Daawwannaa MM Dr. Abiy Ameerikaa keessaa maal argattan?

Madda suuraa, Yemedemerguzo
Daawwanaa kanarratti maaltu jedhame, maaltus ta'e? Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimed daawwannaa Ameerikaa Kaabaa taasisan akkuma itti fufanitti jiru.
Jila Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaaa Magarsaa dabalatee aanga'oonni ol aanoo Dr. Abiy waliin kutaa biyyattii keessa deemanii hawwaasa dayaasporaa Ameerikaa Kaabaa keessa jiraatan waliin dubbachaa jiru.
Mata-duree 'Gimbii jirgsinee riqicha ijaarra' jedhuun jaalala, tokkummaafi dhiifama labsuun qalbii hawwaasa biyya sana keessa jiranii biyyatti deebisuuf carraaqaa jiru.
Maaltu ta'e?
• Waltajjiwwan gara garaa qophaa'anirratti gaaffiin gola kamiirraayyu ta'an ka'anii deebiin Ministira Muummeen itti kennamaniiru
• Waldaalee hawwaasaafi amantaa waliin mariin taasifameera
• Sinoodosiin Bataskaana Orthodoksii Ioophiyaa sadeeta sadii oliif lamatti ba'ee ture gara tokkummaatti deebiyuun labsamuu
• Haasawwan akkuma kanaan haraaraafi jaalalaa of keessaa qabu Ministira Muummeen Taasifamaniiru
• Magaalaan Waashingiteen Diisiifi Loos Anjelees guyyaa Itoophiyaan jedhamanii akka kabajaman taasifamuu
• Ministirri Muummee Dr. Abiy, Pirezedaantii Itti Aanaa Ameerikaa Maayik Peensii waliin Waayiti Hawusiitti wal-arguun haasawaa taasisaniiru
•Dr. Abiy Ahiman dursitoota Baankii Addunyaafi Jaarmiyaa Maallaqa Addunyaa waliin wal-aguu
•Faayaa garaa garummaan Itoophiyaa mullateera (uffataan, alaabaan, gaaffiin)
• Namootaafi dhaabbileen siyaasaa toora mormiirra waggoota hedduuf turan waliin wal-arguun haasawaa taasisuu
• Kaka'umsi jiruufi simannaan jiru Dr. Abiyiin ajaa'ibsiisuu
Dubbii Ministirri Muummee imala Ameerikaa kanarratti dubbatan keessaa
• Gimbii jibbaafi addaan ba'uu waggota 40f ijaaraman jigsuuf waadaa galla
• Gimbiin jigee riqichi ijaaramu dhalootaafillee ta'uu qaba
• Nuti akkuma bara Aduwaa har'as seenaa ni hojjenna
• Ar'a dhiifamaan haa ida'amnu
• Lammiin Itoophiyaa miliyoona dhibba tokko ta'u yoo ida'ame lammii Afirikaa biliyoona tokko ta'u ni gaggeessina
• Kan nuuf hin kennamiin hin jiru garuu akka waan tokkollee hin qabne kan nu taasise ida'amuu dhabuu keenyadha
• Injiinar Simanyaw ajjeesuu malaa Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa daabsisuun hin danda'amu
•Deebii gaaffii irraa deddeebiyee ka'aa ture keessaa waa'ee barbaachisummaa mootummaa ce'umsaa Dr. Abiy deebiseen' mootummaan kamiyyu ce'umsadha, kanaan booda biyya Itoophiyaatti marsaa lamaa ol aangoorra turuun hin dand'amu' kanneen jedhan
Waan namoonni taajjaban keessaa
• Akka namoonni hedduun eeganitti namoota dhuunfaarraas ta'e dhaabbileen siyaasaarraa gaaffiin bilchaataafi jajjabaa ta'e hin kaane
•Heddumminni dhaabbileen siyaasaa biyya ambaa jiran kan nama ajaa'ibsiiseefi baayyeen isaaniimmoo waggoota dheeraa kan turan ta'uu
Dawwannaa Mineesitaarratti maaltu eegama?
Daawwannaa dhumaa taasisan kan Mineesotaatti taasifamudha akka sagantaa isaaniif qabameen. Jiraattonni Oromoo hedduminaan kan irratti argaman ta'uusaatiin walqabatee gaaffileen dhimma saba Oromoo ilallatan jajjabduun ni ka'u jedhamanii kan eegamus achirriiratti.














