Waldaa Haaromsa Finfinnee: 'Finfinnee dhugaa ganamaatti deebisuu...'

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Mirga Oromoon gama diinagdeen Finfinnee keessatti argatuu malu, afaaniifi aadaa isaatti akka fayyadamuufi seeraan ala lafa isaa irraa buqqa'uu hambisuuf kan qabsaa'u Waldaan Haaromsa Finfinnee yaa'ii hundeeffamaa Dilbata darbe Finfinneetti taa'e.

Qabsoon Oromoo sadarkaa guduunfaa irra gahee jira kan jedhan miseensi koree qindeessituu hundeeffama waldicha Obbo Ayyalaa Dagaagaa, "qabsoon Oromoo guduunfame kan jennu gaaf Oromoon abbummaa Finfinnee mirkaneeffatedha" jedhu.

"Hundaa'uun waldaa kanaas qaamumaa adeemsa abbaa biyyummaa Finfinnee mirkaneeffachuuti" jedhan.

Waldichi akka dhaaba siyaasaa osoo hin taane akka waldaa hawaasaatti jiraattota Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraataniin hundaa'as jechuun BBC'tti dubbataniiru.

"Dhimma diinagdee, aadaafi afaanii, dhimma buqqa'iinsa seeran alaa hunda irratti ni qabsaa'aa, yaada ni kenna, mootummaa waliin ta'ee hojjeta" jedhan.

Haaromsa kan jedhu Finfinnee iddoo duraa, dhugaa ganamaatti deebisuu ibsa jedhu Obbo Ayyalaan.

"Eenyummaa, afaanifi aadaa Oromoo bakka ganama turetti haaromsuu ykn deebisuu jechuudha" jechuun himu.

"Cimaa Oromoo, Oromoo caalaa ormatu beeka"

Yaa'ii hundeeffamaa kanarratti kan hirmaatan hayyuun seenaa fi aadaa Oromoo Obbo Dirribii Damusee, waldaan kun yaada Finfinneetti abbaa ta'uu of keessaa qaba jedhu.

"Oromoo Finfinnee keessa jiru dammaqsanii walitti fidanii, isa afaan hin beekne afaan barsiisanii, onawwan Finfinnee maqaan irraa jijjiirame maqaa duriitti akka deebi'uufi walumaagalatti Finfinneetti abbaa ta'uu haasofne" jedhan.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti Oromoon Finfinnee keessa jiru hedduun isaa Afaan Oromoos ta'e, Oromoo ta'uu isaas hin beeku.

"Waldaan kun garee ergama fudhatee nama barsiisuufi kakaasu, bakka bakkattis hojii aartii agarsiisu yoo hundeesse Oromoo jabeessa" jedhu.

Warri dur hora Finfinneetti irreeffatan, Finfinnee irra jiraatan, ilmaan Eekkaa, ilmaan Galaan amma eessa akka jiran hin beekamu kan jedhan Obbo Dirribiin kunis osoo qoratamee bira gahamee gaarii ta'a jedhu.

Waldaan kun yaada bareedaa qabatee ka'e, dargaggeessa Oromoo biraas deeggarsa cimaa argata jedheen yaada jedhu.

"Cimaa Oromoo, Oromoo caalaa ormatu beeka, kanaaf akeekkadhaati obsa godhadhaati kaayyoo keessan osoo hin dagatiin itti fufaan jedhaan warra waan kana eegaleen" jedhu Obbo Dirribiin.

line

Beeksisa yeroo gabaabaa keessatti marsaa hawaasaan himameen namni kuma 3 ol fedhii guddaa agarsiisee yaa'ii jalqabaa irratti argameera jedhu Obbo Ayyalaa Dagaagaa.

Yaada ijaarsa waldaa kanaa gabbisu yaa'icharratti kenname bu'uura godhachuun sanadni qophaa'ee qaama mootummaa dhimmichi ilaallatuuf gala, sana booda gara hundeeffama seera qabeessaatti deemama jedhu.

Hojiin waldicha bu'uura seeraa qabsiisanii hundeessuu baatii lama gidduutti akka raawwatu Obbo Ayyalaan himaniiru.