Koronaavaayiras: Itoophiyaatti namoonni seenaa imala biyya alaa hinqabne attamiin Covid-19f saaxilamuu danda'anii?

Dubartoota maaskii godhatanii jiran

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ministirri Eegumsa Fayyaa Federaalaafi Institiyutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa ibsa guyyaa guyyaan baasaniin, odeeffanno seenaa imalaafi namoota vaayirasii koronaatiin qabamanii ibsaa jiru.

Fakkeenyaaf, ibsa Caamsaa 03, 2020 qorannoon saamuda namoota 1,560 irratti qorannoonni erga gaggeefameen booda namoonni lama vaayirasichaan qabamusaanii himameera.

Ibsa guyyaa sanaan namoota Covid-19'n qabamunsaanii mirkanaa'e keessaa tokkoo gaheessa waggaa 49 fi jiraataa magaalaa Baatuu garuu kan magaalaa Finfinneetti wallaansa hordofaa ture ta'uu himame.

Namni kunis magaala Baatuutti hojii dhuunfaarratti bobba'uun of jiraachisaa kan turan ta'uu dubbatu.

Haata'u malee, sababii dhibee keessoo isaan mudatateen, ji'oottan saddettan darbaniif hospitaaloota Magaalaa Finfinneeti argaman adda addaa keessatti wallaanamaa akka turan BBC'tti himaniiru.

Haaluma kanaanis guyyoota 20 darbiif hanga guyyaa dhukkubni Covid-19 kuni irratti argamuuitti Hospitaala Beetezaattaatti yaalarra akka turan BBC'tti himan.

Qorannoo koronaavaayirasii namoota hospitaala keessatti yaalamaa jiran irratti taasifameen tasa dhibee kanaan qabamuu nama kanaa kan barame.

"Ani dhibee keessootiin qaba. Dhiigni garaa keessatti dhiiga jedhameen ciisee yaalamaa ture. Kutaan ani keessatti yaalamus qofaadha. Yeroon qorannoon koronaavaayirasii naaf taasifametti mallattoon dhukkubichaa narratti hin mul'anne" jedhan.

Dhibee kanaan akkaataa itti qabaman irratti shakkii qaban yoo ibsan, "Tarii hospitaala kana keessatti qorannoodhaaf Ambulaansiidhaan bakka adda addaa nageessu. Ambulaansii kana keessattimoo homaa ofeeggannoon hin godhamu.

''Konkolaachisaan ambulaansichaas akka dhukkubsate reefuun dhagahe. Kanaafuu ana Ambulaansii sana keessatti naqabe jedheetuman yaada" jechuun shakkii qaban himu.

Akkaataan ogeessonni fayyaa hospitaalota tokko tokkootti itti tajaajila namaaf kennaniifi dhibaa'ummaan mul'atu yaaddoo ta'uus eeru.Kana malees "hakiimoonnis ta'ee warri dhukkubsatus ofeeguu qabu,'' jedhu.

''Garuu hakiimonni mataansaa maaskiifi kan harkaa qofaa godhatu. Yeroo tokko tokkoo ammoo isuma tokkichaan dhukkubsataa gara biraa ilaalu. Dhibaa'ummaan ni jira" jechuun wayita hospitaalota keessa turaniitti kan taajjaban himu.

Erga dhibeen kuni isaanirratti argamuu baraniis maatii isaanii magaala Baatuu jiraataniifi quunnamtii qaban hunda galmeessisuun akka adda of baasan gochuus BBC'tti himan.

Hospitaalli Baatuus maatii nama kanaa kanneen tuttuqaa qabaachuu malu jedhamanii shakkaman bakka tursiisa addaatti baasuun hordofaa akka jiru hoji gaggeessaan Hospitaalichaa BBC'tti himaniiru.

Namni amma Covid-19 irratti argame kuni garuu dhaabbilee fayyaa Magaalaa Baatuu keessa jiranitti yeroo dhihoo keessa tajaajila argachuuf akka hin dhaqiin himan.

Koronaavaayirasiin maal akka fakkaatu

Madda suuraa, Getty Images

Namni lammaffaan Covid-19'n qabamuun guyyaa Dilbataa ibsame kan biraa ammoo dubartii waggaa 45 fi kan Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Silxeekan keessa jraatuu ta'un himameera.

Abdulwaariis Jamaal Godina Silxeetti Ittigaaftama Qajeelcha Fayyaa yoo ta'an, godinichatti gareen Covid-19 ittisuuf hondeeffamees hojiiwwan adda addaa gaggeessaa jiraachu dubbatu.

Haaluma kanaanis ''qorannoo fi dowwannaa mana manaarraa gaggeessa turre. Haaluma maanuwaal qophaa'eetiin oggeessoonni fayyaa, tola oltootaafi kanneen biraa leenjisuun torbaan lamaan darbaniif matiiwwan kuma 93 ykn namoota kuma 324 ol mana saaniitti barsiisuun akka hubannoo cimfatan taasifameera.

Haaluma walfakkaatunis namoota vaayirasichaan qabaman adda baasuuf hojiin hojjatamaa jira,'' jedhaniiru.

Dubartiin guyyaa Dilbataa godinichatti vaayirasichaan qabamunsaanii baramees wayituma manarra demamuun qorannoo gaggeefaeetti adda baafamu himu.

"Dubartiin tunis kan ganda baadiyyaarraa dhufaniidha. Nama imala biyyaa alaa qabu ykn nama shakkamu waliin quunnamtii waan qabaniif osoo hitaanees hordoffii namoota qufaafi gubaa qaamaa qaban irraa fudhatameen adda baafamte,'' jedhu.

Dubartiin kunis gara torban lamaatiif qufaa gogaa waan qabaniif saamudi fudhatame. Ammatti qufichi mataansaa baayyee xiqaa yoo ta'u, gara sadarkaa mallattoo omaa hinqabneetti geedaramaa jiraachu himu.

Vaayirasichi yoon namoota seenaa imala biyya alaa ykn namoota shakkaman waliin quunnamtiin hinqabnnneerratti argamu baayyee yaachisa kan jedhan ittigaafatamaan kun, vaayirasichi attamiin dubartii kana bira akka gahee qoratamaa jiraachu himu.

Dhukkubsattuun amanu baatan illeen nama biyya alaatii dhufee waliin qunnamtii qabaachu ragaa argachu himu.

Obbo Kaamiil Jaabiir ammo Godina Silxeetti ittigaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Silxee yoo ta'an, aanichatti hojiin ittisa Covid-19 hedduun gaggeeffamaa jiraachu himu.

"Hojiin ittisaa baasii qarshii kuma 500 taasisuun gaggeefameera. Akkasumas hojiin hubannoo cimsuu hojjatameera,'' jedhu.

Hojjattuun eksteenshinii fayyaa tokko gandicha keessatti wayita barsiistuutti namoota qufaadhaan qabaman afur adda baasuun aanaadhaaf eeru kennite.

''Koreen atattamaan deebii kennuus garas deemuun haala erga qulqulleesseen booda koree godinaatti gabaasa taasise. Guyyaa Jimaataas shakkamtoota arafniif kanneen biraa hospitaalaatti argaman irraa saamuda walitti qabuun gara Hawaasaatti erge. Isan boodas guyyaa Dilbataa bu'aasaa barree,'' jechuun ture Obbo Abdulaawaariis BBC'tti kan himan.

Isaan boodas maatiifi namoonni dubartii kana waliin qunnamtii qabu jedhaman 34 adda baafamanuun gara eddoo adda bahuun itti turan galfamu dubbatu.

Abbaan warraa dubartii kanaas duraan saamudi fudhatamee bilisa ta'unsaa baramulleen ergasiin booda waliin waan turaniif gara eddoo turmaataa akka galanii taasifamu dubbatu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa