Manni Maree Naannoo Amaaraa wal gahii ariifachiisaa taa'een muudama garaagaraa raggaasiseera

Madda suuraa, Amaaraa Mass Miiidiyaa
Manni maree naannoo Amaaraa wal gahii ariifachiisaa har'a taa'een muudama garaagaraa Itti aanaa Pirezidaantii Naannichaan dhiyaate raggasiseera.
Manni marichaa Dr Faantaa Mandafiroo Itti aanaa Pirezidaantii gochuun muudeera. Yuunvarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa tahuun tajaajilaa kan turan Dr Faantaa muudama mootummaa keessattis leenjii kennuu fi sanadoota leenjiif oolan hedduu qopheessuun nama beekaman akka tahe Amaaraa Maasmiidiyaan fuula Feesbuukii isaa irratti barreessera.
Manni marichaa muudama Dr Mulunesh Abbebee Sadarkaa Itti aantuu Pirezidaantiitti Qindeesituu Kilaastera Hawwasumaa fi Itti Gaafatamtuu Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawwasummaa gochuun dhiyaate raggasiseera.
Dr Mulunesh Yuunvarsiitii Gondarii fi Baahri Daar keessatti barsiisummaa fi hoggansaan akka tajaajilaanis himameera.
Akkasumas Dr Sayid Nuuruu sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaa kilaaster Dinagdee fi Itti Gaafatamaa Biiroo Ijaarsa Manneetii fi Misooma Maneettii tahuun muudamaniiru.
Itti gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa kan Turan Obbo Agenyehu Tashaager Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa tahuun muudaman.
Bakka isaanii ammoo Obbo Siisay Daamxee Itti Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fI Nageenyaa tahuun muudamuu isaanii Amaaraa Maas Miidiyaan gabaaseera.
Manni Marichaa muudama Obbo Tafarraa Wandimmaageny Itti Gaafatmaa Biiroo Indaastirii fi Invastimantii naannichaa akka tahaniif dhiyeetes raggasiseera.

















