Oromiyaa bakka adda addaatti namoonni mormiif bahan ajjeefamuu jiraattonni himan

Magaalota Oromiyaa bakkeewwan gara garaatti namoonni mormiif humnoota nageenyaan ajjeefaman jechuun jiraattonni BBCtti himan.
Kanneen mormiitti baane jedhan hidhamtoonni haa hiikaman, akkasumas guyyaa Wiixataa Jawaar Mohaammad dhukkubsachuu isaa himuu dhagahuun hiriira gaggeessuu akka eegalan dubbatu.
Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa dhimmicharratti dubbisne, ''hiriira bahan miti hookkara bahan malee,'' jechuun qaamni hiriira bahu dursee qaama ilaallatuuf beeksisuu qaba ture jedhan.
''Nama meeshaa qabatee jirutti yerootti dhagaa guuree itti yaa'ee yeroo meencaadhaan reebuuf itti deemu maal haa godhu namni kuni. Akkamiin ofirraa haa ittisu?'' jechuun ibsu aanga'aan kun.
Mootummaan hiriira seeraan alaadha ittiin jedhe kanaaf qaamolee ala taa'ani midiyaa hawaasummaan waamicha gaggeessan himateera.
''Biyya kanatti walii keessan wal ajjeesaa bahaatii warri jedhanii labsan diina ummataa keenyaati. Isa du'e, isa ajjeese miti kan gaafatamuu qabu. Akka du'uufi akka ajjeesu waamicha kan godhaa jiru eenyu?'' jechuun kanneen waamicha taasisan himataniiru.
Rogeeyyiin gara caalu biyya alaa jiraatan Jawaar Mohaammadiifi kaan akka gadhiifaman gaafatan miidiyaa hawaasummaa gubbaatti waamicha daandii cufuu taasisaa turan.
Poolisiin Federaalaa akkasumas Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa Wiixata, baaseen adeemsi rogeessonni waaman 'seeraan aladha' jechuun ibseera.
Jiraattonni maal jedhan?
Jiraataan magaalaa Harariiti dubbisne akka jedhutti hiriiraan walqabatee namoonni lama gandoota baadiyyaa Naannoo Harariirraa du'aniiru. Ajjeechaa kanaafis humnoota nageenyaa himata.
'Hiriirri akka magaalaa hin seenne bittinneessaa turan,' kan jedhu jiraataan biroo magaalaa Ciroorraa dubbisne hiriira har'a taasisne jedhaniin tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhataniin namoonni du'uu hima.
Godina Arsii Lixaa jiraattuu magaalaa Shaashamannee ta'uu kan himtu shamarreen bilbilaan dubbisne rakkoo fayyaa Jawaar qunname jedhameen walqabatee mormii dhageessisuuf gaafa Wiixataa namoonni daandiitti bahuu himti.
Ta'us, yeroosuma dhukaasni humnoota nageenyaa mootummaarraa baname jechuun Magaalaa Shaashamannee masjiida Hamiltan duuba namni biratti akka ajjeefame dubbatti.
Yeroo ajjeechaan raawwate ijaan akka agarte kan himtu jiraattuun kun dhukaasa booda namni baqachuu dubbatti.
Achuma Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Asaasaa jiraataan magaalaa Asaasaa dubbisne immoo gaafa Wiixataa namoonni magaalatti keessa ajjeefamuufi Kibxata owwaalchi isaanii raawwatuu ibseera.
Gaafa Kibxataa namoota 4 bakka tokkotti awwaalle kan jedhan jiraataan magaalichaa kun hanga namoota ajjeefaman jedhe garuu qondaaltota mootummaa irraa mirkaneeffachuun hin danda'amne.
Jiraataan biraa Awwadaayii dubbisne rogeessi akkasumas miseensi paartii KFO Jawaar Mohaammad 'dhukkubsachuu dhagahanii' namoonni daanditti bahan jedha.
Deeggartoonni Jawaar Wiixataa eegale daandiitti bahanis 'Jawaar gadhiisuu qaban, wal'aanamuu qaba' jechuun gaafataa akka turan hima.
Ta'us, humnoonni nageenyaa ''karaatti hin baatan'' jechuun dhukaasa banuu dubbatu.
Kanaanis, kaleessa namni lama har'a namni tokko akka ajjeefaman kan madaa'an gara Hospitaala Harar akka geeffaman hima.
Haata'u malee, wantoota jiraattonni jedhan qondaaltotarraa mirkaneeffachuun hin danda'amne.
Ragaa Hospitaala Ciroo
Daarektarri medikaalaa yeroo Hospitaala Ciroo Dr Saadaam Aluwaan ''namni lama lubbuun baatee jirti. Kan hafan yaalarra jiran. Walumaa gala namoota 24'tu hospitaala keenya dhufe'' jechuun himu.
''Waggaa 40 hin taati xiyyitiidhaan [rasaasa] qomarra dhahamte. Tokkos nama umrii waggaa 20'ti. Innis rasaasaan dhahame qomarra,'' jedhan.
Akka ogeessa kanaatti namni biraa tokko dhahamee wal'aansa dabalataaf gara Adaamaa ergameera. Kanneen miidhaman kaan achuma hospitaalicha keessa wal'aansa argachaa jiru jechuunis himan.
Gama kaaniin magaalaa Dirree Dhawaa keessa namoonni lama 'hookkara uumameen' lubbuun isaanii darbu Komishiniin poolisii magaalattii ibseera.
Dabalataan, namoonni 4 miidhamuu ibsameera.
Deebii MNO
Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoon magaalota kanneen akka Dodolaafi Asaasaa, akkasumas Awwadaay mallattoon karaa cufuuf yaaliin taasifame jira malee daandiin cufame hin jiru jechuun himu.
Dhimma ajjeechaan gidduu kana raawwate jedhameerratti odeeffannoon walitti qabame isaan bira akka hin geenyes dubbatu.
Mootummaan lubbuu namaa darburratti mudatuuf qaamolee miidiyaa hwaasummaa irratti waamicha taasisan himateera.
''Seerri hiriirri nagaa itti eeyyama kennamutu jira.
''Abbaan arge bakka barbaadee taa'ee waamicha hookkaraa waamee, waamicha daandii cufuu waamee, waamicha lagannnaa gabaa waamee guutummaan guutuutti hojiirra oolchuudhaaf ammaan booda balballi banamaa miti,'' jedhan.
''Namni barbaade kamuu karaa seeraatiin gaaffii isaa qaama dhimmi ilaallatuutti dhiheessee deebii argachuu danda'a.
''Yoo gaaffiin isaa sanaa ol hiriira barbaada ta'e hiriira nagaa gaafachuufis mirga qaba,'' kan jedhan Obbo Getaachoon kanaan ala wanti raawwate seeraan ala jechuun himu.
''Namni daandii kadhatame ijaarame abiddatti naqee gubu caasaan nageenyaa nageenya kabachiisuuf tarkaanfii naannoo sanatti inni fudhatu waan humna sanaan walfakkaatu ta'u isarra jiraata.
'Karaan nagaa banaadha'
Jiraattuun magaalaa Shaashamanneerraa dubbisne mootummaan karaa nagaan yaada keenya akka ibsinuuuf haala nuuf yaa mijeessu jechuun gaafatti.
Yeroo ammaattii wanti hokkaraatti nama geessu hin jiru kan jedhan Obbo Getaachoon 'karaan nagaa banaadha' jedhu.
''Kakaasanii, akka ajjeesuf akka du'uf haala mijeessanii yoo namni du'u isa ajandaa siyaasaa gochuun fayyadamuuf yoo deemame dhiiga ilma namaatti qoosuudha kuni.''
''Gaaffii akkasii qabna. Guyyaa akkasii baanee iddoo akkanaa kaanee iddoo akkanaa geenye dhageessifna. Poolisiin nagaa nuuf haa eegsisu '' jechuun gaafachuun danda'ama jedhan.
''Bakkuma taa'u taa'e har'a karaa cufi, har'a gabaa lagadhu jedhee ergaan inni dabarsu fudhatama hin qabu,'' jechuun himan.
Abbaan Alangee maal hime?
Jawaar Mohaammad guyyaa Wiixataa dhaddhachatti dhihaachuun akka dhukkubsate dubbateera.
Abbaan Alangee ibsa baaseen Obbo Jawaar Mahammad dhukkuffadheera jechuusaaniin dhaddachi qorannoo duraa kun gufachuu ibse.
Dhaddachi qorannoo duraa yoo beelama biraatti darbu si'a sadaffaafi.
Akka Abbaan Alangee ibsetti Obbo Jawaar Mahammad akkaataa hojimaata jiruutiin tajaajila kunuunsa fayyaa kan argataniifi argataas kan jiraniidha, ''Fayyummaan isaaniis sadarkaa gaariirra jira,'' jedheera.
Poolisiin Federaalaa kaleessa ibsa kenneen Obbo Jawaar dhibamaniiru jechuun kan miidiyaadhaan hafarmamu sirrii akka hin taaneefi Obbo Jawaar fayyummaa gaariirra akka jiran dubbatee ture.















