Magaalaa Finfinnee: Kutaaleen Magaalaa Finfinnee aanga'oota haaraa mudachuuf

Madda suuraa, FBC
Manneen marii kutaaleen Magaalaa Finfinnee 10n yaa'ii ariiftaa boru gaggeeffataniin muudama aanga'oota mummee haaraa akka taasisan eegama.
Yaa'ii ariifataan kunis guyyaa boruutti manneen marii Kutaalee 10 magaalaa Finfinneetti argaman hundaan kan gaggeefamu yoo ta'u, mudama aanga'oota haaraa akka taasisuu beeksiifame. Kana malees, Magaalaan Finfinnee dhiheenya kana kantiibaa haarawaa argachuun ishee ni yaadatama.
Karaa gama biraatiinis, walgahii ariiftaa mana maree magaalaa Finfinnee dhiheenya kana gaggeesseen, miseensoota kaabinee bulchiinsa Magaalattii kantiibaa Ittaanaa Injinar Taakkalaa Umaatiin dhiyeete raggaasiseera. Kana malees, kaabineen bulchiinsichaa walgahiisaa idilee isaa har'a taasifateen kanfaltii seeraan alaa fi haala kenniinsa dantaalee qondaaltoota motummaatiif taasifaman irratti mar'achuun, haaluma qorannoo torban dura dhiyaateen hir'isin akka taasifamu murtaa'eera. Hanqiinnii fi gaaffileen misoomaa haala ummataticha abbummaan hammatee fi walta'iinsa dargaggoofi abbootii qabeenyaa biyya keessaatiin gaggeefamuun deebii argachu akka qabaatu irratti walii galamusaa FBC Waajjirri AWUI kan Magaalaa Finfinnee eeruun gabaaseera.










