Addee Adaanach Abeebee: 'Dubartoonni carraa dhaban malee oggansaaf umamaan gadi ta'anii miti'

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Daandiin hafaa namaaf ta'u kamiyyuu hin jiru'

Jijjirama siyaasaa fi haawaas-diinagdee biyyattiitti gaggeeffamaa jiruun haaluma walqabateen, dubartoonni oggansa keessatti hirmaatan haalaan baayyachaa dhufaa jiru. Keessattuu lakkoofsi dubartootaa sadarkaa ministirummaa irratti argamanii baayyee gadaanaadha.

Aadde Adaanech Abeebee erga gara ministirummaatti dhufaniin as maallaqa seeraan alaa biyya keessa socho'aa turee fi biyyaa bahuuf yaalamaa ture heduu to'achiisuun hojii gurguddaa hojjechaa turan.

Yeroo gabaabaa keessattis daldala seeraan alaa to'achuun qabeenyi biyyittiis lammiilee isheetiif karaa haqa taheen akka gahu gochuuf hojjenna jedhanii ture.

Mallaqani adda addaa biyyoota 13 miiliyoona 60 ol tahu dhiyeenya kana naannoo Somaalee keessatti osoo biyyaa baafamuu ta'atames fakkeenya tokko.

Kunis dhabiinsa gahumsaa fi oggummaatiif osoo hintaane, sababiiwwan ilaalchaafi aadaan walqabataniin ta'uu ni himama.

Dubartoota muraasa dhiheenya keessa gara aangoo ministirummaatti dhufan keessaa tokko, Addee Adaanach Abeebeeti. Addee Adaanachi ammaan tana Ministira Ministeera Galiiwwanii Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa jiru. Gaaffifi deebii BBC waliin godhan akka itti aanuutti dubbisaa.

BBC: Aaddee Adaanach eenyuudha?

Adaanach: Kanan dhaladhee guddadhee Godina Arsii Aanaa Asakoo ganda Caffee jedhamu keessatti.

Barnoota sadarkaa tokkooffaas gara km 5 fi wallakkaa miilaan adeemuun Mana barnootaa Irreechaatti ture. Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo Matahaaraattiin baradhe.

Gama barnoota kiyyatiinis barattuudhuma fooyyee qabduun ture. Haa ta'u malee kutaa 12 tti qabxii gaarin waa naaf hindhufneef jecha koleejjii barsiisummaan gale. Waggaa tokkoon booda barsiiftu sadarkaa tokkooffa ta'ee ramadame.

Ergan barsiisaa ture boodas daarektaratti waanan guddadheef sadarkaa barnootaa koo guddifachuuf carraan argadheen dippilomaa fi digrii kiyya barachuu danda'e. Boodas digrii lammaffaa kiyyas oggansaan argadhe.

BBC: Yoomii fi attamiin gara oggansaatti dhuftan?

Adaanach: Ani gara oggansaatti kanan dhufe sadarkaa tokkooffaa iraa eegaleetiinjedha. Kutaa sadii yoon barataa ture, ittigaafatamtu dare ta'un, wayitan barsiisuutti oggantuu garee (unit leader) ta'een hojjataa ture. Achiinis daarektar mana barnootaa ta'uun hojachuun eegale.

Isaan booda barnoota kiyyaa digrii seeraan ergan xumureen booda haadha alangaa ta'een biiroo haqaa Oromiyaatti hojachuu eegale. Achiinis qajeelach midha yakkaa fi dhimmi dubartootaa biiroo sana keessa jiru ogganaan ture. Booda keessas Ittaantu oggantuu biiroo haqaa Oromiyaa ta'een hojjachaa ture.

Booda ALI bara 1997'tti aanaa kiyya irraa miseensummaa gara paarlaamaatiif filatame gale. Achittis itti gaafatamtuu waajjira paarlaamaa Itoophiyaa mudame. Yeroo gabaabduun booda ammo koree dhaabbii bu'uuraalee misoomaa yeroo gabaabduuf gaggeessen jira.

Sana booda gara biiroo hajataa fi hawaasummaa Oromiyaa waggaa lamaaf ogganeera. Ittaansees waajira pirezidaantii naannoo Oromiyaa waggaa tokkoof ogganeeni jira.

Isa booda waggaa jahaaf waldaa Oromiyaa ogganaan ture jechuudha. Achiirra ture kanan kantiibaa ta'un magaalaa Adaamaa deeme waggaa tokkoo fi wallakkaaf hojjadhe. Isaan booda ammo kunoo asiin jira.

Aadde Adaanech Abeebee

BBC: Oggantummaa fi dubartummaa attamiin ilaaltu?

Adaanachi: Daandiin kammiyyuu hafaa namaaf ta'u hinjiru. Rakkoowwan adda addaa adeemsa keessatti dubartoota quunnaman anas na mudataniiru. Akkuma yeroo tokko hojii injifannoon keessa darbamu hunda, hojii keessatti bu'aa bahiifi gufachuun kanuma jiruudha. Lachurraayyu ni baratama. Hunda caala bu'aa bahii keessatti abbaatu sirriitti ofi hutubu qabaata.

Kana jechuunis yeroo tokko tokko tubartii taa'ee murtee yoo dabarsitu, wantoonni nama mudatan fi maqaan kennamu jiru. Garuu ammo haamleen abbaadhaa harka abbaa jira. Dursuma gara oggansaatti yoo dhufamu, akkuma fiixaan bahiinsa argameetti jajamuun jiraatu, gadi bu'uu fi qeeqamuun akka jiru dursuma hubatamu qabaata.

Fakkeenyaaf kufaatii nu mudate yoo ta'e, attamiin irraa baradhaa, rakkoon kiyya maal jechuun ofi ilaaluun barbaachisaadha. Yoommoo injifannoo ta'e attamiinan injifadhee fi attamiinan itti fufiinsu danda'a kan jedhu sun ofitti amanamummaan itti yaadamu qabaata.

Anaaf kan naafi gummaache haamilee abbaa kiyyaati. Daa'imumman akkan kana ta'u natti himaati na guddisan. 'Ati daanyaa taata' naan jechaa turan. Mana barnotaattis barsiiftoonni gaheensaanii guddaadha. Kun hundinu jireenya kiyyaa har'aa keessatti na gargaaraa jira.

BBC: Isiin sadarkaa barsiisummaa sadarkaa tokkoffaatii kaatanii amma Ministirummaa qaqqabdanii jirtu. Dubartoota aangeessuu ykn akka gara oggansaatti dhufaniif gumaatu taasiftan jiraa?

Adaanachi: Gaafii gaariidha. Dubartoonni carraa dhabanii malee oggansaaf umamaan gadi ta'anii miti.

Aadaa fi ilaalchi hawaasa keessa jirufi wantoota biraatiin wal qabatee hirmaanaan dubartootaa duubatti deebii'eera.

Garuu ammo yeroo baayyee ifaaju. Bu'aa bahii dubartoonni umamummaan qaban warri dhiiraalleen ni beeku.

Yeroon waldaa Misooma Oromiyaa ture, hojiin hojjanuu fi pirojaktoonni bocinnu hangam dubartootatti dhiyaata gaaffii jedhuun ni ilaala.

Bakkan deemeettis, hangam dubartoonni carraa akka argatan ni gaafadha.

Adaamaarraatti wayitan ani kantiibaa ta'ee dhaqu lakkoofsi dubartooti oggansa irra turan gara harka 18 turan, wayita achii dhufu gara 32 irraa gahu dandeenyeerra.

Mana kanas erga dhufee baatii sadi guuteeraa. Wayitan dhufu dubartooti oggansarra turan harka 24 yoo ta'u, hojjattoonni ammo harka 49 turan. Amma oggansa keessatti dubartoonni gara harka 32n geenyeera; sababii ni danda'u waan ta'eef.

Mana Barumsa Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa hundeessinedha kan ani baayyee itti gammadu. Barattoota kana keessaa %46 ijoollee durbaadha.

BBC: Jijjiirama yeroo ammaa 'Team Lammaa' tiin dhufe kana keessatti dubartoota gahee guddaa qabu jedhaman keessaa isiniif Aadde Xayyibaan maqaan keessan ni ka'a. 'Team Lammaa' keessatti jijjiiramni kun akka dhufuuf shoorri keessan maal ture?

Adaanach: Inni guddaafi bu'uuraa rakkoon tureera. Rakkoon sun ammoo nu hunda kan miidheefi kan miidhudha. Al tokko tokko beeknees kan irratti garaa garummaa fiduu dadhabne waltajjii irratti ni ka'a garuu hin jijjiiramu. Ni jijjiirama jedhama garuummoo lafa irra hin bu'amu, hin lakkaa'amu.

Al tokko tokko ammoo waan akka dhaaba kanaatti, akka ADWUI'tti waltajjiitti bahee mariyannee ta'uu qaba jennuufi waanti lafarratti ta'aa jiru garaa garummaa kan akka dhaabbichaatti ni raawwatama jennee hin yaadnedha.

Aadde Adaanech Abeebee
Ibsa waa'ee suuraa, ''Dubartoonni carraa dhabanii malee oggansaaf umamaan gadi ta'anii miti''

Jijjiirama kanaan booda kan barre qofaa miti. Jalqabarraayyu kaasnee sirrii miti, qabsaa'aa hin jiruu, uummanni nu harkatti miidhama.

Keessa taa'anii jijjiirama fiduun filannoo akka ta'u irratti amanuudha jalqaba.

Yeroo qabsoon finiinu ani Adaamaan ture. Koree giddu-galeessaa keessa tureera. Boodarra gara walakkaa waggaa irratti garuu gara hoji raawwachiftuuttis dhufeen jira.

Gara Adaamaa osoo hin deemiin dura bara 2009 gara dhumaa jalqaba sochii guddaa kan gooneefi kan of irratti murteessine ture, akka miseensota ODP'tti jechuudha.

Nuti balleesse, tokko taanee qabsaa'uu, fedhiifi faayidaa uummata keenyaa ol kaasnee dubbannee murtiirra akka ga'amu gochuu irratti bifa adda addaatiin gaggeessummaa keenya keessa waan tureetiif, keessoo keenyatti hadheessinee qabsaa'uun tureera. Anis achi keessaa nama tokkodha jechuudha.

Bara ALI 2009 keessa faayadii uummataan qabatamee miidhaawwan turan ilaalchisee tarkanfiiwwan fudhatama turan, keesatti invastimantii waliin walqabatee, qabeenya uummataa waanta saamamuu waliin walqabatee, kontorobaandiifi kanneen biraa waliin walqabatee dubbichi dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu ture.

Kana bira yoo darbe dubbiin rakkoo cimaa fida waan ta'eef isa irratti ciniinnannee sochoona ture. Uummatas bifa sanaan kakaasuun dirqama ture.

BBC: Yeroo sana keessatti waanti danqaadha ykn carraadha jettan maalidha?

Adaanach: Danqaadha kan jennu qaamni faayidaa seeraan alaa argachuu bare waan baayyeedhaan sodaachisee, lolee, uummata keenya mataa isaa nu irratti kakaasee ykn uummata adda addaa nu irratti kakaasee mataa gadi nu qabachiisuu kan barbaadu ni jira.

Sodaachisni adda addaa tureera. Qaama waliin cimnee deemuu qabnu keessattu hawwaasa keessaa xiqqoo of duubatti deebisuun, gareedhuma of jalatti hoogannullee akka suuta deeman gochuun turaniiru.

Kana irrattis ejjennoo cimaa akka qabaannu, mariidhaanis, gorsaanis gaggeessitoota keenyaan wal argina jechuudha.

Akka carraa guddaatti kanan ilaalu garuu fedhiifi deggersa uummata keenyaati.

Uummanni keenya xiqqoo nuti sochoonee yeroo nuti xiqqoo sochoonee murtii fudhannee tarkaanii tokko deemnutti tarkaanfii sadii afur nu dura deemee jabaadhaa nutuu jirraa jedha.

Adaamaattis kanan arge kanadha. Godinaalee Oromiyaa keessas akka hooggansaatti deemee nan hojjedha ture. Kun baayyee cimaa ture. Bahaa guddaas nutti ta'aa ture fedhiin uummanni keenya jijjiiramaaf qabu.

BBC: Hooggantummaan kan dhiiraafi kan dubartii garaa gara jettanii yaadduu?

Adaanach: Garaa garummaa bakka itti qabus qaba. Tokkummaan isaas xiqqaa miti anaaf.

Tokko yeroo jennu, qophaa'insa qabaannaan, of kenninaan ulaagichi lamaaniifuu ni hojjeta. Walqixa hojjeta. Hoogganuun ni danda'ama. Dubartiinis hoogganuu ni dandeessi, dhiirris hoogganuu ni danda'a.

Hoogganuudhaaf garaa garummaa saalaa osoo hin taane, dandeettii, gahumsaafi qophaa'insa qabnuun ta'a. Hoogansi dhiirota gidduuttis, dubartoota gidduuttis garaa garummaan ni jiraata jechuudha.

Bakkan itti garaa gara ta'uu danda'a jedhee dhuunfaadhaanis amanu, bakkan dubartoota hoogganaa turettis, bakka dubartoonni na hoogganaa turanittis yeroon ilaalu, itti gaafatamummaa kenname sana lakkaa'anii, faana bu'anii itti gaafatamummaadhaan xiyyeeffachuun hojjechuu keessatti garaa garummaan ni jira.

Dubartoonni daran xiyyeeffatu itti gaafatamummaa isaanii sana irratti.

Lammaffaa uummataaf itti dhiyaachuun argamuuf, keessattuu gara caasaa dakaatti bakka uummanni kallattiidhaan hooganamutti yoo buune hooggantoota dubartootaa n argatu waajjiratti. Ni argatu, ni dubbisu, waan itti himan sanas tuffii malee gurraafi laphee guutuu kennanii dhaggeeffatuy.

Eessa gahe dubbiin sun jedhaniis hordofanii xiyyeeffachuu irrattis garaa garummaa argeen jira.

Kana malees dhimmoota adda addaa irratti saaxilamuufis garaa garummaan dhiirotaafi dubartota gidduu ni jira. Caalmaatti dhiironni dhidhiibamanii waanta rakkoo keessa isaan galchuu danda'utti dhiyoodha.

Dubartiin hooggansa irra jirtu garuu mana dhugaatii ooltee, mana dhugaatii bulte kan jedha waanti akkasii hin dhaga'amu. Guutummaan guutuutti dubartoonni naamuusa hin cabsan jechuu osoo hin taane, walii gala isaa yeroo yaadnu dubartoonni fooyee qabu.

Gara dubartootaa kana osoo qoratamee ilaalame foyyee ta'uu kan qabu ta'uu hin oolu. Kun amantaa kooti.

BBC: Hoogantummaa yeroo ammaa irra jirtan kana keessatti, waajira kana keessatti kana fiixaan baasuun qaba jettan maalidha?

Adaanach: Inni jalqabaafi guddaani kaayyoo ministeerri kun ittiin hundaa'edha. Galii dingadee biyyattiin burqisiiftu sassaabuudha. Hangan as turetti waantan gumaachuu barbaadu biyya galii ofii irratti abdattee dhaabbachuu dandeessudha. Gaheen kan waajira tokkoo ta'uullee yoo baate waan isaaf bu'uura ta'uu danda'u hojjechuudha.

Deggersa argachuu ni dandeenya. Biyya kamiyyu deggersa adda addaa ni argata. Liqiis argachuun ni jiraata. Inni hir'ina keenyaaf nu barbaachisa garuu ammoo waanti guddaan baasiin keenya guddaan galii biyya keenyaatiin biyya of dadeessu gochuudhaaf manni kun utubaadha.

Kana yeroo gababaa keessatti milkeessuuf ammoo humna namaafi tekinooljii irratti hojjechuudha.

BBC: Akka hooggantuu tokkoofi nama siyaasa biyya kana keessa jiruu tokkotti waan biyya kanaa waanti isin yaaddessu maalidha?

Adaanach: Tokkoo akkuman jalqaba keessaa ture, faayinaansii gaafatamu, karaa gaafatamu, bishaan gaafatamu hunda yeroo tokkotti ijaaruu hin dandeenyu, hunda al takkaatti gammachiisuu hin dandeenyu, tartiiba barbaada.

Gara biraatiin ammoo tartiiba kana hubatanii obsa dhabuun ni mullata. Yoo dubbii madaalliidhaan obsaan qabannee hin deemne, carraan amma harka keenya gale kun yoo gufatee kufaatii addaatu dhufa jedhee shakkuu baadhullee, kan harkifatu ta'uu danda'a.

Osoo baayyee fiiguu dandeenyuu yeroo keenyaafi humna keenya waan danqaa ta'utti fixuuti mullata. Kanaafuu uummanni keenya tokko ta'uutu isarra jiraata.

Tokkoffaa akka Oromootti waan xixiqqaa keessaa bahuu qabna, keessattuuu walqooduu keessaa. Tokkummaan isaa humna akka ta'e beekuun irra jira.

Kan lammafaa, sabni Itoophiyaa bakka lamaafi bakka sadiittti walqooduu osoo hin taane, nuti uummata tokko.

Kana gochuudhaaf ammoo uummanni keenya akkuma kaleessa qabsoo keessatti nu deggeraa ture nu cinaa dhabbachuudhaan nu deggeruu danda'uu qaba.

Yeroo abbaan barbaade lafaa ka'ee ajandaa kennuuf baadhatee miiraan deemuu hin qabu. Kun baayyee murteessuu barbaada.

Murteessuu dhuunfaa barbaada. Murteessuu waliinii barbaada.

Kaayyoon qaba, galman qaba jedhee kan yaadu, harki isaa baayyee ol ka'aafi cimaa ta'uutu isarra jiraata. Akkas yoo ta'e qaamni ajandaa adda addaa nuuf kennee bakka hin barbaachifne keessa nu dhaabuu barbaadu gadi xiqqaachaa ni deema jedheen amana.