Mana maree: Labsiin aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu mootummaa federaalaa fooyyessu ragga'e

Madda suuraa, EBC
Manni maree bakka bu'oota ummataa Itoophiyaa labsii aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu mootummaa federaalaa kanaan dura bahe fooyyessuuf wixinee dhihaate raggaasise.
Haaluma kanaanis, lakkoofsi ministeerota mootummaa federaalaa 28 irraa 20'tti akka xiqqaatu murtaa'eera.
Sababa lakkoofsi xiqqaachuu barbaachiseef Ministirri Muummee Dr. Abiy walgahii idilee har'aa irratti argamuun akka ibsanitti jijjiirama biyya keessa mul'atu hundee itti horuufi ummanni dhaabbilee mootummaa irratti amanamtummaa akka horatuufi jedhaniiru.
Nageenya amansiisaa mirkaneessuu, misoomni itti fufiinsa qabu fiduuf, kabajamuun mirga namoomaa fi dimokiraasii akkasumas dhaabbilee tajaajila haqa qabeessa kennan fi hanna irraa bilisa ta'an ijaaruun gaafii uummattoota Itoophiyaa ta'uun isaanii hubatameera jedhan MM Dr Abiy.
Fedhii ummataa guutuu, baasii xiqqeessuu fi akka mootummaatti dhaaba amansiisaa fi itti fufiinsa qabu uumuufis caaseeffamni fi ijaarsi dhaabbilee haaraa kun furmaata akka ta'u ministirri mummee Dr Abiy Ahimad himaniiru.
Lakkoofsa kaabinee xiqqaatuun hojjataan hir'ifamu kamiyyuu akka hinjiraanne ministirichi dabaluun ibsaniiru.
Waajjiraalee ministiraa kaan kan walitti makaman yoo ta'u kan haaraa hundeeffamanis jiraachuun hubatameera.
Haaluma kanaanis Ministeerri Nageenyaa, kan nageenyaafi olaantummaa seeraa biyyattii keessatti kabachiisuuf ni hojjata jedhamee amaname, akka haaraatti hundeeffameera.
Minisiteera kana jalattis Tajaajjilli Tika Biyyaalessaafi Tajaajila Nageenyaa, Ejansiin Sirna Nageenya Odeeffannoo, Poolisiin Federaalaa, Wiirtuun Ragaa Nageenya Faayinaansii akka hammatamu ibsameera.
Kana malees aangoon ministeera misooma dhimmoota Federaalaafi Horsiisee bulaaf kennamee ture amma Ministeera Nageenyaatii kan kenname ta'u ibsameera. Caaseeffamni har'a ragga'uuf jirus ji'oota shanan darbanitti qoratamaa tureera jedhameera.
Ministeerri daa'immanii, dubartootaa fi dargaggootaa bakka tokkotti kan deebi'eefi waan barbaadameef malee hojiin dhimmi hojii dhabdummaa fi dargaggootaa dhimma dhaabbilee hundaati jedhaniiru.














