Koronaavaayiras: Biyyoonni dawaa Covid-19 saayinsiin hin mirkanoofne akka hin fayyadamne WHO'n akeekkachiise

Barattoonni Maadagaaskaar yeroo Covid-Orgaan jedhame dhugaa jiran

Madda suuraa, AFP

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO)namoota dawaa aadaa kan bu’a qabeessummaansaa qorannoo saayinsiitiin hin mirkanoofne covid 19 irraa nama fayyisa jechuun fayyadaman akka irraa of qusatan akeekkachiise.

Akka Ibsa dhaabbatichaatti biyyoonni Afriikaas akkuma warra kaanii dawaa saayinsaawaa ta’e argachuu qabu, dawaan kun kan aadaarraa hojjetamullee garuu qorannoo saayinsiin kan mirkanaa’e ta’uu qaba.

Dhaabbatichi ibsa kana kan baase erga pirezidaantiin Madagaaskaar biyyi isaanii dawaa aadaa kan covid 19 irraa nama bayyanachiisu argachuu ibsaniiti.

Nageenyummaa fi bu’a qabeessummaa dawaa jedhameerratti ragaa saayinsaawaa akka barbaadu Gamtaan Afriikaas gaafateera.

Dawaan Madagaaskaar argadhe jettu ’covid-Organics’ kan jedhamu yoo ta’u torbeewwan sadan darbaniif namoota 20 irratti yaaliif ilaalameera.

Biyyattiin guyyoota itti aanan keessatti yaalii kilinikaalii gaggeessuuf akka jirtu himtullee Dhaabbati Fayyaa Addunyaa garuu beekamtii isaan ala ta’uu ibseera.

Dawaa aadaa kana yaaliif hojiirra oolchuun yeroo dheeraa kan fudhatee fi silaa kan dhukkubsattoota covid 19 muraasa irratti ta’uu qabu biyyattiin ammo sadarkaa hawaasa bal’aatti hojiirra oolchuu eegalte, akkaataa hojiirra oolmaa dawaa saayinsaawaatiin wal bira qabamee yoo ilaalamu yeroo dheeraa kan fudhateefi nama hedduurratti kan yaalameedha.

Shakkiin kun hundi osoo jiruu biyyoonni Afriikaa kanneen akka Giinii Bisaawoo, Ikkuwaatooriyaal Giinii fi Laayibeeriyaan dawaa kana gara biyyasaanii galchuuf ajajatanii jiru.

Hanga talaalliin argamuutti qoricha hin mirkanoofne fayyadamuun akka hin malle WHO akeekkchiise

Madda suuraa, AFP

Torbee darbe erga Pirezidaantiin Madagaaskaar Andry Rajoelina waa’ee dawaa kanaa walga’ii hooggantoota biyyoota Afriikaa karaa interneetii gaggeeffamerratti kaasanii booda Gamtaan Afriikaa dawaan kun Giddu Gala To’annoo Dhibee Afriikaa(CDC)dhaan akka ilaalamu gaafatee ture.

Akka Dhaabbati fayyaa Addunyaa jedhutti qorichoonni aadaa biyyoonni dhiyeessan kamiyyuu kan tuffataman miti, garuu qorannoo saayinsiitiin bu’a qabeessummaansaa dura mirkanaa’uu qaba.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa