Namoonni siyaasaa jajjaboo himannaa malee hidhaa jiru-Huumaan Raayitis Waach

Madda suuraa, Getty Images
Jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu, Huumaan Raayitis Waach (HRW), aanga'oonni Itoophiyaa miseensota paartilee siyaasaa mormituu hedduufi gaazexeessitoota himannaa osoo irratti hin baniin yeroo dheeraaf mana hidhaa tursiisuun yaaddoo mirgoota namoomaa hamaa uumaa jira jedhe.
Namoota hidhuun kun dhuma baatii Waxabajjii 2020 hokkara ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee kan uumame ta'uu kan dubbatu HRW, namoonni hidhaman abukaatoowwaniifi maatii isaanii waliin wal arguullee poolisiin dhorkuu hima.
Kana malees, namoota mirgi wabii eegameefii akka hidhaatii bahan manni murtii ajajees poolisiin garuu fudhachuu diduu isaa ibsi HRW baase kun ni mul'isa.
Maatii, firoonniifi abukaatoowwan namoota to'annoo jala jiranii yeroo gara garaatti BBCn dubbise rakkoodhuma gabaasa HRW kana keessatti ibsame kaasuu isaanii gabaasuun ni yaadatama.
Keessattu komii gama adeemsaafi ajaja mana murtii raawwachiisuu ilaalchisee abukaatotaafi maatii namoota hidhamanii ka'u kanaaf BBCn gaaffii pireezidaantii itti-anaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Obbo Solomoon Araddaaf dhiyeessee ture.
"Manni murtii ajaja dabarsee murtiin sun kan hin raawwanne yoo ta'e, qaamni murtiin kun naaf hin raawwatamne jedhe mana murtii ajaja sana kennetti deebi'ee iyyachuu qaba," jedhan.
Manneen murtii ajajni kennan hin raawwatamne yoo ta'e ammoo dirqisiisanii akka raawwatamu gochuu ni danda'us jedhan.
Mirga wabii erga manni murtii kennee booda poolisiin hidhamaa 'tursiisuu hindandaiu, kuni wanna gaaffii keessa galu miti' jedhanii turan.
Shakkamaan tokko wanni ittiin himatame mirga wabiin bahee alaa dhimma isaa akka hordofu kan isaaf hayyamu ta'ee manni murtii yoo ajaja kenne poolisiin sana hojiirra oolchuuf dirqama qab jedhu Obbo Solomoon.
HRW ammoo poolisiffi abbootiin alangaa bakka buutee namoota to'annoo jala jiranii maraa ifatti ibsuu, ajaja mana murtii guutummaan guutuutti kabajuun mirga wabii hojiirra oolchuu, akkasumas namoota mana hidhaatti hafan ammoo salphaatti abokaatoofi maatii isaanii waliin akka wal argan gochuu qaba jedheera ibsa isaa kanaan.
"Aanga'oonni Itoophiyaa yakka qoratan, akkuma duraan baratame sana dura nama hidhanii booda qorachuu waan hin dhiifneef yaaddoo uumeera," jedhu Daarektarri Gaanfa Afrikaa HRW Laetitia Bader.
"Aanga'oonni kunneen haqaafi raga qulqulluu irratti hundaa'uun himata amanamummaa qabu saffisaan banuu ykn ammoo gadi lakkisuu qabu," jedhu Daarektarri kun.
Mormiin ajjeechaa Artist Hacaaluu booda dhalate magaalaawwan Oromiyaa hedduufi Finfinnee keessatti lubbuun namoota 178 akka darbuuf sababa ta'eera kan jedhe HRW, kan du'anis namoota nagaafi qaamota seera kabachiisan keessaati jedheera.
Waxabajji 30, Finfinnee keessatti humnoonni nageenyaa gaggeessitoota Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaa, akkasumas kan Paartii Baaldaraas Iskindir Naggaafi Sintaayyoo Chokkol hookkara uumame keessatti qooda fudhattaniittu jechuun to'ataniiru jedhe HRW.
Isaan booda ammoo poolisiin itti fufuun qodaaloota mootummaa dabalatee namoota 9,000 ol ta'an Oromiyaa keessatti to'annoo jala oolcheera kan jedhu HRW, bakkawwan sun ammoo qaamni walabaa himannaa dhiyaateefi qorannoo taasifamurratti argameellee taajjabuudhaaf carraa jiru daangessa jechuun ibsa.
Aanga'oonni, paartilee siyaasaa mara keessaa namoota mootummaa qeequ jedhaman kan akka ABO keessaa Lammii Beenyaa, Daawit Abdataafi kanneen biroo, Lidatuu Ayyaaloofi TPLF keessaa dabalatee hidhaniiru jedha.
HRW poolisiin gaazexeessitoota miidiyaalee gara garaa bakka bu'an gaazexeessaa lammii Keeniyaa Yaasin Jumaa dabalatee hidhuu isaanii ibsa isaa kana keessatti eereera.
Gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa, gaazexeessaa Yaasiin Juumaafi namoonni biroo galmee Ciibsaa Abdulkariimiifi Joombaa Huseen jalatti shakkamanii dhiyaatan kanneen manni murtii mirga wabii eegeefi poolisiin gadi dhiisuu dide keessaaa akka ta'an kanaan dura BBCn gabaaseeraq.
OMN dabalatee miidiyaaleenis qabiyyee ummata walirratti kakaasu tamsaasaniiru jedhamanii akka himataman hubachuu kaasaa jaarmiyaan mirgoota namoomaa idil-addunyaa kun.
Hokkarri dhiyeenya kana uumame muddama hawaasummaafi siyaasa duraan turetu murtee mootummaan sababa Covid-19 irraan kan ka'e filannoo tursiiseen daran hammaate jedha HRW.
HRW gaaffiifi deebii abbootii seeraa, firoota namoota to'annaa jala jiraniifi namoota mana hidhaatii gadhiifaman waliin taasiseen akka irra gaheera jedhetti, hidhaafi qorannoowwan gaggeefaman adeemsa seera cabsuun rakkoo keessa galuu ibseera.
Komii hidhamtoonni abukaatoowwaniifi maatii isaanii waliin wal argachuu hin dandeenye jedhu HRW abbaa alangaatiif gaaffii dhiyeessuu hima.
Deebiin abbaan alangaa HRWf kennes, rakkoon akka jiru amanee sababiin shakkamtoonni to'annoo jala jiranii maatiifi abukaatoo isaanii waliin wal hin argineef, waan jidduugalawwan to'annoo poolisii yeroo kan akka manneen barnootaa keessa waan ta'aniif deebii jedhu argachu ibsa.
Akka gabaasa HRW kanaatti, hidhamtoonni bakkawwan carraan Covid-19n qabamuun itti hammaatu keessa akka tursiifaman taasifamu.
Kanarraa kan ka'een akka fakkeenyaatti, namoonni akka Obbo Dajanee Xaafaa, miseensa KFO fi gaazexeessaa Yaasin Jumaa Covid-19 qabamuun isaanii gabaafameera.
Weerara Covid-19 ittisuudhaaf yeroo ogeessonni fayyaa sadarkaa idil-addunyaatti akka mootummoonni sirreeffamtoota mana hidhaa keessatti walitti hin baayyifne gorsaafi gaafachaa jiranitti, hojiin adeemsa himachuun murtii kennuu dheeressuun rakkoo daran kan hammeessuufi murannoo dhabuu Itoophiyaa kan agarsiisudhaa jedha HRW.
"Itoophiyaan mirgoota ajaja mana murtii malee hidhamuu dhabuufi kan seeraan hidhame ammoo haala mirga namoomaa guuteen qabamuufi haqa qajaalaa argachuu dabalatee mirgoota bu'uuraa kabajuudhaaf dirqama seeraa biyya keessaafi addunyaatu irra jira.
Aanga'oonni himata yakkawwan ifatti beekamaniif kan raga quubsaa qabaatanii adeemsa seeraa itti fufsiisan dhiyeessuutu irra jiraata."
'Egereen Itoophiyaa tasgabbooftuufi dimokiraatoftuu taasisuu yaaddoo keessa galaa dhufe'
Oduu wal fakkaatuun, dhaabbati Firiidam Hawuus jedhamu jalatti gareen dhimmi Itoophiyaarratti hojjetan ibsa Hagayya 12, 2020 baaseen, imalli egeree Itoophiyaa tasgabbooftuufi dimokiraatoftuu taasisuu caalaa yaaddoo keessa galaa dhufeera jedhe.
Gareen hayyoota, dippilomaatotaafi quuqamtoota mirga namoomaa of keessaa qabu waan Itoophiyaan itti jirtu dhiyeenyaanan hordofna jedhu kun, rakkoo nageenyaafi tasgabii ajjeefamuu Artist Haacaaluun booda dhalateen uumame jabduu yaadda'uu himeera.
"Mootummaan Itoophiyaa gocha mirgoota namoomaa daangessuutti deebiyuun isaa nu yaaddesseera'' jedha gareen kun.
Tarkaanfii mootummaan tibba kana fudhate kan akka lammileen ajaja mana murtii malee hidhuun tooftaa gaggessitoonni Itoophiyaa duraanii fayyadaman waan ta'eef, kun ammoo bu'aa waggoota lamaan darban keessa argaman duubatti deebisuu mala jedha.
''Ol-aantummaa seeraa kabachiisuun dirqama mootummaa, akkasumas kan lammileeti waan ta'eef, gonkumaa kan ittiin qabatanii mirga ofiin of ibsuu ukkamsan ykn ammoo [yaada fi ilaalcha] sab-daneessaa kan dhorkan ta'uu hin qabu."
Waadaa Itoophiyaa haaraa ijaaruuf galame akka duubatti hin deebineef; mootummaan, lammileen, akkasumas jaarmiyaaleen idil-addunyaa ammuma faluu qabu jedheera gareen kun.

















