Mudama ministirootaa: Itoophiyaan ministiroota haaraa muudde 20 keessaa 10 dubartoota

Madda suuraa, EBC
Ministirri Muummee miseensota kaabinee 20 akka muudamaniif mana maree bakka bu'oota ummataatti dhiheessan keessaa walakkaan isaanii dubartoota tahuun barame.
Ulaagaan hoggantoonni muudaman kunneen ittiin filatamanis ga'umsa isaanii qofa akka ta'e Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad himaniiru.
Hoggantoonni haaraa muudaman hojjettoota akka mararsiifatan, riifoormii kan gaggeessan, yeroo hojii kan kabajan, kolfanii keessummessuufi, ummata tajaajiluu, pirotokolii kan eegsisan, dadhabbii hojjettootaa kan hir'isan, walgahii hir'isuun yeroo isaanii hojii irratti akka dabarsan Ministirri Muummee ajaja dabarsaniiru.
Dubartoonni haaraa muudaman haqaan akka hojjetan, hanna akka saaxilan akkasumas shira irratti akka qabsaa'aan Ministirri Muummee dhaamaniiru. Haaluma kanaanis:
1. Aadde Mufariyaat Kamiil - Ministira Nagaa
2. Aadde Fatlawarq G/Igzaaber - Ministira Daldalaa fi Indastirii
3. Inj. Ayishaa Mohaammad - Ministira Ittisaa
4. Obbo Ahmad Shidee - Ministira Maallaqaafi Diinagdee
5. Obbo Umar Huseen - Ministira Qonnaa
6. Aadde Adaanach Abeebee - Ministira Galiiwwanii
7. Dr. Ergoogee Tasfaay - Ministira Dhimmoota Hawaasummaa
8. Dr. Fitsum Asaffaa - Komishinii pilaanii fi Misooma Biyyaalessaa
9. Dr. Hiruut W/Maariyaam - Ministira Saayinsii fi Barnoota Olaanoo
10. Dr. Xilaayee Geetee - Ministira Barnootaa
11. Yaalam-Tsaggaay Asfaaw - Ministira Daa'immanii, Dubartootaa fi Dargaggootaa
12. Aadde Daagmaawwit Mogas - Ministira Geejjibaa
13. Dr. Inji. Getaahun Mekuriyaa - Ministira Tekinooloojii fi Inoveeshinii
14. Obbo Jaanxiraar Abbaay - Ministira Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii
15. Dr. Saamu'el Hurqoo - Ministira Albudaa fi Boba'aa
16. Dr. Hiruut Kaasaaw - Ministira Aadaa fi Turizimii
17. Dr. Warqinah Gabayyoo - Ministira Dhimma Alaa
18. Obbo Birhaanuu Tsaggaayee - Abbaa Alangee Federaalaa
19. Dr. Amin Amaan - Ministira Fayyaa
20. Dr. Inj. Silashii Baqqala - Ministira Bishaan, Jallisii fi Annisaa ta'un mudamaniiru.
Ministiroota har'a muudaman 20 kanneen keessaayis isaan xumurarra jiran afran wajjirri isaaniis ta'e ministironn waajjiricha ogganaa turan kan hingeeddaramneefi bakkuma duraan turaniitti akka turu taasiifamusaanii barameera.

Madda suuraa, EBC
Ministirri Muummee akka jedhanitti, dubartoonni akka baay'atan qofaa osoo hin taane aangoo guddaa akka qabatan ta'eera jedhaniiru.
Ajandaawwan har'aa keessaa tokko kan ta'e iyyata hojii gadhiisuu Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa miseensonni mana marichaa fudhataniiru.
Wajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa kan diigamu yoo ta'u, hojiiwwan waajjiricha jalatti hojjetaman biiroo pireesii waajjira Ministira Muummee jala hundaa'utti raawwata jedhameera.
Waajjiraaleen sadarkaa komishinitti hundaa'aanis:
- Komishinii Sivil Sarvisii
- Komishinii Carraa Hojii Uumuu
- Komishinii Eegumsa Naannoo fi Jijjiirama Qilleensaa
- Komishinii Turizimii Itoophiyaa
- Komishinii Pilaanii fi Misoomaa akkasumas
- Komishiniin Invastimantii sadarkaa komishinitti hundaa'aniiru.
Wixinineen labsii aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu mootummaa federaalaa fooyyessu Roobii darbe manni maree ministirotaan murtaa'e Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti har'a sagalee guutuun ragga'eera.
Akka labsii 1097/2011 kanaatti waajjiraaleen ministeerotaa hundaa'aan 19 yeroo ta'an komishiniin pilaanii fi Misoomaa miseensa kaabinee 20ffaa ta'e kan ragga'e.















