Siyaasa Itoophiyaa: 'Mootummaan karaa nagaatti balbala waan cufateef uummanni karaatti ba'e'-Dr Ittaanaa Habtee

Hiriira mormii Wixata darbe jalqabeen Oromiyaa iddoo addaa addaatti namoonni ajjeefamaniiru.
Lakkoofsa namoota du’anii qulqulleessaa jiraachuu mootummaa naannoo Oromiyaa himeera.
Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetachoo Baalchaa, ajjeechaa kanaaf namoota biyya alaa taa’anii hiriira waamanitu itti gaafatamu jedhan.
Himannaa gama mootummaatiin dhiyaatu kana irratti namoonni mormii Oromiyaatti ka'e kana hordofan maal jedhu?
Namoota dhimma kana keessatti hirmaannaa qaban keessaa tokko kan ta’an Dr. Ittaanaa Haabtee wajjiin BBC’n turtii taasisaniiru.
BBC: Waan amma ta’aa jiru akkamiin ibsitu?
Sochiin uummanni Oromoo taasisaa jiru sochii walqixxummaafi dimookirasiiti. Kanaa gadiis miti, olis miti.
Waanti hawaasni deddeebi’ee himatu mirga abbaa biyyummaa waan jedhamu jalatti walgaha.
Waanti kaleessas ta’e, har’as ta’aa jiru gaaffii karaa nagaatiin dhiyeeffachuu ture.
Kanaaf hiriira nagaatu adeemsifame. Namoota nagaarratti, humnoonni hidhatan dhukaasanii kan ajjeesan.
BBC: Kaleessa wayita anga’oota gaafannu, akka heeraafi seera biyyattiitti namni karaa nagaa hiriira bahee gaafachuu barbaadu jalqaba eeyyamsiisu qaba, qaama mootummaa gaafa akkasi,yeroofi iddoo akkasitti hiriiran baha jedhee beeksisuu qaba kan jedhu seera keessa jira, amma garuu abbuma argetu hiriira baha kun seeran ala, kun akka hin taaneef seera kabachiisuu qabna jedhu. Hiriirri kun akka bahamuuf qaamni mootummaa gaafatameeraa?
Dr Ittaanaa: Sirni amma jiru kun gaaffii nagaatti balbala cufee fixeera, hooggantoota hunduma guuree mana hidhaatti galcheera, sababa itti barbaadee.
Kanaaf,uummanni karaa danda’een hiriira wal waamaa, uggura karaas karuma danda’uun wal waama, eenyutu eeyyameef isa jedhuuf, Kan waame Qeerrooodha, Hooggansi Qeerroo biyya keessa jira, Kan deebii kennnes uummata Oromooti.
BBC: Warra ala taa’antu hiriira waama jechuun, ittii gaafatamummaan isaan bira jedhu, uummanni yoo hiriira bahe akka du’u otoo beekanii,uummata du’atti kan waamaa jiru namoota biyya alaa jiran isiniin jedhu. Namni hiriira bahe akka du’u hin beektu, otuma beektanii karaa midiyaa hawaasaa waamicha gootan, qeeqa mootummaan isinirratti kaasuuf maali deebiin keessan?
Dr Ittaanaa: Jalqaba dubbii nama ajjeesuu amanuun isaanii waanta guddaadha. Nama hiriira bahe ajjjeesneerradha , gama kan biraan kan isaan dubbataa jiran.
Kanaaf, Namni tokko biyyasaarratti heeraan mirga kennameef gadi bahee yaadasaa ibsachuuf, waanta barbaade biyyasaarratti hojjachuuf otoo mirga qabuu ,rasaasaan du’a, namni gadi bahee gaaffii gaafatu jechuun mataan isaa itti gaafatamummaarraa baqachuudha.
Kanaaf, isa rasaasaan nama rukutedha kan gaafatamu malee, qeerroo isaa waamicha waame miti.
BBC: Inni ajjeese akkuma jirutti ta’ee, Namoonni akka du’an otoo beektanii rogeeyyiin karaa miidiyaa hawaasa waamicha gootu, itti gaafatamummaa fudhattu?
Dr Ittaanaa; Waantiin siin jechuu barbaaduu, waamichayyuu nuti waamnee hin beeknu, Waamicha qeerroon ergate miidiyaaleen Oromoo dubbisaniiruuf, nutis immoo gama dandeenye hundumaan uummanni Oromoo miidhamni isaa akka irraa ka’uuf amma lubbuun keenya bahutti bira dhaaabbannee falmina.
BBC: Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Geetachoo Baalchaa namni Meenchaa qaratee gaafa humna poolisiitti bahu, poolisiin akkam godheetu callisee ilaala? Kana kan raawwatan humnoota Oromiyaan akka hin tasgabboofne barbaadaniidha jedhu. Mootummaniis, rogeeyyii yaada mataasaanii jedhu, kana gidduutti garuu namni du’aa jira, tarii akka namni hin duunetti ykn karaa biraatiin siyaasa kana gaggeessuun hin danda’amuu?
Dr Ittaanaa: Jalqaba atis kaasaa jirta, nama Meeccaan du’e dhageessee ati obbolessa koo?
Namni meeshaa aadaasaati kan fudhatee bahe. Nama tuquuf miti kan fudhatee bahe, hiriira bahee yaada fi dallansuusaa himachuufi bahe biyyasaarratti. Isa kanaaf sababa barbaaduu jechuudha.
Nama nagaa ajjeesaniitu sababa barbaadu, isa dhoksuuf. Itti-gaafatamummaa fudhachuu qabu, itti gaafatamuummaan mataasaanirraa bu’aa hin jiru.













