Koronaavaayiras: Itoophiyaan tarkaanfii ittisa covid-19 fakkeessuun walabummaa yaadaa sarbaa jirti-HRW

Hasxaa HRW

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiiwwan weerara koronaavaayirasii ittisuuf fudhachaa jiru akka carraatti fayyadamuun mirga yaada ofii bilisaan ibsachaa daangessaa jira jechuun Dhaabbati Mirga Namoomaa(Human Rights Watch) komate.

Labsii yeroo muddamaa weerara koronaavaayirasii ittiin qolachuuf labsametti dhimma bahuun mootummaan mirga gaazexeessitootaa, namoota siyaasaa, quuqamtoota mirga namoomaafi rogeeyyii miidiyaa hawaasaa akka cabsaa jiru ibseera dhaabbati kun.

‘’Erga duulli ittisa Covid-19 eegalee namoota hedduutu hidhaman’’

Dhaabbata Mirga Namoomaatti Daarektara Damee Gaanfa Afrriikaa kan ta’an Laetitia Bader ,’’waa’ee koronaavaayirasii odeeffannoon dabarsinu xiyyeeffannoo cimaan kan ilaalamu ta’ee garuu ammoo sadarkaa mirga yaada ofii ibsachuu daangessuutti tarkaanfiin yoo fudhatamu itti hin dhiifnu,’’ jedhan.

Erga labsiin yeroo muddamaa labsamee namoonni akkaawontii miidiyaa hawaasummaasaaniirratti waan barreessaniif, akkasumas waan rakkoo hawaasaa dhageeffachuuf socho’aniif qofa mirgisaanii sarbamee mana hidhaatti darbaman hedduu ta’uu dubbatan Obbo Bader.

Akka fakkeenyaatti gaazexeessaa TV Tigraay Yaayyawsaw Shimellis, Hoogganaa Paartii Baaladaraa Iskindir Naggaafi miseensa Waldaa Ogeyyii Seeraa Dubartootaa Itoophiyaa kan taate Eelsaabeet Kabbade golgaan seeraafi mirgisaanii irraa mulqamee mana hidhaatti darbamuunsaanii daba ta’uu dubbatan.

Kana malees namoonni hedduun sababa ilaalcha siyaasaa isaanii ibsataniif qofa dararaafi hidhaan irra ga’aa jiraachuu hubadheera kan jedhe dhaabbati kun mootummaan Itoophiyaa gocha kanarraa of hin qusatu taanaan ibsa akka kennu gaafachuu ittan fufa jedheera.

Labsii yeroo muddamaa namoota hidhuuf carraa ta’ee?

Mootummaan Itoophiyaa erga Bitootessa 13, 2020 koronaavaayirasiin biyyasaa seenuu mirkaneessee murteewwan Dhaabbati Fayyaa Addunyaa Dabarse hawaasaaf labsee hojiirra oolchuu eegalus, Ebla 8, 2020 garuu hojii ittisa koronaavaayirasii irruma caalaa cimsuuf jedhee labsii yeroo muddamaa labsee ture.

Labsiin kunis namni yoo maal balleesse maal adabama kan jedhu tarreessee lafa hin keenye jedhamuun akkaan qeeqamaa ture.

Ta’us garuu gaazexeessitoota, rogeeyyii miidiyaa hawaasaa, namoota siyaasaafi quuqamtoota mirga namoomaa irratti xiyyeeffachuun qaamoleen nageenyaa namoota hiraarsaa jiraachuu ibseera dhaabbati mirga namoomaa kun.

Akkaataa seera mirga namoomaa idil-addunyaatiin fayyaa hawaasaaf jecha mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu hambisuun yoo danda’amellee mirga kana sarbuun garuu hin danda’amu.

Kanaafuu wayita dhibeen tokko bifa weeraraan mudatu mirgoonni daangeffaman karaa seera qabeessa ta’ee fi yaaddoo keessa hin galleon ta’uu qaba jedha dhaabbati kun.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniis biyoonni uggura sochii hawaasaa mirkaneessuuf humna fayyadaman akka of qusatan akeekkachiisee ture.

Labsiiwwan yeroo muddamaa kanaan duraa maal buusan?

Itoophiyaa keessatti haalonni wayita jijjiiramanii fi rakkoon wayita dhalatu labsii yeroo muddamaa labsuu fi maloota quunnamtii hawaasaa kanneen akka interneetii fi bilbilaa balleessuun kan baratameedha.

Garuu tarkaanfiiwwan kunneen bu’aa hedame buusan osoo hin taane biyyattii keessatti rakkoo dabalataa dhalaa deeman.

Akka gabaasa dhaabbata kanaatti labsiiwwan yeroo muddamaa kanaan duran labsamanii turan lamaan jechuunis tokko kan Onkoloolessa bara 2016 irraa hanga Hagayya bara 2017 yoo ta’u lammaffaan ammoo kan bara 2018ti.

Labsiiwwan lamaanuu jalatti mootummaan mirga namootaa sarbaa waan tureef biyyi goolama siyaasaa hamaa keessa seente jedha gabaasa dhaabbata kanaa.

Kan ammaas kaayyoon labsameef waan biraa ta’us garuu mirga namoomaa akkaan sarbaa jira jedha dhaabbatichi.

Kanaafuu tarkaanfiin hatattamaa fi yeroo muddamaa kamiyyuu qaama walaba ta’een hordofamuu fi to’atamuu qabaata jedha Dhaabbati Mirga Namoomaa.

‘’Mootummaan Itoophiyaa dogoggora labsiiwwan yeroo muddamaa kanaa duraa keessa mudatan ammas irra deebi’uu hin qabaatu. Labsiin kun ji’oota itti aanan shananiif xiyyeeffannaa addaatiin hojiirra ooluu qaba. Fayyaa hawaasaaf wabii ta’uu qaba malee meeshaa ittiin hawaasa dararan ta’uu hin qabu’’ jedhan Obbo Bader.