Aadde Adaanach Abeebee Kantiibaa Itti-aantuu Magaalaa Finfinnee ta'un muudaman

Aadde Adaanach Abeebee ji'oota shanan darbaniif Abbaa Alangee Federaalaa turan

Madda suuraa, Adanech Abebe

Abbaan Alangee Federaalaa duraanii Adde Adaanach Abeebee kantiibaa itti aantuu magaala Finfinnee ta'un muudaman.

Yaa'ii atattamaa Manni Maree magaalaa Finfinnee har'a gaggeesse irratti Aadde Adaanach deeggarsa miseensota 77 argataniiru. Namootni 6 kan morman yemmuu ta'u namootni lama immoo sagalee hin kennine.

Ganama har'aa MM Abiy Aadde Adaanach Abbaa Alangeerraa kaasuu akkasumas Injinar Taakkalaan magaalaa Finfinnee bulchuurraa kaasuun Ministira Albuudaafi Boba'aa ta'un muudamuun isaanii ibsame.

Muudama isaanii booda aadde Adaanach sirna kakuuu raawwataniiru.

Waggaa lamaan darban Kantiibaan Itti- aanaa Magaalaa Finfinnee ta'un kan hojjetaa turan Injinar Taakkalaa Uumaa furtuu magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachif kennaniiru.

Injinar Taakkalaan ergaa dabarsaniin "amanamummaa guutuun" hojjechaa akka turan ibsuun Aadde Adaanach 'hojiiwwan eegalaman akka itti fufsiisan, kana caalaallee akka hojjetan akka abdatan' himuun dhaamsa dabarsaniiru.

Aadde Adaanach Abbaa Alangee Federaalaa ta'un ji'oota shanan darbaniif tajaajilaniiru. Isa dura Ministeera Galiiwwanii akkasumas sadarkaa Mootummaa Naannoo Oromiyaattii bakkeewwan garaa garaa tajaajilaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Daandiin hafaa namaaf ta'u kamiyyuu hin jiru'

Aadde Adaanach maal jedhan?

Kantiibaa itti aantuu Adaanach Abeebee itti gaafatama itti kenname haalaan bahachuuf kutannoo akka qaban himan.

Magaala Finfinnee jiraattotasheef mijattuu gochuuf hojiilee kanaan dura eegalaman akka xummuramanif akka hojjetanis dubbataniiru.

Damee kennaa tajaajilaa ifaa fi saffisaa diriirsuuf akka hojjatan fi jiraattootni magaalattii bifa qixa ta'en kan irraa fayyadaman akka ta'uf gahee keenya ni bahanna jedhan.

Hiyyuummaa magaala keessaa balleessuu fi rakkoo mana jireenyaa magaalattii keessatti mul'atu furuufis akka hojjetan himaniiru.

Dhimmi bishaan dhugaatis dhimma irratti xiyyeeffachuun hojjetan akka ta'e dubbataniiru.

Aadde Adaanach Abeebee sadarkaa kantiibaa itti aanaatti qindeessaa damee dhaabbilee tajaajila kennanii akka ta'anif Obbo Zhaanxiraar Abbaay kan kaadhiman yemmuu ta'u manni marichaa sagalee guutuun raggaasiseera.