Kriis Ismiiz: Jijjiiramni dhufe akka itti fufu ni deeggarra

jilli Kriis Ismiiz ministira muummee waliin

Madda suuraa, Fitsuum Araggaa

Jilli miseensa mana maree bu'aa uummata Ameerikaa kutaa biyya Niw jeersii kan ta'an Kriis Ismiiziin hoogganamu jijjiirama siyaasa Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru irratti kutaalee hawaasa garaagaraa fi mootummaa waliin mari'ateera.

Mana maree bakka bu'oota uummata Ameerikaatti dura taa'aa koree fayyaa, mirga namoommaa fi dhaabbilee idila addunyaa kan Afrikaa kan ta'an Kriis Smiiz, dhimma siyaasa Itoophiyaaf nama itti dhiheenya guddaa qabaniidha.

Dhimma Sarbamiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessa ture irratti dhiibbaa gochuuf wixinee seeraa HR 128 sagalee caalmaan miseensota mana maree bakka bu'oota uummataan akka filatamu namoota dhiibbaa uumaa fi amansiisaa turan keessaas adda dureedha.

Jijjiirama Itoophiyaa keessatti dhufe ilaaluun hawaasa waliin mariyaachuuf akka dhufan imala isaanii fi marii hawaasa Oromoo waliin taasisan mijeessaa kan turte Seenaa Jimjimoo nutti himteetti.

Walargaa isaanii Ministira muummee fi qaamoolee hawaasaa garaagaraan booda ibsa miidiyaaleef kennaniin Kriis Ismiiz jijjiiramni siyaasaa ministirrii muummee Dr. Abiyy gochaa jiran kan jajjabeefamu jedhaniiru.

''Bara 2005 yeroodhumaatiif Itoophiyaa daawwadheera. Dhimmiin dhufeef mirgi namoomaa akka kabajamuufi Dimookraasiin akka jiraatu dhibbaa gochiif, wanti uummatni baraabduus sana'' jedhan.

Ministira muummee waliin wal arguu kan himan Kongirees maana Kriis, siyaasa Itoophiyaa hordofaa turuufi haasa'aa jalqabaa Dr. Abiyyi wayat muudaman haasa'an dhageefadheera jedhan. ''Barbaachisummaa boqonnaa haaraa eegaluu wayita haasa'u dinqameera, dhabbilee siyaasaa fi amantaa keessatti garaagarummaan jiru eebba akka ta'e waan himan dhagahuutti gammadeera'' jedhan.

''Kun addunyaarratti bakka baayyeetti waan mul'atuu mitis'' jedhaniiru.

''Hangan beekutti hoogganaan hidhamtoota hamma sana hidhaa gadhiisee isin bilisa jedhe jira jedhee hin yaadu'' jechuunis hojii gama kanaan hojjetameef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

''Wanti ta'aa jiru waan afuura nama kutudhas'' jedhaniiru.

Jilli Kriis Ismiiz hawaasa Oromoo waliin mariyateera

Madda suuraa, Coalition of Oromos for Human Rights and Democracy

Ameerikaan jijjiramoota kana keessatti kallattiin qooda kan hin fudhanne ta'uus, deeggarsa barbaachisu gochuun jijiiiramni kun akka itti fufu akka deeggartu himaniiru.

Dhiyeessa wantoota barbaachisuun deeggaruufi Itoophiyaan jiijiiramuushee kaanitti kan himan ta'uu dubbatan.

Wixinee seeraa HR 128 akka kabajamuu mirga namoommaa fi dagaagina dimookrasii mirkaneessuuf akka itti fayyadaman himaniiru.

Hawaas Oromoo waliin maal haasa'an?

Namni siyaasaa kun hawaasa Oromoo fi dhabbilee Oromoo waliin sagantaa qabu mijeessuuf Ameerikaattii Finfinneetti kan deebite qabsooftuun mirga namaa aadde seenaa Jimjimoo waltajjicha irratti jijjiirama amma dhufe kun itti fufiinsa haala qabaachuu danda'urratti mariyatamuu nutti himte.

Imalli isaanii kan xiyyeefatu jijiiirama dhufe kana mootuummaarraa kan dhagaahaniin dabalataatti amma uummatarraa dhagahuu fedhaniiti jetti Seenaan.

Dhaabbilee siyaasaa Oromoo, abbootii gadaa, abbootii amantaa fi qaamolee siyaasa keessatti gahee qaban waliin walarguu nutti himte.

Marii hawaasa Oromoo waliin taasifame

Madda suuraa, Abrahaam Birruu

''Jijjiiramni haajiraatu malee qilleensarra jira. Gadi hin dhaabanne. Sirna jabaan jijiirama kun akka lafa qabatu, filannoon dhufaarratti maal hojjetamuu akka qabuufi nageenya mirkaneessuun'' dhimmoota irrratti mariyataman ta'uus nutti himteetti.

Jilli Kriis Ismiiziin durfamu kun jijiiiramaafi abdii uummata keessa jiruun kan gammadan ta'u kan nuu himte seenaan, dhimmi nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti boora'aa jiru isaan yaaddeseera jette.

Walitti bu'iinsa naannolee garaagaaratti mudachaa turee fi jiruun lakkoofsi namoota qe'eesaaniirra buqqa'anii kan isaan yaaddesse akka ta'elle nutti himte.

Wixineen seeraa mootummaan Itoophiyaa mirga namoomaa akka kabachiisuufi Dimookraasiin akka dagaagu dhiibbaa uumu haaraan dhufaa jiru jira, sun jijjiirama fi bulchiinsa amma jiru akka deeggarutti qophaa'uu akka malus dubbatte.

Hawwasni Oromoo kennaa bullukkoo fi hirbaataa jila kanaaf taasisu akkasumas baandii Oromoon sirbi aadaa Oromoo sagantaa hoteela Shaaraatanitti qophaayerratti dhiyaachuus nutti himteetti.