Adaanach Abeebee: 'Komiin Ministeera Galiiwwaniitti Oromoon aangoorratti heddummaate jedhu soba'

Adaanach
Ibsa waa'ee suuraa, Adaanach

Ministeerri Galiiwwanii galiin ji'oota saglan darban keessa walitti qabe kan yeroo walfakkaataa baroota darbanii hunda kan caalu akka ta'e beeksiseera.

Kana malees mana hojichaa keessatti hooggansa naannolee biyyattii bakka bu'ee jiru ilaalchisee loogiitu jira jechuun tibbana komiin ka'aa tureera.

Dhimmoota kanaafi kanneen biroorratti Ministirri Ministeerichaa Aadde Adaanach Abeebee BBC waliin turtii taasisaniin, ''Inumaa Oromiyaa keessatti itti aantonni saboota biroodha,'' jedhu. Dhiyaadhaa.

Galiin barana walitti qabame- Birrii biiliyoona 145, kan bara darbee gara birrii biiliyoona 13tiin caala kan jedhan Aadde Adaanach kun dhibbeentaa 9.5n guddina argamsiiseera jedhan.

''Ta'us garuu barana waan baayyee hojjenna jennee waan karoorfanneef karoora keenya waliin yoo ilaalamu, ammallee hir'uun mul'atu ni jira.

Humna galii galchuu biyyattiin qabdu gaafa ilaallus hojii boonsaa hojjenneerra jechuun rakkisaadha,'' jedhan.

Sababa milkaa'inichaa

Hamma hojjetame kanas garuu salphaatti hin milkeessine kan jedhan Aadde Adaanech, sababoota milkaa'inasaanii wayita ibsan, ''Sirreeffama yookiin rifoormii hedduudha manicha keessatti kan geggeessine.

Nama kamuu osoo hin qoollifatin kaffalaa gibiraaf haala mijeessine.

Humna namaa ga'oomsuu fi kenniinsa tajaajilaa fooyyessuurrattis hojjenneerra. Sagantaa sosochii gibiraas akka biyyaatti qopheessineerra.

Kun hunduu hariiroo keenya uummataa waliin cimsee hawaasni akka haala salphaan gibira kaffalu taasiseera,'' jedhan.

Birrii biiliyoona 170 walitti qabuuf kan karoorfatan ta'uu kan dubbatan Aadde Adaanech ''Taaksii fi qaraxa alergii fi meeshaalee biyya keessa galchinurraa akkaataa barbaadamuun argachuu dhabuun akkasumas hanqinni sharafa alaa galma kana bira akka hin geenye nu danqeera,'' jedhan.

Galiin biyya keessaa walitti qabamuuf karoorfame harki 80 ol milkaa'eera kan jedhan Aadde Adaanech yaaddoon guddaan nuti qabnu ammas kan biyya alaatii galchinurrattidha jedhu.

Meeshaaleen kontirobaandii fi maallaqni biyyoota alaa daangaalee fi kutaalee biyyattii garaagaraatti qabamuun daranuu heddummaachaa dhufuunsaa biyyattii keessatti hojiin daldala seeraan alaa dhiyoo kana dabalaa jiraachuu waan akeeku fakkaata.

Aadde Adaanech garuu hojiin kontiraabaandii biyyattii kana keessatti dhiyoo kana caalaa, duraan baayyee dalagamaa ture jedhu.

''Caasaa keenya fooyyessuu, keellawwaan keenya irratti seera cimsuu fi uummata keenya waliin qindoomnee hojjechuun hojiin kun ba'ee akka mul'atu taasiseera.

Amma yoo xiqqaate kontirobaandii ta'uunsaa osoo beekamuu kellaarra hin darbu. Kanaafuu to'annaa keenyatu dabale malee hojiin kontirobaandii dabalee miti,'' jedhan.

Maaltu qormaata?

Haala duraan ture jijjiiruun qormaata qaba kan jedhan Aadde Adaanech ''Alaa fi keessaa caasaan kanaan dura hannaa fi hojii daldala seeraan alaa keessa ture gufuu nutti ta'aa ture.'' jedhan.

Ammas taanaan namoonni fedhii fi faayidaan isaanii duraa tuqame akka duraan baratametti hojjechuu barbaadu waan ta'eef , danqaalee akkanaa keessa darbuuf irratti hojjechaa jirra jedhan.

Dubartoota dhiyeenya kana aangoo mootummaa olaanaatti Ministira Muummeetiin muudaman keessaa tokko kan ta'an Aadde Adaanech Habeebee hariroon hojjetaa waliin qabanii fi kabaji hojjetaan isaaniif qabu milkaa'ina isaaniif sababa ta'uu dubbatu.

Manneen hojii jiran keessaa ministeerri galiiwwanii mana hojii akkaan rifoormii barbaadu ture kan jedhan Aadde Adaanech hojimaati badaan manicha keessa ture daldalaan akka abdii kutatuu fi walumaa galatti namni akka paartii biyya bulchu jibbu taasiseera jedhan.

''Rifoormii tajaajila si'ataa kennuuf gargaaru wayita mana hojichaa keessatti geggeessinu namoonni duraan aangoorra turan salphaatti fudhachuu hin dandeenye.''

Komii sabummaarra ka'u

Mana hojii galiiwwanii keessa hooggansa naannolee biyyattii bakka bu'ee jiru ilaalchisee loogiitu jira jechuun miidiyaan biyya keessa komii kaasaa turan, miidiyaa hawaasummaarrattis namoonni ni barreessu.

Aadde Adaanech dhimma kanarratti wayita yaada kennan, ''Gama hojjetaatiin komiin hin jiru. Sababni isaa hojjetaan madaalamee akkaataa dandeettii isaatiin bakka isaaf malutti ramadameera.

Hooggansa ilaalchisee, dameen gumurukaa gara caalaan Oromiyaa keessa waan jiruuf ta'uu danda'a.'' jedhan.

Oromiyaa keessa dameewan gumuruukaa Mojoo, Adaamaa, Jimmaa, Moyaalee irratti jiru kan jedhan Aadde Adaanech, dameewwan kanneen keessatti nama afaan, aadaa fi duudhaa naannichaa beekuu fi kabajutu ramadama jedhan.

Kunimmoo Oromiyaa qofa keessatti kan hojjetu osoo hin taane naannolee biroo keessattis akkasuma jedhan.

''Namni sabaan Oromoo ta'e aangoorratti heddummaateera kan jedhu soba. Inumaa Oromiyaa keessatti itti aantonni saboota biroodha.

Nuti bu'uurri keenya inni jalqabaa ga'umsa hooggansaati. Itti aanseemmoo biyyattiin sirna federaalizimiitiin waan bultuuf bakka bu'ummaan saboota akka loogiirraa bilisa ta'u gochuudha,'' jedhan.