoota gocha kana raawwatan irratti tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta'e fudhachuuf qorannoo gaggeessaan jira jedha naannichi.
Dhiheenya kanas abbaa seeraa mana murtii aanaa kaan ta'an Obbo Efreem Kidaaneefi hirriyaasaaniirra miidhaan wal fakkaatu qaqabu BBC'tti himu.
Obbo Efreem akka jedhaniitti, hiriyyota waliin hojjatan lama waliin ta'uun waa'ee olmaasaanii osoo haasa'aa jiranuu ture kan miidhaan irratti aggaamame.
''Guraandhala 18 hojiin booda bataskaanaa deebii'uun boqachaa turre,'' jechuun guyyaa sana yaadatu.
Haata'u malee, namoonni ta'an duubaan dhufuun huleedhaan miidhaa irraan gahuu eegalan. Namoonni miidhaa irraan gahanis lama akka turn himu.
''Keessattuu abbaa alangaa tokkoorra miidhaa cimaatu qaqabee,'' jechuu haala ture ibsu Obboo Efreem.
Itti dabaluunis ''Ana saggoo kiyyaarra na rukutan. Inni biraa hiriyyaa kiyya mataa keessa dhahe. Inni sadaffaan ilkaan isaa kan buqqa'e yoo ta'u, naannoo ijasaas miidhameera. Funyaansaas cabeera. Miidhaa sukkanneessaatu nurratti raawwatame,'' jechuun haala miidhaa irra qaqabee ibsu.
Haata'u malee, eenyummaafi sababii miidhaan kun isaan irra gaheef akka hin beekne BBC'tti hime Obbo Efreem.
Miidhaan kun kan hoojii isaanii waliin hidhata qabu ta'uu mala jedhamuun gaaffii dhiyaateef deebii yoo kennan, ''hojiin ala maal ta'uu danda'a? Wal dhabdee hin qabnu. Waldhabdee dhuunfaa hin qabnu. Guutummaa guutuutti ta'uu baatulleen sababiidhuma hojiitiin jedhamuu kan danda'u,'' jechuun deebii kennana.
Gochicha ''qaaneessaafi kan mataa gadi naqabachiisudha'' kan jedhan ammoo Daarektara Saba-Himaa Mana Murtii Waliigalaa Naanoo Amaaraa Obbo Taazibaachoo Xaaseeti.
''Miidhaan kun uleefi dhagaadhaan raawwatame. Bakka isaan biyyi nagaadha jedhanii taa'aa turanitti duubaan dhufanii ture kan miidhaa irran gahan. Haalli ittiin of ittisan hin turre,'' jechuun haalicha ibsu.
''Abbootii seeraa kanarra miidhaa dachaatu irra gahaa jira'' kan jedhan Obboo Taazabaachoon, ''Galmeewwan wal xaxoo ta'an irratti murtee sirrii kennuuf alkaniifi guyyaa hojjataa jiraachuu isaaniin alatti, miidhaan akkasi irra gahaa jira,'' jedhu.
Miidhan ammaa kunis kan jalqabaa akka hin taane kan dubbatan Obbo Taazabaachoon, haalichi hanga abbootii seeraa abdii kutachisuurra gahuu himu.
Waajjirri Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amhaaraa haala kanarratti torban darbe ibsa kennee ture.
Abbootiin seeraa naannichaa haalawwan rakkisaa keessatti osoo hin hafne dhiibbaa tokko malee murtee seeraa kennaa turuu ibsichi eereera.
Haaluma walfakkaatunis yeroo garaa garaatti abbootii seeraa Jiddu-gala Gondar, Gondar Kaabaa, Kibba Gondar, Hawaasa Hawwii, Walloo Kaabaafi Walloo Kibbaa keessatti miidhaafi dhiibaawwan adda addaa irra gahuu Manni Murti Waliigalaa beeksiseera.
''Midhaan kunis kan qaqabe abbootii alangaa kanneen qofarratti osoo hin taane sirna haqaafi ummatarraa akka ta'eetti yaadamuun motummaafi hawaasni wal ta'uun eegumsa taasisuufii qabu,'' jechuunis waamicha taasisaniiru Obbo Taazibaachoon. Haala akkasiin yoo itti fufamees sirni haqaa rakkina keessa akka bu'u sodaa qabanis himan.
Rakkinichi kan mudatee gutummaa gutuutti waan irra darbameef miti jedhu.
''Eegumsa nageenya hinqaban. Guyyaa guyyaan murtee seeraa dabarsu. Haalli qaamni itti murtaa'ee murte darbuutti hingammannee ni jiraata. Abbootiin seeraa sadarkaa addaa addaarratti argaman eegumsi isaan barbaachisa. Meeshaa ittiin of ittisan hinqaban jedhu.
''Kan isaan eegu ummata, sammuusaaniifi hojiisaaniiti. Garuu bakka jiraniitti miidhaan irra gahaa jira. Motummaan eegumsa isaaniif taasisu qabaata. Meeshaa kennuunis akka of eegan taasisuun itti gaafatamummaa saa bahu qabaata,'' jechuu yaada kennu.
Abbaan alangaa Eefreemis yaadan kanaan walii galu.
''Abbaa alangaatiif eegumsi taasifamuuf qabaata. Sababiinsaas lubbuu namaafi qabeenyaa irratti murte kennu. Motummaanis haala adda ta'een eegumsa taasisuufi qabaata. Kanneen miidhaa irraan gahanis adabbii sirriin itti murtaa'u qabaata.''
''Miidhaan namoota kanneen irratti raawwatamus sirna haqaafi abbootii seeraa kan biraa irrattis dhiibbaa olaanaa uma. Abbootiin seeraa bilisaan seera qofa bu'urreeffachuun murtee akka hin kenninee ni daangeessa,'' jedhu.
Manneen murtii gutummaa gutuutti rakkooleerraa bilisa akka hintaane kan himan Obbo Taazabaachaw, ''qaamooleen miidhamneera ykn murteen darbe sirri miti jedhan yoo jiraatan, ol iyyachu ni danda'u.
Abbootiin seeraa rakkina naamusaa qabaatan ni jiraatu. Isaani irratti tarkaanfiin ni fudhatama. Kan kana duras tarkaanfiin irratti fufhatames jiru. Kan harii'atamanis, kan hidhamanis jiru,'' jedhu.
Itti dabaluunis, ''haala amma ta'aa jiru kanaaf aanga'oota sadarkaa adda addaarratti argamaniin xiyyeeffannaan kennamu ni barbaachisa. Kana ta'u yoo baatee olaantummaan seera gaaffii keessa gala.
Aanga'ootaafi qaamoolee nageenyaa waliin hojjanna. Motummaanis xiyyeeffannoo addaa ni kenna jedheen yaada,'' jechuun abdii qaban himu.
Abbootii seeraa Magaalaa Dur Beeteetti miidhaan irra qaqabe sadii keessaa lamaansaanii wallaansa argachuu gara manasaanii galaniiru. Inni sadaffaan garuu miidhaa olaanaan waan irra gaheef ammalleen wallaanamaa jiru jedhu.
Dhimmicha qorachuufis garee tokko hundeeffameera.
''Gareen kunis dhiheenyatti yakkamtoota seeratti ni dhiyeessa jedheen abdanna,'' jedhu Obbo Taazabaachaw.















