Maallaqani Birrii Miil. 60 fi warqee Kg 7 seeraan ala socho'aa ture to'atame

Maallaqa biyyoota 13 seeran ala biyyaa baafamuuf Toogoo Wucaaleetti qabame

Madda suuraa, OMN

Maallaqa biyyoota 13 waliigalaan Birrii miiliyoona 60 tahuu fi warqeen Kiilogiraamni 7 birrii miiliyoona kudhanitti tilmaamamu seeraan ala gara Somaale Laanditti osoo dabarfamaa jiruu Toogoo Wacaaleetti to'annoo jala ooluu Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa beeksise.

Obbo Dammallash Tashoomee Itti Gaafatamaan Komishinii Gumurukaa Itoophiyaa damee Jigjijaa eeruu uummataa fi raayyaa ittisa biyyaan halkan keessaa sa'a sagal irratti maallaqa biyyoota 13 fi warqee Kg 7 walumaagalaan Birrii miiliyoona 70tti tilmaamamu to'annoo jala oolu himan.

Warqee Toogoo Wucaaleetti osoo gara Somaali Laanditti baafamuuf jedhuu qabame

Madda suuraa, OMN

Ibsa waa'ee suuraa, Warqee Toogoo Wucaaleetti osoo gara Somaali Laanditti baafamuuf jedhuu qabame

Maallaqni kun Gommaa of eeggannoof qabatanii deeman keessa kaa'uun konkolaataa FSR dhaan dabarsuuf osoo yaalanii himanii warqeen hanga kana madaalus qabamuu isaa argee hin beeku jedhan.

Komishinerri Komishinii Gumurukaa Itoophiyaa Dabalee Qabataa ibsa kennaniin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.5,Yuuroo kuma 8 fi 280, Paawondii kuma 31 fi 990, Doolara Kanaadaa kuma 25 fi 665, Doolara Awustiraliyaa kuma 8 fi 880 fi warqeen kiilogirama torba seeraan ala osoo dabarfamaa jiru Toogoo Wacaaleetti qabamuu himaniiru.

Dabalataan Fraankii Swiiz 690, Kroowna Noorweey kuma 8fi 870, Riyaalii Kwaataar kuma 4 fi 810, Diraamii UAE kuma 72 fi 715, Riyaalii Baahireen 904, Riyaalii Suufuu kuma 700 fi kuma 34 fi 88 fi Riyaaliin Oomaan 4 to'atamuu himan.

Namootni maallaqa kana daddabarsaa turan jedhamuun shakkaman afuris to'annoo jala kan oolan yoo tahu konkolaachisaan miliqee jedhames humnoota nageenyaan barbaadamaa jiraachuus himaniiru. Namootni kunnen ammiilee Itoophiyaa akka tahanis Obbo Dammallaash himaniiru.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee seermaleessummaan gonkumaa itti hin fufu jedhanii hojiin keenya hojiiwwan seer-maleessummaa ittisuun ummatni karaa wal qixa taheen qooddataa qabeenya biyyaa akka tahuuf hojjenna jedhan.

Erga MM Abiy Ahimed gara taayitaatti dhufanii as daddabarsi maallaqa seeraan alaa bal'inaan akka gaggefamaa jiruu fi akkasumas to'atamaa jiru himamaa ture.

Diyaaspooraan guyyaatti doolara tokko jechuun karaa Tirasti Fandii hundaa'ee gumaacha isaa bahachaa jira.

Gama biraan ammoo maallaqni biyyoota alaa karaa seeraan alaa osoo biyyaa baafamuuf jedhamuu bakkeewwan garaagaraatti to'atamaa akka ture qondaaltotni mootummaa himaa turan.

Aadde Adaanech Habeebee eeruu fi tumsa uummanni daldala seeraan alaa fi daddabarsa seeraan alaa kanaa ittisuuf taasisaa jirus dinqisiifataniiru.

Daddabarsa maallaqaa seeraan alaa cinattis meeshaaleen seeraan alaa jijjirama biyyatti dhufaa jiru gufachiisuufi jedhamanis akkasuma eeruu uummataa fi sakatta'insaan to'atamaa turan.