Sadarkaa Naannootti fonqolchi motummaa akka hinjirree ABN ibse
Ibsa motummaan federaalaa yaaliin fonqolcha motummaa Naannoo Amaaraatti yaalame ture jechuun baaseen wal qabatee, hedduun attamiin fonqolchi sadarkaa naannootti gaggeefama jechuun gaafataa jiru.
Dhimmuma kanarrattis Dura Taa’aan Paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (ABN) Obbo Dassaalany Caannee ‘‘Fonqolcha jechuuf tokkoffaa raga gahaan hinjiru. Sadarkaa lammaaffaatti naannichatti kan raawwatame haleellaa aanga’oota olaanooti'' jedhan.
Kanaaf sadarkaa naannootti fonqolcha jechuun ni danda'amaa jechuun gaafatu.
ABN wayita ammaa kanatti eenyu akka haleellicha raawwateefi duba ta’uun eenyu akka qindeesse raga walitti qabaa jiraachu kan himan obbo Dasaalanyi, du’a aanga’ootaa fi janaraalootaatiin gaddi itti dhagaahamuu maqaa Paartii isaaniitiin ibsaniiru.
Komishinara poolisii dabalatee, aangaa’oonni Naannoo Amaaraa taateen kun ‘haleellaa aangawoo olaannoorratti raawwatame jechuun ibsaa jiraachuu kan himan Obbo Dasaalanyi, motummaa Federaalaa ''fonqolcha motummaa'' jechuun fayyadamuun kan bitaa namatti galuudha jedhaniiru.

Madda suuraa, fuula fb Dassaalany Caannee







