Daldaltoota sharafaa adamsuurra filannoowwan biraa ilaaluun furmaata ta'uu mala

Doolaara Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Hir'ina sharafa biyyaa alaa biyyattii mudatu to'achuuf daladltoota admassuurra filannoowwan biraa ilaaluun furmaata waaraa ta'u mala jedhu oggeessi dinagdee Dr Ayyalaa Galaan.

Sochiin motummaan Itoophiyaa sharafa seeraan alaa to'achuun hanqina sharafaa isa mudate furuuf duula baneen manneen daldalaa hojiin kun ittgaggeefaman cufamaniiru.

Haata'u malee sharafni maallaqaa gabaa seeraan alaa yeroo muraasaaf gadi bu'ee ture amma garuu deebii'ee dabalaa jira.

Duulli motummaa attamiin kana sirreessuu dadhabee jechuun BBCn ogeessa dinagdee Dr Ayyala Galaan dubbiseera.

Akkuma beekamu mootummaan yeroo hedduu kan hojjatu qaamotii sharafa seeraan alaa ykn black market hojjatu jedhaman adamsuudhaan. Haata'u malee tarkaanfiin adamsuun sun eessaanuu kan gahu mitii jedhu.

Sababii isaa yoo eeraniinis, daldalli seeraan alaa kun karaa adda addaatiin raawwatamuu danda'a jedhu.

Daladaltoota kanneen adamsuurra filannoowwan furmaata waaraa keennuu danda'an kan biraa irratti xiyyeefachuun barbaachisaadha jedhuu Dr Ayyalaan.

Fakkeenyaaf, lammileen Itoophiyaa biyya garaa garaa keessa jiraatan haala itti maallaqa isaanii baankii biyya Itoophiyaa keessatti itti olkaawwatan (saving account) isaa mijeessuun kanaaf furmaata gaariidha jedhu.

Hiriyyoonni isaanii kan lammii biyya biraa ta'an gonkumaa maallaqa isaanii baankii biyya keessa jiraatanii keessatti akka hinkusannee akka fakkeenyaatti eeruun, kun ammoo dingdee biyyaatiif gumaata olaanaa akka qabaatu himu Dr Ayyalaan.

Osoo motummaan Itoophiyaa haala kana mijjeessee lammiilee biyyoota addunyaa garaa garaa keessatti argaman maallaqa isaanii gara biyyaatti kan eergan ta'uu, haalli dhala baankoota biyyoota Awurooppaa baayyee gadaanaa waan ta'eef kun mataansaa akka namoota biyyatti olkaawwachuuf kakaasu akka fakkeenyaatti dubbatu.

Kanaafuu, motummaan Itoophiyaa daldaltoota sharafa irra hojjatan adamsuurra haala lammiileen biyya alaa jiraatan itti baankii Itoophiyaatti okaawwachuu danda'an mijjeessanii furmaata tokko ta'u mala jedhu.

Kama malees, mirgi Baankii Daldala Itoophiyaa baankii mootumaatiif kenname sun osoo baankoota biyya keessatti hojjattan hundaaf kenname gaarii tures jedhaniiru Dr Ayyalaan.