MM Dr. Abiy Ahimad: Biyya liqii baayyee baattuuf furmaataa?

MM Abiy Ahimad fi Maayik Peens

Madda suuraa, Facebook/Ethiopia at the UN

Ameerikaatti daawwannaa taasisaan kan xumuran Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad, hawaasa Itoophiyaa achi jiru waliin marii kan taasisaan wayita tahu, Pireezidantii Ittaanaa Ameerikaa Maayik Peens dabalatee, hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa waliin marii taasisaniiru.

Kanneen keessaas, pireezidantii Baankii Addunyaa (World Bank), Jim Yoong Kim waliin marii taasisaniiru. Obbo Kim waan jedhan, ''Erga aangotti dhuftee dhiyeenyaan si hordofaa turre. Hojimaata itti gaafatamummaa fi iftooma qaban diriirsuuf yaalii gootan ni dinqisiifanna,' jedhan.

Riifoormiiwwan adeemsifamaa jiranis akka deeggaran pireezidantiin kun ibsaniiru.

Kana malees daarektara International Monetary Fund, IMF Kristiin Laagaard waliinis, Waashingitanitti marii taasisaniiru.

Xumura marii kanaarratti, ''MM Abiy Ahimad simachuu kootiif guddoon gammade,'' jedhanii, Ertiraa waliin araarri bu'uusaa dinqisifataniiru.

Dabalaniis IMF hoggantoota Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatuufi tattaaffii hiyyummaa hiri'suuf godhamu akka deeggaran himaniiru.

Hiikkaansaa maal?

''Daldalas tahe investimantiin tasgabbii guddaa kan barbaadudha,'' kan jedhan Yunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa piroofeesaraa fi hundeessaa dhaabbata i-Capital Africa Gammachuu Waaqtoolaa (PhD), Ministirri Muummee tarkaanfii ofitti amanamummaa fudhachaa jiru jedhu.

pireezidantii Baankii Addunyaa (World Bank), Jim Yoong Kim fi MM Dr. Abiy Ahimad

Madda suuraa, Facebook/Ethiopia at the UN

Hawaasni kamuu tasgabbaa'ee akk hojjetuuf, yaaduuf, akkasumas akka daldaluuf amantii fi hawwii horachuu qaba kan jedhan Dr. Gammachuun, 'Kanas sochii biyya keessa taasisaniin milkeessaniiru,'' jedhan.

'Mariin hoggantoota dhaabbilee idil-addunyaa waliin taasisaniis, amanteen akka dagaagu taasisan,' jedhu ogeessi diinagdee kun.

Wanti Ministirri Muummee hojjechaa jiranis bu'uura kaa'uu akka tahe dubbatu.

Biyya liqii baayyee baattu

Itoophiyaan biyya liqii baayyee baattee jirtudha. Dhiyeenya kanayyuu sadarkaan Itoophiyaan gama liqiin keessa jirtu, 'biyyoota carraan liqii deebisuu qaban yaraadha' jedhaman keessaa tokko.

Dhaabbileen kunniin waggoottan darbaniif, jijjiiramoota biyyattii keessa tahuuf malan irratti kan gaaffii dhiyeessaa turanidha. Keessattuu gama poolisii diinagdee biyyattiin hordoftu, dhaabbileen mootummaa jala jiran dhuunfaafillee banaa akka tahan, gareewwan siivikii fi mirga namoomaa fi kanneen biroo akka fooyyeessitu gaafachaa turan, jedhu.

'Dhaabbileen kunniin irree cimaa kan qabanidha. Biyyoota hiyyeeyyiif liqaa fi kennaan deeggarsa kan taasisu. Kanaaf amantiin isaan nurratti qaban hedduu murteessaadha,' jedhu Dr. Gammachuun.

Gaaffilee dhaabbileen kun dhiyeessaa jiran keessaa yeroo ammaa deebii waan argachaa jiran fakkaatu, kan jedhan Dr. Gammachuun 'Keessattuu gama seektara dhaabbilee mootummaa gariin gara dhuunfaatti dabarsuun hojiileen hojjetaman, dhaabbilee kanneenif deebii kan deebisudha.' jedhu.

Kanaafis riifoormii biyya kana keessatti adeemaa jiru akka deeggaran kan taasisedha.