Paarlaamaan keewwatoota heeraa sadiirratti hiikni dabalataa akka kennamu murteesse

Bakka bu'oota ummataa waajira MMtti walitti qabamanii

Madda suuraa, @HOPRPARLIAMENT

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaa’ii isaa har’a gaggeesseen keewwatootni heeraa sadii waayee filannoo dheeressuu haasa’an ji’a tokko keessatti akka hiikni dabalataa irratti kennamu murteesse.

Yaadni kun kan ragga’e sagalee caalmaan namootni 25 mormuun akka ta’e EBC’tu gabaase.

Paarlaamaan ooltii isaa kanaan filannoo biyyoolessaa Hagayya dhufu gaggeefamuuf qabamee tureefi sababa koronaavaayirasiin milkeessuun hin dandamne irratti yaada furmaata dhiyaatan erga ilaalee booda sagalee irratti kenneera.

Boordiin Filannoo, filannoo biyyaalessaa sagantaa qabameen gaggeessuun akka hin danda’mne beeksisuu hordofee qaawwa heeraa mudate furuuf yaada furmaataa afur dhiyeessee ture.

Isaanis:

1. Mana Maree Bakka Bu’oota Uuummataa diiguu

2. Labsii yeroo muddamaa labsuu

3. Heera biyyattii fooyyeessuufi

4. Hiikaa heeraa gaafachuudha.

Haaluma kanaan Manni Marichaa Manni Maree Federeshinii aangoo heera mootummaa keewwata 83 irratti kennameefiin keewwatoota filannoo dabarsuu wajjin ilaallatan ji’a tokko keessatti xiinxalee hiika isaanii akka dhiyeessuu murteesse.

Yaada furmataa heerrii mootummaa waayee filannoo dabarsuu haasa’u haa xinxalamu jedhu kan dhiyeesse Koree dhaabbii Dhimooota Seeraa, Haqaafi Dimookraasii Paarlaamaa Itoophiyaati.

Akka koree kanaatti Heera mootummaa Federaalaa Itoophiyaa keewwata 54/1, keewwata 58/3 fi keewwata 93 kan hiikni dabaalata irratti kennamu.

Miseensonni Mana Maree bakka Bu'oota Uummata dhimma kanarratti yaada mormiis kan deeggarsaas dhiyeessaniiru.

Walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa Obbo Tasfaayee Dhaabaa kanaan dura labsiiwwan ummanni itti hin amaniin taasifamaa akka ture yaadachuun, yaadawwan dhiyaatan Heera mootummaa kan bu'uraa godhatanidha jechuu isaanii fuulaa Feesbuukii Mana Marichaarratti baheera.

Obbo Tasfaayeen, akka Heera mootummaa keewwata 102 irratti ibsametti filannoo gaggeessuun hojii mootummaa federaalaafi kan boordii filannoo akka ta'e ibsuun, yaada murtee filannoo achi butuu Boordichi dhiyeesse sirriifi bu'uura Heera mootummaa kan qabudha jedhan. Kanaan alatti sochiiwwan taasifaman faallaa Heera mootummaa ta'uu isaanii akeekkachiisaniiru, Obbo Tasfaayeen.