'Itoophiyaan lamummaa dachaa eeyyamuu qabdi'

Madda suuraa, Getty Images
Ammam fagaatanillee lammileen Itopphiyaa sababa gara garaatiin biyya alaa jiraatan gaheen isaan nagaa, dimokiraasiifi misoomaa biyyaa keessatti gumaatan olaanaadha.
Keessumaa sochiiwwan waggoota dhiyoo asitti taasifaman keessatti hawwaasni diyaaspooraa karaa gara garaa hirmaataa turan. Hawwaasni kun ammallee caalmaatti hirmaachuuf haalawwan akka isaaniif mijatan gaafachaa jiran qabu.
Dr. Daraaraa Ximootiwoos waggoota 12 darban Ameerikaa kutaa gara graa keessa jiraataa turaniiru.
"Qaamaan Ameerikaa jiraadhullee hanga nama qaamaan Itoophiyaa keessa jiraatuu ta'uu baatullee wantoota biyya keessatti ta'an yeroo hunda dammaqinsaan nan hordofa. Keessumaa jijjiiramoota waggoota muraasa darban keessa biyya keessatti taasifamaa jiran qalbiin duukaa bu'aan jira," jedhu.
Waamicha lammileen Itoophiyaafi kanneen dhalootaan Itoophiyaa ta'an biyya alaa jiraataniif taasifame
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad haasawaa guyyaa muudama isaanii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti taasisaniin, lammileen Itoophiyaafi namoonni dhalootaan Itoophiyaa ta'an biyya alaa jiraatan garaa garummaan yaadaa qabaatan akkuma jirutti ta'ee dhimma biyya isaanii keessatti dammaqinsaan akka qooda fudhataniif waamicha dhiyeeessaniiru.
Ragaaleen akka mullisutti lammileen Itoophiyaa miliyoona sadii ta'an biyya alaa jiraatu jedhama. Kana keessaa ammoo miliyoona tokko kan ta'an Ameerikaa Kaabaa keessa kan jiraataniidha.
Lammileen biyya alaa jiraatan kun dhimmoota nagaa fi dimokiraasii biyya keessatti taasifamaa turan keessatti deggeruun ykn mormuun hirmaataa turaniiru.
Gimbii jigsinee riqicha ijaaruuf
Garaa garummaan yaadaa gidduu isaanii jiru akkuma jirutti ta'ee garaa garummaa gidduu isaanii jiruu jigee riqicha ijaaruuf kan kaayyeffate waltajiin marii Dr. Abiyyyi Ahmad irratti hirmaatu jedhame eegamu Adoolessa 28fi 29 bara 2018 magaalaawwan Waashingitan Diisiifi Loos Aanjeles keessatti akka gaggeeffamu ibsameera.
Koreen marii kana qindeessu biyya keessaa fi biyya alaatti hundeeffamee hojii eegaluusaa walitti qabduun koree kanaafi De'eetaan Ministiraa Ministeera hajaa Alaa Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsaniiru.
Jijjiirama biyya keessatti mullachaa jiru hawwaasni diyaaspooraa ija qajeelummaatiin ilaalaa jira kan jedhan Dr. Dararaan, "Bulchiisni haarawaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu namoota mana hidhaa turan kumaatamaan lakkaa'aman hiiksisuun, warreen aangoo isaanii akka hin taanetti fayyadaman ykn warreen yeroo walitti bu'insi uumamutti dhaabsisuu dadhaban aangoo isaaniirraa akka ka'an taasisaa waan jiraniif galateeffamuu qabu".
Akkuma waantonni gaariin mullachaa jiran, waantonni ammallee atattamaan sirreeffamuu qaban jiru jedhu Ogeessi Seeraa Dr. Dararaan. Keessumaa walitti bu'insi darbee darbee uumamaniifi namoonni qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'uun dhaabbachuu qabu. Dhimmi xiyyeeffannaa addaallee argachuu qabas jedhu.
Hiriironni Ameerikaa keessatti dabalatee biyyoota gara garaatti lammileen Itoophiyaa fi namoonni dhalootaan Itoophiyaa ta'an kanaan dura gaggeessaa turan sarbama mirgoota namoomaa fi gaaffileen dimokiraasii biyya keessaa ilaalchisee mootummaa irratti dhiibbaa fiduuf kan jedhan Dr. Dararaan, hiriirronni dhiyeenya kana Ameerikaatti taasifaman garuu adda jedhan.
"Waggoota 12 darban Ameerikaa keessa jiraadhe keessatti namoonni mormanii, sarbama mirga namoomaa saaxiluufi mootummaa irratti dhiibbaa gochuuf ba'aa turan. Amma garuu gammachuu qabaniifi deggersa isaanirraa eegamu bulchiifna Dr. Abiyyi Ahmadiif taasifna jechuun hiriira ba'an."
Akka Ogeessa Seeraa kanatti, namoonni ilaalcha siyaasaa gara garaa qabaachuun biyya alaa jiraataa turan carraa bulchiinsa haarawaa Itoophiyaa keessatti dhufaa jiru kanaan gara biyyaa galuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiru.
Kun ammoo giddina biyyattiikeessatti baayyee barbaachisaafi murteessadha. Namoonni biyya alaa jiraatan kun qabeenyaan, barnootaafi muuxannoon kanneen biyya jiraanirra foyyaa'oodha jedhu.
Muuxannoo biyyoota biroo kan akka Chaayinaafi Israa'eliin fakkeenya fudhachuun qabeenya, barnootaafi muuxannoo foyyaa'aa kana qabatanii gara biyyaa yoo deeman ammoo hawwaas-dinagdeefi siyaasa biyyattii keessatti ga'ee guddaa akka qabaatu himaniiru Dr. Dararaan. "Kun qabeenya guddaa hanga barbaadamu dhimma itti hin ba'amiin jirudha."
Itoophiyaan lamummaa dachaa eyyamuu qabdi

Madda suuraa, Fuula 'Facebook' Dr. Daraaraa
Kanaaf, daawwannaa Mininistirri Muummichaa Ameerikaatti taasisuuf jiran irratti gaaffileen hawwaasni daayaasporaa dhiyeessan keessaa Itoophiyaan lammummaa dachaa ykn lammummaa biyya lamaa qabaachuu eyyamuu qabdi kan jedhu gaafatamuu qaba jedhu Dr. Dararaan.
Lammummaa dachaa jechuun maal jechuu akka ta'e yeroo ibsan Dr. Dararaan, lammiin Itoophiyaa tokko yoo lamummaa biyya biraa argatu lammummaa kan Itoophiyaa ni dhaba.
Fakkeenyaaf, lammiin Itoophiyaa tokko Ameerikaa dhufee yoo lamummaa Ameerikaa argate akka seera Itoophiyaatti lammummaa kan Itoophiyaa ni dhaba jechuudha.
Kaardii Keelloo
Miidhaa kun qabus yeroo ibsan, lammileen Itoophiyaan miliyoonaan guutummaa addunyaarra faca'anii jiran keessaa lammummaa biyyoota biroo kan fudhatan hedduudha. Biyya isaanii Itoophiaa deemanii daawwachuu ni danda'u. kana gochuuf Kaardiin Kelloo jedhamu ni kennamaaf.
Kaardiin Keelloo kun viisa osoo hin barbaachisiin akka biyya isaanii daawwachuu danda'aniifi hojiilee gara garaa keessatti hirmaatan dandeesissa jedhu Dr. Dararran.
Garuu jedhan ogeessi Seeraan kun, dhimmoota ijoofi barbaachisoo akka lammiitti isaanirraa eegamu kan akka filachuufi filuu keessatti hirmaachuu hin danda'an. Akkasumas ittisaafi nageenya biyyaattii keessatti, hojii mootummaa keessatti dhaabbataadhaan qacaramanii hojjechuu hin danda'an.
"Kun danqaa guddaa nutti ta'eera. Arka keenyas kan nu hidhedha. Sababiin isaas, namoonni siyaasa biyyattii kallattii qabsiisuufi jijjiiramni akka dhufu taasisaa turaniifi taasisaa jiran lammummaa biyya biroo waan qabaniif yeroo biyya isaaniitti deebiyan filachuufi filamuu hin dnda'an. Kunimmoo hedduu nama gaddisiisa."
Kanaaf, bulchiinsi haarawaan Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu kun hundi keenyayyu guutummaan guutuutti hirmaannaa siyaasaa akka qabaannuuf lammummaa dachaa akka eyyamuufi dhalataan Itoophiyaa lammummaa biyya biraa argate tokko lammummaa kan Itoophiyaas akkuma qabaateen akka itti fufuu danda'u dhiibbaan taasifamaa jiru jedhan Dr. Dararaan.
Itoophiyaan lamummaa dachaa maaliif dhowwatti?
Itoophiyaan lammummaa dachaa maaliif dhowwatti gaaffii jedhuuf sodaa aanga'oonni Itopphiyaa taayitaa keenya dhabna yookaan ammoo akka barbaannetti namoota accuucnee bulchuu hin dandeenyu jedhudha jedhu.
Namoonni dhalootaan Itoophiyaa ta'anii lammummaa biyyoota biroo qabaatan dandeettiifi muuxannoo guddaa waan qabaachuu malu jedhamaniif dhimma siyaasa biyya isaanii keessatti yoo hirmaatan aangoo isaaniif yaaddoo akka ta'an mootonni Itoophiyaa darban ni amanu.
Kanaaf, aangoo akka dhaala isaaniitti fudhatanii akka garaa dhimma itti ba'uufi namoota keenya ajjeesaa, iyyoomsaa bulchuuf fedhii qabaniin akka ta'en amana jedhu Dr. Dararaan.
"Mootummaan amma jiru kun garuu kana hin godhu namoota hidhaman hiikeera, dimokiraasiidhaa kottaa dorgomaa, kottaa biyyattiin bal'oodhaa hunda keenyaaf ni geessii jedhaa jira. Kanaaf, karaa tokkoon waamicha akkasii wayita taasisaa jirutti, karaa biroo ammoo lammii hin ta'iinaa sababii ittiin jedhuuf hin qabaatu."












